#Waan gaarii ta'eef nu qopheessaa jira!

#Wantoonni nuti barbaannu kallattii barbaannuun yoo deemuu dide of dhiphisuu hin qabnu.  Garuu karaa barbaanne akka deemu gochuuf haa yaallu.

#Akkasis goonee Yoo dadhabne immoo jechama kana haa yaadannu. "Kadhannaa nuuf hin deebineefis haa galateeffannu"sababni isaas  nu caalaa waan nu barbaachisu beeka Waaqayyo. Yookaan yeroon wanti sun itti ta'u hin geenye. Yookaan immoo waanta nuti barbaannu caalaa waan gaarii nuuf kennuuf waan jiruufi.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/4alyQW28TBo
#Waan dandeessu hojjedhu!

  #Wanti hundi  kan ta'uuf sababa qaba.  Wantoota jijjiiruu hin dandeenyeef hin dhiphatin!  Yoo akkas gochaa jirta ta'e qilleensa hordofaa jirta jechuudha.  Akkana taanaan  eessayyuu hin geessu.  #Yaa qomoo koo isa kaan dhiisii โ€‹โ€‹of ilaali!  Waanti si fayyadu waa'ee egeree kee yaaduudha!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
#Dinqii dha

#Halkan raftee buluun kee dinqiidha.  Baatee galuun kee dinqii dha, Sababni isaas guyyaa har'a kana arguu kan hin dandeenye baay'ee dha.

#Namoonni maashinii malee hafuura baafachuu hin dandeenye baay'ee waan ta'aniif hafuura baafachuun kee dinqiidha.  Du'a fuulduratti yaaddoon kee salphaadha!

#Waan sitti hanqate osoo hin taane waan siif kenname ilaali.  Rakkoo meeqa keessa darbitee?  Yeroon ati anaaf dhumate jettee abdii kutatte akka qoosaatti darbeera.  Hiriyaa koo ati hin hubanne garuu jireenyi kee dinqiidhaan guutameera.

#Galateeffadhu!

#Guyyaa dinqii isiniif hawwina!
  Lafa nagaa oolaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii