DHANGAA AARTII OROMOO
586 subscribers
61 photos
1 video
1 file
24 links
Chainaliin kun artii oromoo guddisuuf kan banamedha. kannen akka walaloo, bacoo, mammaaksa, seenaa gotoota fi beekkumsa walii galaa ofitti hammata.

Yaada yoo qabaattan @chakuuuuu qunnamuu danddessuuu.
Download Telegram
GANTUUN TA'E MITII?

Gantuun ta'e Mitiree?
gantuu waanjedhe sobu
nama waadaasaa cabsee
imimaan irraa cobu

samiin qorsoo godhe
gantuu ta'uu koonan
hadhaarra ejjedhe
dirreen kufee jirurraa
eennutu na kaasa?
coba seenaa jalaa
eennutu na baasa???

hope dibera
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Forwarded from Quality move bot
Akka keetti aduunyaa kanaaf maltuu barbaachisaa jette yaada ???
utuu ilmaan oromoo
rasaasaan nyaatamu
akkaa bosonuudhaa
reebame qabamuu

Dhugumaa obsinaamoo
dubbachuu sodaannee ?
du'aa hadhaa goota
maliif tenyee ilaalle

ilmaan abbaa tokkoo
qabamee hidhaamaa
mirgii jiraachuusaa
irraatii fudhamaa

kun jirenyaa mitii
jirenyaa du'aan qixaa
utuu caliifnee tenyuu
diinni golaa nulixaa

tokkummaadhaan kanee
ofirraa qolannaa
yarttu irraa busnnee
mataa ol qabannaa.

hope dibera
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
onneen koo si jaalatte
Hedduu sif maraattii
Halkaanifi guyyaa
Waayee kee dhiphaatti

Maloo dafii kottu
Boqoonnaan argadhaa
Nabira demnnani
Ani nan maradha

Enyut naf hibatee
Gubaa kessakotii
Anoo sidhabnanii
Kunoo du'uu kotii.

hope dibera
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Forwarded from Qualitymovbot
WBO n zoonii lixa keessa sosso'u tarkanfii ajaa'ibsiisaa fudhaateen waraannii RIB baayeen isaani.......seemore
Dargaggeessa tokkotu ture. Jaarsa ogeessa tokko argee icciitiin milkaa'iina maali jedhee gaafate. Jaarsi kunis gaaffii Dargaggeessa kanaa erga dhageeffateen booda ,dargaggessa sana fudhatee gaaffii isaa deebisuuf gara laga bishaanii bu'e.


Jaarsi Ogeessifi dargaggeessi sun ganama lama ta'anii wal fudhatanii gara lagaatti deeman. Akkuma dhaqaniin suuta bishaan keessa seenan. Suutuma suuta bishaan afaan isaan gahe funyaan bira darbe. Yeroo kanatti Jaarsi sun Dargaggeessicha bishaaniitti gad dhiibe. Yeroo inni keessaa bahuuf muddamu jaarsichi ittuma gadi dhiiba. Yeroo kana Dargaggeessichi ol bahuu waan dadhabeef qurxummiin galaana keessaa miila isaa qabate. Dhuma irratti jaarsi qabee mataa isaa ol baase,Innis qilleensa fudhatee hargane.

Jaarsi ogeessi kun akkana jedhe,' yeroo bishaan keessa turte maal argachuuf lolaa turte "? JedheDargaggeessi sunis deebisee,"Qilleensa" jedhe. Jaarsis akkana jedhe "kunooti Amma icciiti milkaa'iinaa argattetta jedhe. Milkaa'iina argachuudhaaf akkuma bishaan keessatti Qilleensa barbaadde argatte,akkasuma milkaa'iina kee bira geessa . Kunis Icciiti isaati jedhe.

Milkaa'iinni fedhii ati waan tokkko argachuuf taasistu irraa argama. Yoo kaka'umsi kee dadhabaa tahe, gatiin kees faanuma isaa jira. Jireenya kee keessatti maal argachuu hawwita,isa argachuuf jabaadhu hojjedhu. Naannoo keessa jiraattu yookan namoonni waan ati hawwitu sana akka biraan si gahaniif hin eegiin. Qurxummiin garaa bishaanii jala waan itti mijatuuf jiraatti,siif garuu kun mijataa miti,kanaafuu kan siif tahu nama biraatif waan hin taanef.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Dhukkubaa biraan qabuu
Waraansa jaalalaa malee
Sijaalaadhee sin dhabuu
Kanaafiin siqofaa baree
💋
Halkanii guyyaan jedhuu
Jaalalaa keen raafaamee
Simalee homaan fedhuu
Duraattiin hiraarfamee.
💋
Guyyaa lakkoofsisnee
Erga jaalalaatti seennee
Onneekoo bareechisee
Qaataan siif ofkennee

Waadaa burkuteessee
Tabba meeqaan yaabbuu
Duraattin murteessee
Sichi ani hin gaabbuu
💋
Keessaa si darbadhee
Ormaaf karaan banuu
Kan sicaaluu argadhee
Ani tasa sin ganuu.
😍
Ati kudhaamaa kooti
Imaanaa bara baraa
Giiftii sanyii mootii
Waliin gannuu adaraa
💋
Takkaa addaan baanuu
Waan yeroof jarjarree
Fedhiif bultuun taanuu
ammaa irraa jalqabnee
💋
Harka wal qabannee
Deemsaa eegallee
Sin ganuu nan gatiin
Jennee waliif Gallee

Walirraa jirruus gamaa
Oduun nun dhamaasuu
Shiraaf hamiin namaa
Gargar nun baasuu
💔
Tabbaa dharaan yaabnuu
Oduu namaa qabannee
Hamiif gurraan laannuu
Jennee wal abdannee
💋
Hiriyaan wal jaalatee
Addaan baasuu halaallii
Boruuf wal abdatee
Itti fufa jaalaallii....



@Boontuu
@Boontuu.
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
GATII TOKKUMMAA/Value of Unity

Jaarsa tokkotu ijoollee isaa dhiira sadii waliin naannoo tokko jiraata ture. Jaarsichi baay'ee hojii jaallata. Ijoolleen isaas akkuma isaa hojii jaallatu hojiitti cimoo dha. Garuu wal jibbu; hin jaallatan. Abbaan isaanii isaan tokkoomsuu, tokkummaan akka jiraatan gochuu yaale. Ta'us hin milkoofne.

Wal jibbaa waggoota baay'ee erga waliin jiraatanii, guyyaa tokko abbaan isaanii dhukkubsate. Abbaan isaanis isaan waamee akka isaan tokkooman gaafate. Isaan garuu isa hin dhageenye. Ni didan.

Achumaan jaarsichi barnoota tokko isaan barsiisuu akka qabu murteesse. Kunis garaagarummaa isaanii irraanfatanii tokkummaan akka jiraataniif.

Guyyaa biraa jaarsichi ijoollee isaa waamee "ulee walitti hidhamee jirun isiniif dhiyeessa. Isin immoo ulicha tokko tokkoon hidhaa isaa keessaa baastanii bakka lamatti cabsitu. Kan dafee xumure immoo hunda caala badhaafama" ittiin jedhe. Isaanis yaadichatti walii galan.

Sana booda jaarsichi ulee hidhamee jiru hidhaan tokkichi ulee kudhan qabu tokkoo tokkoo isaaniif kennee, akka isaan hidhaa sana keessaa ulee tokko tokkoon fuudhanii bakka lamatti cabsaniif gaafate. Ijoollonni sunis dafanii xumuranii "anatu dura fixe si miti" jechuun wal loluu eegalan. Jaarsichi" yaa ijoollee koo dorgommiin hin dhumne wal hin lolinaa! Ulee hidhamee jiru kan biraan isiniif kenna. Akka duraa osoo hin taane hidhaadhuma inni jiruun cabsitu; tokko tokkoon hin ta'u. Kana qofatu hafe isa booda badhaafamaan beekama" Jedheen.

Dafanii gaaffii isaa fudhatanii cabsuuf yaalan. Hangam iyyuu yaalanii cabsuu hin dandeenye. Akka cabsuu hin dandeenyes abbaa isaanitti himan.

Jaarsichi "yaa ijoollee koo! ilaalaa, tokko tokkoon ulee hunda iyyuu cabsuun salphaa ture. Hidhaan cabsuu garuu eenyu iyyuu hin dandeenye.
Tokkoomnan eenyu iyyuu isin miidhuu hin danda'u. Yoo wal loluu itti fuftan garuu ormi dafee isin injifata. Kanaaf tokko ta'aa!" jedheen. Achuman ijoolleen tokkummaa keessa humni akka jiru hubatanii, yeroo hunda tokko akka ta'an abbaa isaaniif waadaa galan.


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Ulfaatina Xaasaa/the weight of the glass

✓Guyyaa tokko piroofeessarri saayikoloojii waltajii/fuula dura barattoota isaa asiif achi deemee qajeelfamoota hooggansa nuffii/nuffaa barattoota barsiisaa ture. Xaasaa bishaanii tokko ol kaasee,yeroo inni ol kaasu barattoonni hundumtuu Xaasaan kun bishaan "guutuu,walakkaa moo duwwaa" dha gaaffii jedhu gaafata jedhanii yaadaa turan. Barsiisaan piroofeessarri sun sesseeqaa," Ulfaatinni Xaasaa bishaanii ani baadhee/qabadhee jiruu kun hagami" jedhe.

✓Ijjoolleen iyyanii deebisanii Aawoonsii(meeshaa dhangal'aa ittiin safaran) saddeetii hanga kuubilii paawundii lamaa taha jedhan.

Barsiisaan piroofeessarri sun deebisee akkas jedhe "akka ilaalcha kootitti Ulfaatinni dhugaan xaasaa kanaa rakkoo hin qabu". Waan hundi isaa garuu hamma yeroo ani baadhee irratti hundaa'a. Yoo ani daqiiqaa tokko ykn lama baadhe dhuguma baay'ee salphata. Yoo ani harka koo qajeelchee sa'aatii tokkoof baadhe Ulfaatinni isaa harki koo miidhee irree koo na dhukkubsuu danda'a. Yoo ani guyyaa guutuu baadhee oole harki koo na hadoodun hojii ala(paralyzed) ykn xaasaa kana dadhabee lafa buusuun danda'a. Waan hundaa keessatti Ulfaatinni Xaasaa rakkoo hin qabu,garuu sa'aatii ani baadhee turu miira natti dhagahamu sanadha.

✓Dareen guutuun mataa isanii raasuudhaan itti walii galuu isaanii argisiisan ittuma fufee," muddamniif yaaddoon jireenya keessan keessaa Xaasaa bishaanii kanaa waliin baay'ee wal fakkaata ". Yeroo wanti tokko uumamu waa'ee waan sanaaf ni yaaddoftu. Yeroo dheeraa isaan yoo yaaddan xiqqoo isin waraana ykn isin dhukkuba. Guyyaa guutuu waa'ee isaanii yaadaa yoo ooltan, wanta tokko hojjechuudhaaf sammuun keessan isin hadooduu ykn paralyzed (hojii ala tahuu) danda'a hamma isaan of irraa lafa keessanitti jechuudha.

✓Kanaafuu yaaddoo kee kaleessaa dhiisuudhaan jireenya kee booruuf of haaressi jechuudhaan barattoota isaa gorse jedhama.


@GumaatAartii
@GumaatAartii
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Forwarded from Quality move bot
Gaaffii Hundaa hirmaachisee
👉 "Haati waan machoofteef intala ishee reebde" Himaa jedhuu keessatti kan machaa’ee enyuu ??
Eenyuutti himaturee
Caba onnee keessaa
Hundumtuu si cabsuuf
Mana gumaa si geessaa,
~
~
Taankiif Baankii malee
Wal faana biyyaaf kaanee,
Harra garuu orma mitii
Walitti diina jabaa taanee,
~
~
Yoo dubbatte rakkoodha
Dhiifnaanis kan caaluu,
Coba imimmaan keenyaa
Rabbiin qoftii haa ilaaluu,
~
~
Waan jennu wallaallee
Hundumtuu wal gaadaa
Yoo ati yaada kee himtee
Hunduu afaan si qadaadaa,
Safuudha!

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
😘Utuun_Si_Abdadhuu!❤️
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
Otuun si abdadhuu
amaanaa ko gattaa
an sifaanan fiiga
ati na baqattaa
🍀
Edaa ati akkana
yooman akkan si se'e?
Otuun sin hubatin
laga guddaa ce'ee
🍀
Karoorri koo dheeraa
kan keemmoo gabaabaa
otuun dur sibaree
naan taatu nan dhaaba
🌿
Reefiin si hubadhe
kunoo guyya adii
homaa sirran dhabee
waan naaf ta'u abdii
🌱
naaf bu'aan kee hunduu
jireenya koof gaadii
An deebi'e kunoo
qajeelfadhe daandii!
🍃
Egaa yaa namana
inni abdii koo turte
Waa'ee koos dagattee
erga garaa murtee
hedduus ta'uu baatu
wagga xiqqo turte!.
🌹
Naaf hin yaadda'ini
ana rabbiin kankoo
hundaa nagargaaraa
gammadii jiraadhu
jireenya dacheerraa!
🌷
Isati diigde sanas
Ammaa nan ijaaraa
Ani akkas hinseene
silaa maafan xaara

@Emmii_Kee 🌹

@Firii_Sammuu
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Danda'i Ya Garaa

Nyaadhu nyaadhu yaa handaaqoo
Beel'aan dhagaa nyaataa
Baadhu baadhu garaa koo
Garaan udaanuu baataa

Danda'i hunduma isaa
Situu gara balleessaa
gad baaftee hin haasoftuu
Ukkaamsitee dhoksitaa

Garaan icciitii baatuu
Badii biyyaa hambisaa
Hundarra baala buusee
Fala dhahee dabarsaa
Atis baadhu
Hin dadhabiin hundasaa

Dhugaatu bade jettee
Hin boo'iin mankaraartee
Dhugaan mana isaa jiraa
Guyyaa isaa beellamate

Hattuun yoo dallaa seente
Kan boorii hin mararamtuu
Donni harka guutatus
Hixatee namaa hin laatu
Hin jarjariin garaa koo
Gantuu harka hin eeganii
Hin darbu jedhu malee
Barri hin darba baraani

Quuqaa namaaf kan baraa
Fuunee mataatti baannee
Barris nuuf darbuu didnaan
Dhufnee baraan danqamne

Kormi lukkuu oggeessa
Sa'aatii beekee iyyaa
Warra hamma isaa hin geenyeef
Nuttis gad dhiifne biyya
Kan garaa keenya guutes
Maddiirraan nu mul'ate
Dhugaa qabnu sarbamnan
Garaan keenya gubate

Atis gubi yaa aduu
Arfaasaan dhufu hin badda
Atis kolfi yaa sobaa
Yoo dhugaan dhufe galtaa

Kormi biyya hambaa deeme
Suuta suutaan bookkisa
Garaan biyya isaa yaaddee
Baroodni itti fokkisaa
Danda'i kaa yaa garaa
Simatuu hundaas beekaa
Deegaas fakkaata malee
Garaan hin qabu deegaa

Utuu beeknuu walaallee
Utuu qabnuus yoo dhabnu
Manuma ofii qabnutti
Deemnee yoo Ukkaamamnu
Dhaba dhugaati malee
Yakka hin qabnu jarana
Gaafa tokkos harkaa baanee
Haqa keenyaaf dubbanna

Dukkanni dukkanaa'us
Keessaan urjii ilaala
Bariinis fiigee dhufa
Bakkalcha barii taana


@GumaatAartii
@sabakoofabdii
Forwarded from DHANGAA AARTII OROMOO
GIRL :- bira nii dhugdaa??
BOY :- eyye
GIRL :- guyyatii ammam dhugdaa
BOY :- sadii duwaa
GIRL :- biraan tokko meqaa...
BOY :- birri25
GIRL :- wagaa meqaaf dhugdee
BOY :- wagaa 20f
GIRL :- kunoo Amma guyya araati Otto birricha kusteeta tahee birri 324,000 xiyyaraa bitata turtee
BOY :- atti nii dhugdaa
GIRL :- Anni tasumaa Hin dhuguu
BOY :- mereree xiyyarii kee ?😀😀😀😀


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii

😂😂
Ija kootiif eegumsa Taasisi

Yeroo tokko akkas ture. Shamarree qaroo dhabeeyyii (kan iji ishee hin argine) tokkotu ture. Shamarreen kun iji ishee hin arguu waan tureef baay'ee of jibbiti turte. Jaalallee/hiriyyaa ishee dhiiraa irraa kan hafe nama hundumaa jibbiti. Inni yeroo hundaa isheedhaaf jedhee achuma ishee bira Oola. Isheen yeroo baay'ee akkas jetti;"ani utuu iji koo banamee addunyaa kana argees,ani jaalallee koo kanatti malee hin heeruma"jetti turte.

Guyyaa tokko namni ija lama isheedhaaf arjoome. Isheenis iji ishee waan banameef waan hundumaa argite. Hiriyaa ishee baay'ee ishee jaallatuuf ofii ishees jaallattu kanas argite. Jaalalleen ishee kunis gaaffii ishee gaafate;" amma addunyaa kana ijaan argiteetta, ammas akkuma dura jettu natti heerumtaa ?" Ittiin jedhe.

