#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
#Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
​#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. β€œ#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, β€œIjoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. β€œ#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, β€œAbalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. β€œIjoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. β€œHin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota  baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. β€œ#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)

@Saayikoloojii
#Akka jijjiiramtu amani!

#Barreessaan Jim Rohn akka jedhutti namni biraa akka puush aappii(Push up) siif  hojjetu hin qacartu, kanaaf nama biraa irraa waan caalu hin eegin.  #Namni biraa ba'aa keenya baachuu hin danda'u, Inumaayyuu dhugaa dubbachuuf ofii keenya bira darbinee ba'aa namoota biroo salphisuu akka dandeenyu amanuu qabna.

#Akkuma yeroo waan ajaa'ibaa argannu kuni  ciminaa fi dhamaatii kooti jennu, waanti hamaan yoo nu mudatus  Badii keenya ta'uu yommuu amannu karaa furmaataa walakkaa deemnee  jirra jechuudha. #Namni  akka nama sababa heddu dhiheessuu dhaabbatee hafe hin jiru!

#Yeroo Gaariin isiniif hawwa!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Ofiif ta'i

#Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

#Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. #Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. #Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

#Yeroo Gaarii isiniif hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii