#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
#Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Deebitee Ni Kaata!

#Waantonni humna kee ol yoo ta'an dhaabbachuun Afuura galfattee dadhabbina kee sakattaata. Kan dhaabbatteef waan mo'amteef dhiisuuf miti. Humnaa fi cimina ajaa'ibaan deebitee ka'uufi malee.

#Gareen(Kilabiin) yeroo heddu #Waancaa fudhatuyyuu yeroo tokko tokko ni mo'ama. Yeroof gadi jechuun dirqama. Addunyaa kanarratti namni osoo gadi hin jedhin ol jedhe tokkollee hin jiru.#Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!!!!

Hiriyaa kee yoo xiqqaate 10f qoodi (#share) godhi
    #Join godhi

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Namoota Gosa 5 tu jiru
1. Namoota si miidhanii of fayyadan.
2. Namoota si fayyadanii of miidhan.
3. Namoota si miidhanii ofis miidhan.
4. Namoota si fayyadanii ofiis fayyadaman.
5. Namoota sin fayyanne ofis hin fayyanne.

#Ibsa bal'aaf yeroo dhiyootti nu eegaa!
@Saayikoloojii #join share gochuun irraa baradhaa!

πŸ™@SaayikoloojiiπŸ™
#Yaadota Baay'ee Barsiisoo kana dubbisii namoota biroof illee qoodi


1.Nama namoonni akka fedha isaaniitti kaartaa jireenya isaaniitiin jiraachiisan hin ta'in. Kaartaa jireenya kee bocadhu! Kaartaa kee irratti of ijaari!
2. Argii jalqabi malee arguu qofaaf hin jalqabin! Dhaga'ii ba'i malee dhaga'uu qofaaf hin ba'in!
3. Ofii kee wajjin yeroo bal'aa fi sirrii ta'e qabaadhu!
4. Kan nama kuffisu baay'ina rakkinaa osoo hin taane, mul'ata xiqqoo fi obsa xiqqoo qabaachuudha!
5. Miidhama sirra ga'eef beellama haaloo ba'uu hin qabatin. Yeroo hundumaa ilaalchaa haaloo ba'uutu sirratti mo'a waan ta'eef.
6. Boriikeef karoorsi. Har'a keetti garuu gammachuudhaan jiraadhu!
7. Guyyaa tokko akka addunyaa lafarraa kana wajjin waliigaltee jireenyaa xumurtee deemtu(duutu) yeroo hundumaa yaadaa mana keetii ba'i akkasumas yaadaa mana keetti gali. Addunyaa daqiiqaa tokko booda waan ta'uu hin beekneef, nama hin jibbin ofiikees hin jibbin!

#Join πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii