😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


#Dr. Kabajaa Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

#Jireenyaa Ijoollummaa Isaa

#Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe β€œBirraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

#Jireenya Isaa Finfinneetti

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan AmaaraaAfaan ArabaaAfaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud AhimadXilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka β€œHin Yaadin”, β€œAsabalee”, β€œAmmalelee” fi β€œGammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka β€œAl-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka β€œYidenqal” of keessaa qaba.

#Biyya Alaatti

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
Badhaasa


Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.

#Har'a kunoo Onkoloolessa 27 bara 2015 A LH Addunyaa kanarraa Du'aan boqoteera. Boolla isaa Daadhiin haa guutu Lubbuu isaa Waaqayyo Jeennata keessatti haa qananiisu😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
@Bedadina
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!πŸ™πŸ™πŸ™
@Bedadina

#Eenyummaan Kee bilchina ati qabduun madaalama.

#Maalummaa waan tokkoo Kan madaalu ala (bakkee) isaa utuu hin taane keessa isaati. #Gamoon Tokko Tokko fagoodhaa yeroo ilaalan alli (bakkeen) isaa baay'ee bareeda. Keessi isaa garuu hanga godoo xiqqoo illee hin miidhagu. #Haalli namoota Tokko tokkoos akkasuma. Namoonni akkasii nagaa erga gaafatanii booda waan dubbatan wallaalu. #Yaada uumuu waan hin dandeenyeef waanti dubbatan harkaa bada. Namoonni kunniin nama fagoodhaa isaan ilaalu gowwoomsan, illee nama dhiyaatee keessa isaanii ilaale garuu gowwoomsuu hin danda'an.

@Bedadina

@Saayikoloojii
#Rakkoo Furuuf Rakkoo irratti hin Xiyyeeffatin Rakkoo biraa ofitti dabaltaa! Rakkoo keessatti carraa biraa barbaadi malee!

@Saayikoloojii
#Amma  Yaali!

  #Umriin kee erga darbee booda waan hojjette of duuba deebitee yommuu yaaddu, wanta hin hojjennetu caala. #Osoon hojjedhee turee jetta,
Ni gaabbita, 'osoo yaalee bareeda ture jetta;  Garuu hin jedhiin, waan amma tuffattes ta'ee waan sodaatte hunda yaaliitii eenyummaa kee ofitti agarsiisi!  #Kana ta'uu baannaan bu'aan kee gaabbii qofa ta'a. Kanuma.

#Yeroo gaariin siif hawwaπŸ™πŸ™πŸ™
@Bedadina
#NAMA KEESSAA #NAMA TA'I !!!

πŸ‘‰#Nama keessaa nama ta'uun akka namaa ta'uu osoo hin taane, akka namni ta'uu qabu ta'uudha.
πŸ‘‰#Nama keessaa nama ta'uun dhibaa'uu osoo hin taane, dhiibbaa uumuudha.
πŸ‘‰#Nama keessaa nama ta'uun murteessuu nama gaafata.
#Kitaaba Ajaa'ibaa "Nama keessaa nama ta'i" jedhu Barreessaa Kennaa Tikkuu Ida'eetiin barreeffame gurguramaa jira bitadhaa dubbisaa Barreessa Dargaggeessa Qaxalee kana cina dhaabbadhaaπŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina

#share gochuun dubbistoota heddu biraan gahaa!!!

GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
Forwarded from Abera Negesa official
Namoota Amma online irra jirtan qofaaf Gaaffii Fi Deebii eegaluuf jirra!
1ffaan Kaardii Abbaa Qar. 100
2ffaan Kaardii Abbaa Qar. 50
3ffaan Kaardii Abbaa Qar. 25

πŸ‘‰Qophooftan taanaan Eegali Kan jedhu tuqaa!
​​​​#Gaabbii

#Ati Maal gaabbita Mee?
#Hospitaala Keessatti Qorannoon Namoota Du'aaf guyyaa muraasni akka isaan hafe itti himamee du'a eeggataa jiran irratti gaggeeffame akka ibsutti #Gaabbii isaanii ykn #otoo isaanii akkas jechuun dubbatan:-

πŸ‘‰Gammachuu hin qabun ture
πŸ‘‰Barnoota koo hin foyyeeffanne
πŸ‘‰Of hin kunuunsine ykn ofhin eegne
πŸ‘‰Haaloo ykn Jibbaanin jiraachaa ture
πŸ‘‰Maatii koof yeroo hin kennine
πŸ‘‰Namootan gargaaruu qabu hin gargaarre
πŸ‘‰Abjuu (Mul'ata)koo hin jiraanne
πŸ‘‰Maaliifan dhamaa'aa ture
πŸ‘‰Namootaaf jaalala koo hin ibsine
πŸ‘‰Amantaaf bakka hin kennine Nan tuffadhan ture.
πŸ™ Bal'ina isaa yeroo dhiyootti isiniif qabannee dhufna.
#"Gaabbii Fi Eegeen booda dhufti" Jedha Oromoo koof keessan.
#Maddi Dr.Wadaajeeneh
​​#Odeeffannoo Sobaa irraa of eegaa kana malees #Application Nagahee sobaa hojjetu waan jiruuf yeroo Bittaaf gurgurtaa Raawwattan illee maallaqni isiniif galuu dursitaanii qulqulleeffachuu qabdu. Fknf Nagaheen armaan gadii Kan sobaa ykn Fake dha.
#Dudhaalee Jireenyaa
πŸ‘‰Principles of Life
α‹¨αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αˆ˜αˆ­αˆ†α‰½
1.Of Fudhachuu(simachuu)
      πŸ‘‰Self Acceptance
       αˆ«αˆ΅αŠ• αˆ˜α‰€α‰ αˆ
2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu
   πŸ‘‰ Living for life purpose
αˆˆαˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αŠ αˆ‹αˆ› αˆ˜αŠ–αˆ­
3. Dorgommii irraa fagaachuu
      πŸ‘‰Living for life purpose
αˆˆαˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αŠ αˆ‹αˆ› αˆ˜αŠ–αˆ­
4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu
      πŸ‘‰Positive Thinking
α‰€αŠ“ αˆ›αˆ°α‰₯
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
      πŸ‘‰Being willing to learn
αˆˆαˆ˜αˆ›αˆ­ αα‰ƒα‹°αŠ› αˆ˜αˆ†αŠ•
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
     πŸ‘‰Walking with wisdom
α‰ αŒ₯α‰ α‰₯ αˆ˜αˆ˜αˆ‹αˆˆαˆ΅
7. Gamna(qaxalee) Ta'uu
      πŸ‘‰Being Intelligent
     α‰₯αˆαˆ… αˆ˜αˆ†αŠ•
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
     πŸ‘‰Taking no offence easily
     α‰ α‰€αˆ‹αˆ‰ αŠ αˆˆαˆ˜α‰€α‹¨αˆ
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
       πŸ‘‰Leading a life with gratitude
      α‹¨αˆαˆ΅αŒ‹αŠ“ αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αˆ˜αŠ–αˆ­
10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu
       πŸ‘‰Going for the best
     αˆαˆ­αŒ‘αŠ•  መፈለግ
11. Yeroo  hubachuu
      πŸ‘‰Understand the timing
     αŒα‹œα‹αŠ•  αˆ›α‹ˆα‰…
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu
     πŸ‘‰ Accept what you can't change
αˆ˜αˆˆα‹ˆαŒ₯ α‹¨αˆ›α‹­α‰½αˆ‰α‰΅αŠ• αˆ˜α‰€α‰ αˆ
13. Waraana  kee filadhu
       πŸ‘‰ Chose your Wars
α‹¨αˆšα‹‹αŒ‰α‰΅αŠ• αŒ¦αˆ­αŠα‰΅ መምረαŒ₯
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu
      πŸ‘‰Forgiving all and avoiding vengeance
αˆαˆ‰αŠ• α‹­α‰…αˆ­ αˆ›αˆˆα‰΅αŠ“ α‰ α‰€αˆαŠ• αˆ˜α‰°α‹
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
       πŸ‘‰Preserve in suffering
α‰ αˆ˜αŠ¨αˆ« α‹‰αˆ΅αŒ₯ αˆ˜α…αŠ“α‰΅
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
      πŸ‘‰Pure joy and rest
αŠ•ααˆ… α‹°αˆ΅α‰³αŠ“ αŠ₯αˆ¨αα‰΅
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
      πŸ‘‰Value inner beauty
αˆˆα‹‰αˆ΅αŒ₯ ዉበቡ α‹‹αŒ‹ αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
       πŸ‘‰Being humble and not despising others
α‰΅αˆα‰΅ αˆ˜αˆ†αŠ•αŠ“ αˆŒαˆŽα‰½αŠ• αŠ αˆˆαˆ˜αŠ“α‰…
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
       πŸ‘‰Being disciplined in life
α‰ αˆ΅αŠ αˆ΅αˆ­αŠ α‰΅ αˆ˜αŠ–αˆ­
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
      πŸ‘‰Giving and receiving
αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅αŠ“ αˆ˜α‰€α‰ αˆ
21. Onnee  kee hordofi.
      πŸ‘‰Follow your heart (Instinct)
ልα‰₯αŠ• αˆ˜αŠ¨α‰°αˆ
22. Kabajni kan  maluuf kabaja  kennuu
   πŸ‘‰ Give  due honor
ክα‰₯ር αˆˆαˆšαŒˆα‰£α‹ ክα‰₯ር αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅
23. Cimanii kadhachuu
πŸ‘‰Pray seriously
α‰°αŒα‰Ά αˆ˜α€αˆˆα‹­
24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu
πŸ‘‰Make history, leave legacy
ታαˆͺክ αˆ˜αˆ΅αˆ«α‰΅ አሻራ αˆ˜α‰°α‹

#Maddi @Dr. Wadaajeneey Mehaareneh MD, MA, MSc, MA
#Afaan Oromootti hiikee barreeffamaan kan Qindeessee dhiyeesse Abarraa Naggasaa Bsc, BA

#Join godhaa nu hordofaa πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ‘‰ @Bedadina
πŸ‘‰ @Saayikoloojii
​#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. β€œ#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, β€œIjoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. β€œ#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, β€œAbalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. β€œIjoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. β€œHin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. β€œ#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Walaloo jaalalaa
"""""""""""""""""""""""""
#Arfaasaa gaangoon dhaltee
Birraa farda leenjisu
Jaalallikee naaf gamtee
Innoo naman teessisuu

#Tulluun tulluurraa jigee
Mana fantaa gajjallaa
Foon maddiirraa nadhume
Naqalattaa kanarraa

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#Namni Hunduu waan mataa isaa qaba!

#Namni kamuu duwwaas miti namni kamiyyuu guutuus miti. #Nuti Karaa tokkoon milkoofnee gammadne jechuun namoonni hunduu karaadhuma sanaan milkaa'anii gammadoo ta'u jechuu  miti.  #Nuti waan barbaannu jaallachuu dandeenya, garuu waan jaallannu akka jaallatan namoota dirqisiisuu qabna jechuu miti.

#Yoomiyyuu taanaan  ta'uu fi ilaaluu kan qabnu waan keenya ta'ee fi kan nuuf kenname ta'uu  qabna malee akka abaluu maafan ta'uu dhabe jechuun dhiphachuu hin qabnu.  #Akka warra kaanii osoo hin taane, akka ofii keenyaa akka jiraannuuf kan uumamne!  #Kanaaf gammachuu ofuma keenyarra haa barbaannu!
       #Ati guutuus miti duwwaas miti kana beeki
#Yeroo  gaarii isiniif hawwa!!!
@Saayikoloojii
@Bedadina
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO
β€’|β€’ Mammaaksi dubbii fida.
β€’|β€’ Dubbii fixa.
β€’|β€’ #Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba.
Mammaaksa Oromoo kanneen baay'ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
➊. Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu'a. 
βž‹. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen.
➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate.
➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan.
➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame.
➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu.
βž‘. Bofti qal'ateef eegee hin qaban.
βž’. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin.
βž“. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan.
➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata.
βžŠβž‹. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti.
➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a.
➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan.
➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati.
➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.
➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
βžŠβž‘. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.
βžŠβž’. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan.
βž‹βœΏ. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a.
βž‹βžŠ. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti.
βž‹βž‹. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona.
βž‹βžŒ. Hoolaan gaafa qalame samii arga.
βž‹βž. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu.
βž‹βžŽ. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata.
βž‹βž. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.
βž‹βž. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u.
βž‹βž‘. Ijaa fi saree ganda hin lagan.
βž‹βž’. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.
➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.
➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een.
βžŒβž‹. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
➌➌. Mucaa boo'uuf jedhu jabbiin irra ejjate.
➌➍. Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbiisuu dha.
➌➎. Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba.
➌➏. Nama beekaa du'e osoo dhaga'uu awwaalu.
➌➐. Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen.
βžŒβž‘. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
βžŒβž’. Qe'ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti.
➍✿. Re'een baala argatte qeerransa hin sodaattu.
➍➊. "Situ diriiree of qochisiise" jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee.
βžβž‹. Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti.
➍➌. Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta'ee na ciniine.
➍➍. Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe.
➍➎. Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu.
➍➏. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan.
➍➐. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise.
βžβž‘. Waan lafatti falan gaalati fe'an.
βžβž’. "Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi.
➎✿. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan.
➎➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti.
βžŽβž‹. "Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eenyu wajjin araddaa irra ooluufi."

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii