#Jireenyaa Fi #Carraa

#Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jechuun carraa isaanii komatu!.

#Egaa atis bor yaa anaa jettee akka of komachaa hin jiraanneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jettee yaaddu gahii argami

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

Nadhii Tasfaayee Hayilee

@Saayikoloojii
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!πŸ’ͺ

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!πŸ™πŸ™πŸ™

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!


@Saayikoloojii
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #GalatoomaaπŸ‘πŸ‘πŸ‘

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
Nama Akka ati yaaddutti guutummaa guutuutti si hubatu yoomillee hin argattu. Boris hin eegin!

@Saayikoloojii
#Garbummaa Sammuu

#Garbummaa Sammuun injifatamuun osoo namni mana hidhaatti sin galchin,ati ofii kee mana hidhaa galchita. Boriin kee yaaddoo ta'ee sitti mul'ata. Har'aa kee aariidhaan dabarsita. Kaleessa keetti baay'ee gaabbita.

#Garbummaan sammuu waantota armaan gadiin ibsama.
1. #Yaadni kee guyyaa guyyaa waa'ee isa kaleessaa qofa akka yaaddu si taasisa taanaan dafii itti dammaqi. Kun garbummaa sammuu keessaa mallattoo isa guddaadha.
2. #Abdii kutannaa qofa sitti mul'isa taanaan, kunis mallattoo garbummaa sammuuti.
3. #Dorgommii namoot wajjiniitu sammuu kee jeeqaa jira taanaan
4. #Boriin koo maal ta'a jettee yaaddoo cimaa keessa ooltee bulta taanaan
5. #Qaamni ta'e rakkoo ati keessa jirtu naaf furuu qaba jettee teessa jennaan kunis garbummaa sammuuti. Nama hin eegin. Hanga dandeessu jalqabi sana booda si gargaaruu danda'aatii.

@Saayikoloojii
#Jireenya Kee Har'aa

#Jireenya kee isa har'aa irra dhaabbattee waantota afur murteessuu ni dandeessa.

1. #Guutummaatti abdii kutattee waan hojjechaa jirtu dhiisuu, jireenyi kun na gaha jechuudha.
2. #Baqachuu, booda deebi'uu, daftee kallattii jijjiiruu, gadi buutee jiraachuu yeroo filattu jechuudha.
3. #Yeroodhaaf boqonnaa fudhachuu, karaa kan biroo yaaluudhaaf murteessuu, fiigicha isa jalqabde dhaabdee kan biroo yaaluu jalqabuu, deemsa kee fi gocha kee hanga ammaatti taasisaa turte irra deebitee ilaaluu.
4. #Haala kam keessattillee gara fuula duraa ija jabinaan deemuu, tulluu mul'ata koo irra ba'ee of arguun qaba jettee murteessuu. Waadaan ani keessa kootti ofiif gale rakkinoota kana hundumaa caalee ni darba jechuudha.

#Kan murteeffatte situ beeka. Kan koo isa #4ffaa dha. #Murtoon kee eenyummaa keeti.

@Saayikoloojii
#Har'a Guyyaan maal turee?

#Baay'ina Rakkina na qunnameef jedhee yaada koo wajjin diina walitti hin ta'u. Jireenyi bu'aa bahii baay'ee qaba. Yeroo tokko tokko namatti duukanaa'uu barbaada. Ifuma guyyaa kanatu dukkanaa'ee sitti mul'ata. Guyyaatu si duraa Bada guyyaan har'aa maal turee ykn meeqaa? Jimaata moo Kamisaa? Sanbata moo Wiixataa? 14 moo 15? Jettee nama si cina jiru gaafatta. Maqaadhuma nama dur sirriitti beektuutu si duraa bada. Nagaa gaafachuu Fi nagaatti jechuutu walitti si duraa bu'ee Isa gaggeessaa jirtu irra deebitee nagaa gaafatta. Ajaa'iba mitii?
Ati dabarsitee Itti of kenninaan sammuun Kee si fudhatee deema, jureenya kanaan mannaa yoo of ajjeeftee obbaafatte siif hin wayyuu sin jedhee gurratti si hasaasa ykn guunguma. Kanaaf of eeggadhu Itti of hin gatiin adaraa didi.

@Saayikoloojii
πŸ‘‰#Haalota Baay'ee #RakkisooπŸ‘ˆπŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚

#Haalonni mul'ata Keenyaaf baay'ee rakkisoo ta'an muraasni:
1. #Ofitti abdii kutachuu
2. #Waan xiqqoon gammaduu fi waan xiqqoon ofitti aaruu
3. #Yaada namootaan oofamuu fi yaada namootaan of murteessuu
4. #Wantoonni ati yaadde gaafa akka ati yaaddeetti deemuu dhiisu
5. #Karoora keef qarshii isaaf barbaachisu gaafa of harkaa dhabdu
6. #Wanti ati baratteefi wanti ati hojjettu gaafa waldhabu.
7. #Barattee hojii dhabuu
8. #Jireenyaan of dadhabuu
9. #Jireenyi mana keessaa faallaa mulata keem sitti ta'uu
10. #Namoonni si hubachuu dhabuu
11. #Dhukkuba fi balaa hin yaadamneef saaxilamuu
12.#Osoo waan qabatamaa hin hojjetin umrin sijalaa deemuu
13. #Dhala dhabuu
14. #Siyaasaan adabamuu
15. #Biyyaa ba'uu
16. #Garee ta'een dhiibamuu
17. #Araadaan rakkachuu
18. #Arraba namootan dararamuu
19. #Namootaan ganamuu
20. #Hojirraa hin dandeessu jedhamtee geggeeffamuu
21. #Waan nyaattuu dhabuu fi gargaarsa dhabuu fi kkf

#Kanneen armaan olitti tarreefffaman kun wantoota baay'ee rakkisoo fi mul'ata keenyatti gufuu ta'uu danda'aniidha.

