EGEREE SPORT
125 subscribers
319 photos
7 videos
6 links
Odeessaalee ispoortii biyya keessaa fi alaaf jijjiirraa taphattootaaf kanneen biroof nu hordofaa
Download Telegram
Callum Hudson-Odoi Cheelsii gadhiisuu danda'a!

Kilaboonni Piriimiyerliigii Ingiliiz Saawuzhaampitan fi Leestar Siitii taphatichi Cheelsii gadhiisuu akka barbaadu erga beeksifamee booda kilaboota Kaalum Haadsan-Odooyif fedhii agarsiisan jalqabaati.

Gaazexaan Gaardiyaan akka gabaasetti, qulqulleeffattoonni haala taphatichaa hordofaa jiru.

Taphataan lammii Ingilaandi ganna 21 kun tapha banaa Dilbata darbe Evartan waliin taasisan irratti garee Bluus keessatti hin hammatamne.

Hudson-Odoi yeroo tapha gahaa argachuun waancaa addunyaa Adoolessa keessa gaggeeffamu irratti hirmaachuu barbaada.

Dhiyeessiin Leesteer dhiheesse kun Cheelsiif fedhii addaa qabaachuu danda'a, Cheelsiin Oodiyoon fayyadamuun Weeslii Foofaanaa mallatteessuu danda'a.

SHARE GODHAA'' @egereesport
🚨 Filannoon Frenky Diong amma Barcelona keessa turuudha. Baarseloonaa gadhiisuu fi dhiisuu isaa bakki itti deemu hin murtoofne, garuu Yunaayitid taphatichi Baarseloonaa waliin waliigaltee irra ga'amee booda mallatteessisuuf fedhii guddaa qaba.

Cheelsiin taphaticha waliinis kontiraata mallatteessuuf yaalaa jira.

(Madda: Deevid Orenstein)

SHARE GODHAA'' @egereesport
Jeeraard Roomeeroo akka gabaasetti Baarseloonaan Bernaardoo Siilvaa waliin kontiraata waggaa 4f walii galuu isaanii fi taphatichi Baarseloonaa qe'ee isaa godhachuu barbaada.

SHARE GODHAA'' @egereesport
👉 Taphattoonni kaadhimamaa Ballon d'Or ta'an guyyaa 4 booda ni ifoomu.

SHARE GODHAA'' @egereesport
Aleeksiis Saancheez kontiraata Inter waliin qabu cabsuuf waraqaa hunda mallatteessee jira - torbee kana inter gadhiisee jijjiirraa bilisaan Olympique Marseilletti makama.

Kontiraata hanga waxabajjii 2024tti yeroo dhiyootti ni mallattaa'a.(Fabrizio Romano)

@egereesport
Adriyaan Raabiyoot gara Maanchistar Yunaayitiditti makamuuf fedhii qaba. Haadha isaa fi bakka bu'aa isaa waliin mariin jalqabameera.

[Madda Juuliyeen Laawurens ESPNFC].

SHARE GODHAA'' @egereesport
Kostaas Simikaas torbee kana leenjii guutuutti deebi'a jedhamee eegama.

SHARE GODHAA" @egereesport
Evertan taphataa Woolves Koonoor Koodii ergisaan mallatteessuu isaa beeksiseera; Waliigaltee keessatti taphatichi ergisaan deememuyyuu Wagga 1 booda dhabbiidhaan kan mallattesifatan ta'a.

@egereesport
@egereesport
Tiyaago Alkantaraan tapha Fulhaam irratti miidhama isa mudateen torbee 6f dirree irra akka fagaatu gabaafame.

| James Pearce

@egereesport
@egereesport
Cheelsiin kontiraata haaraa irratti goolii eegaa isaanii waliin mari'achuu eegalaniiru!

Cheelsiin Edowaard Meendi waliin kontiraata marii eegaluu isaa gabaasni gabaaseera.

Garuu marii kana keessatti gama lamaan gidduu fageenyi guddaan jira jedhama.

Meendiin bara 2020tti Reensii irraa yeroo makamu Cheelsii waliin kontiraata waggaa shaniif mallatteessee jira.

Haa ta'u malee garee kanaaf gatii guddaa qabaatus Istaamfoord Biriijitti galii gadi aanaa argatan keessaa tokkodha.