@Saayikoloojii #Join #Share gochuun nu hordofaa!!!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
Lafa milkii fi Nagaa Oolaa!!!
@Saayikoloojii
πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚
#Kufuu Fi Ka'uu

#Ilmaan Namaa Gidduutti garaagarummaa Kan uumu kufuu isaanii miti;Kufanii achumaan #hafuu Fi deebi'anii #Ka'uu isaaniiti.

#Yaa Qomoo koo! yoo kufte Addunyaa kana irraa ati nama yeroo jalqabaaf kufte miti. Miliyoononni kufaniiru. #Warri Kufanii ka'an seenaa hojjetu; isaan achiin hafan immoo sammuu seenaa keessaa irraanfatamaniiru. #Kanaaf atis akkuma namoota Kufanii ka'anii seenaa hojjetanii kuftee kaatee siidaa seenaan ittiin si yaadachaa hafu ijaartee darbuuf carraa qabda.
#JoinπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@Saayikoloojii
#Dandeettii kee beeki!

#Waan dandeessu qofa hojjedhuutii waan hin dandeenye  hunda immoo uumaa keetti kenni!  Waantota hedduun yoo garmalee of dhiphiste dandeettii wantoota sasalphaa hojjechuu ni dhabda jechuufan jedhe malee hin danda'u jedhiitii  harka maradhuu taa'i jechuu koo miti. Siif gale  mitii yaanni koo?? Dandeettiin hunda keenyaa garagaradha.

#Kanaafuu lama dhabduu taatee hafuu keerra kan qabatte  qabadhuutii jabaadhu!

  #Yeroo bareedaa qabaadhaaπŸ™

      πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡                          @Saayikoloojii
#Of kabaji!

#Kabajni namoonni siif kennan kabaja ati ofiif kennitu hin caalu.  #Kanaaf namoonni akka si kabajan yoo barbaadde dursa of kabaji;  Of
dagataa/ttuu  hin ta'in !

#Namoonni ati dinqisiifattu fi kabajju maal hojjechaa akka jiran ilaali, ykn amala isaanii isa gaarii illee hati.   "Aartistoonni gaariin ni fakkeessu, garuu kan hundarra gaariin hatu" #Paabloo Piikaasootu akkas  jedha.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii

                #Respect yourself!

#The respect people give you is no greater than the respect you give yourself.  Therefore, if you want people to respect you, first respect yourself;  Don't be careless!

#Look at what the people you admire and respect are doing, or even steal their best habits.  Pablo Picasso tells us, "Good artists imitate, but the best steal."
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@Saayikoloojii
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "Hunduu ni Darba" dha.  Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufnis ni darba;  Kan biraa dhiisi anis atis ni darbina!  Kan hin dabarre uumaa addunyaa kanaa Waaqayyo ykn Rabbi qofaadha.

#Kanaafuu maaliif rakkoo darbaa jiruuf hamma kana yaadda'uun?  Guyyaa darbuuf maaliif of miidhuun?  Jireenya kee jiraadhu.  Waan  jaallattu hojjechuuf qophaa'i, Jireenya hafuuraa kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaatti gammadi.  #Osoo hin darbiin jiraadhu yaa qomoo koo!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na  cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu  akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa!  Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa!  Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!πŸƒπŸƒπŸƒπŸƒπŸƒπŸƒβ€β™€πŸƒβ€β™€πŸƒβ€β™€πŸƒβ€β™€πŸƒβ€β™€πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸƒβ€β™‚πŸ€πŸ€πŸ€β˜˜β˜˜β˜˜β˜˜
@Saayikoloojii
#Galataa fi gammachuu!

#Umuriin keenya gabaabaadha.  Wantoota yeroo kanatti si #dhiphisaa jiran natti himi,yoon siin jedhe  waan baay'ee akka tarreessitu nan beeka.  Wanti nama ajaa'ibu garuu, umriin siif kenname wantoota si gammachiisan dhandhamachuuf illee gahaa miti!

#Maarree umurii kee gammachuuf illee gahaa hin taane kana gaddaafi yaaddoon qisaaseessita? #Waan tokko tokko akka qabduyyuu erga harka kee keessaa  bahee hubatta.  Hiriyaa koo amma kan si madaalu galataa fi gammachuu qofa!
#Gammadaa ta'i

#Jireenya gammachuun siif hawwaπŸ™πŸ™πŸ™
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/Saayikoloojii
#Deebitee Ni Kaata!

#Waantonni humna kee ol yoo ta'an dhaabbachuun Afuura galfattee dadhabbina kee sakattaata. Kan dhaabbatteef waan mo'amteef dhiisuuf miti. Humnaa fi cimina ajaa'ibaan deebitee ka'uufi malee.

#Gareen(Kilabiin) yeroo heddu #Waancaa fudhatuyyuu yeroo tokko tokko ni mo'ama. Yeroof gadi jechuun dirqama. #Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!!!!


    #Join godhi

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/Saayikoloojii
https://t.me/boost/Saayikoloojii
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #GalatoomaaπŸ‘πŸ‘πŸ‘

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/Saayikoloojii