Akka Daily Mail jedhutti goolii eegaa kun taphattoota ijoo abbaa qabeenyaa haaraa Todd Bohli'n waliigaltee fooyya'aa ta'eef dursa kennuu qabu keessaa tokko ta'uun isaa adda baafameera.

Akkasumas kilabichi amma marii eegale jedha gabaasni kun.

Mendy yeroo ammaa torbanitti £52,000 qofa argatti.

Kilabicha keessatti waan baay'ee hin hirmaanne Kepaan torbanitti £150,000 argata.

Deeviid Dige'a Maanchistar Yunaayitid torbeetti £375,000 argata.

Meendiin taphoota 93 Cheelsiif taphate keessaa 49 qulqulleesse jira.

@egereesport
✅️ Tiimoo Weerner kilabii isaa duraanii RB Leipzig waliin waliigaltee dhaabbataa waggaa shaniif kaffaltii Yuuroo miiliyoona 20n itti makame.



@egereesport
👉 Deggartonni Maanchister Yunaayitid maatii Gileezar mormuuf jecha tapha torbee 3ffaa Livarpuul waliin qabanu irratti istaadiyeemii Olditiraaford duwwaa gochuuf karoorfataniiru.

#Emptyoldtrafford

@egereesport
Leandro Parades gara Juventus!

Taphataan sarara gidduu Naappoolii Faabiyaan Ruuiz gara PSG deemuun isaa dhihaateera, kanarraa kan ka'es oduun Paaraadees kilabicha keessaa bahuu isaa mul'achaa jira.

Juventus sababa Adrien Rabiot gadhiisuu isaatiin ija Paaradis ilaalaa jira.

Taphataan ganna 28 Paaradis kun kontiraata dhuunfaa Juveentus waliin taasisuuf walii galuun isaa himamaa jira, garuu walii galteen kaffaltii irratti taasifame hanga ammaatti hin xumuramne.

PSGn kaffaltii jijjiirraa Leandro Parades £m17 barbaada

Parades bara 2019 Zenit irraa gara kilabii Faransaayitti makame £36m.

Yeroo turtii PSG keessa ture taphoota 115 taphachuun gooliiwwan 3 lakkoofsisuun 10 mijeessee kenneera.

SHARE GODHAA'' @egereesport
Tapha UEFA super cup guyyaa har'a

4:00 || Riyaal Maadriid 🆚 Firaankfart

@egereesport
Hiriirsaa Fraankifart

4:00| Riyaal Maadrid fi Firaankifart
Hiriirsaa Maadrid

4:00| Riyaal Maadrid fi Firaankifart
Riyaal Maadriid fi Eintiraakt Firaankifart

Tapha Super Cup Awurooppaa galgala kana ni taphatama.Waa'ee tapha kanaa istaatiksii dubbisaa:

Riyaal Maadriid waancaa UEFA Super Cup afur kan injifate yoo ta'u, injifannoon isaa inni dhumaa bara 2017 ture.

Eintracht Frankfurt imala Awurooppaa Liigii injifachuuf taasisan keessatti osoo hin mo'amin hafe.

Riyaal Maadriid tapha waancaa Awurooppaa bara 1960 irratti Eintracht Frankfurt waliin taphate tokkicha 7-3n injifate.

Eintracht Frankfurt taphoota kudhan kilaboota La Liga waliin taphate keessaa 6 injifachuun, injifannoon ishee tokkichi tapha xumuraa waancaa Awurooppaa Riyaal Maadriid waliin taphate irratti ta'e.

Riyaal Maadriid taphoota 72 kilaboota Jarman waliin taphate keessaa 34 dorgommiiwwan hunda irratti injifateera (14 qixa bahuu, 24 mo'amuu).

Kaarloo Anchelootiin xumura kana yoo injifate leenjisaa jalqabaa waancaa Awurooppaa 4 injifate ta'a.



@egereesport
🏆 Tapha Suuper Cup Awurooppaa

Xumurameera

Riyaal Maadriid 2 fi 0n Interak Firaankifart
Daavid Alaabaa 37'⚽️
Kariim Beenzeemaa 65'⚽️

SHARE GODHAA" @egereesport