Intalli sunis baay'ee rifattee,garaan ishee baay'ee hammaate, jaalalleen ishee dhiiraa kunis akkuma ishee duraanii Jaamaa ture,kanaaf isatti heerumuu jibbite. Jaalalleen ishee kunis imimmaan isaa dhangalaasaa biraa deeme. Booda erga biraa deemeen Xalayaa akkana jettu barreessee ergeef; "Hiriyyaa koo IJA kootiif eegumsa sirriitti taasisiif " jedheen jedhama.

Kun Sammuun namaa haalota ilaalee akka jijjiramu argisiisan. Muraasa keenyatuu jireenya kaleessa keessa turre yaadanna. Yeroo baay'ee Ulfaataa ture keessatti yeroo ati baay'ee jibbamaafi namni sirraa baqataa ture sana eenyutuu akka si bira dhaabbataa ture dagachuun barbaachisaa hin turre.

Seenaa kana irraa akkuma arginu Jaalalleen ishee dhiiraa kun waan baay'ee ishee jaallatuuf Qaroo isaa lamaan of irraa baasee kenneef,isheenis addunyaa akkana ilaallaan bareedu kana argite. Akka inni isheef jedhee ija isaa lamaan dhabes quba hin qabdu. Jaamummaa ishee kaleessaa keessatti inni baay'ee ishee jaallataa ture,isheen garuu isheef jedhee jaamaa tahuu isaa keessatti iyyuu isa hin jaallanne.

Yeroo Fayyaa kee jirtu, Dhukkuba kee kaleessa keessa darbite sana hin dagatiin.
Yeroo qabeenya argattee sooromtus/duuromtus hiyyummaa kee kaleessa keessa darbite sana hin dagatiin.
Jireenyi dabareedha waan ta'eef, kaleessa baay'ee ajaa'uu dandeessa. Har'a garuu baay'ee Urgaa'uu dandeessa. Yeroo ati baay'ee ajaa'aa turte sana kan ajaa kee sanaa waliin si jaallatus jira ture. Kanaafuu atis warra har'a jireenyi isaanii foolii badaa itti maxxanse sana hin jibbiin isaanis akkuma kee har'aa kana jijjiramuu danda'u waan ta'eef.

Galatoomaa Horaa Bulaa
Guyyaa Gaarii Qabaadhaa !!!

Yoo itti gammaddan irraas baratan Sharee gochuu hin dagatiinaa.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@GumaatAartii
@GumaatAartii
waan nama kolfisiiftuu kana dubisaame

Namichatu haadha manaa isaa ajjeesee mana murtif dhiyaatee akkas taate dubbiin..
..
#abbaa_seeraa▶️ yakka ittin himatamte amanteettaa?
#himatamaa▶️ eeyyeen kabajamoo mana murti
#abbaa_seeraa▶️ maaliin rukuttee ajjeeste?
#himatamaa▶️ madooshaa 🔨
..
hirmaattota keessaa tokko dubbii himatamaa addaan kute wacaan
..
#abbaa_seeraa▶️ callisi maaltu si iyyisiisaa hin jeeqiin ta'uu baatnaan atis adabamuu keeti.
.
#namicha:▶️ kabajamoo namichi ofittoon kun si'a meeqa kadhadhee hin qabu naan jedhee tureem
..
#abbaa_seeraa▶️ (aariidhaan gara himatamaa ilaalaa) maal kadhattee si dide
...
..
#namicha▶️ madoosha🔨🔨🔨
..
.

😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Qiilxuu gamaa jala taa'ee
Ni darbitaan eega dhufee
Erga gaafan si Argeetii
Ijaan argee yooman si suufee

Natti qorra natti dhamoota
Akka nama qullaa jiruu
Si'ii baargamaa taa'uu
Qalbiin kiyya mana hin jiruu


Na qimmidaa jaalallikee
onnee gubbaa
Takkaa hin beeku abju'adhee
anoo jibba
Jaalallikees anaaf caalaam
Kumaaf dhibbaa
Bara quufii naaf jiraadhu
Darbii dhibba.

@Amaan17

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Dhugaa dubbaachuuf dirree adduunya kana irraatti sababa malee hin uumamne.
tarii sababa woyiif uummamtee.kitaabota hedduu dubbise ture. kennaa kee barbaadii isaan jedha. w
aaqni kennaa woyii siif kennee adduunyaa kana irratti si qalaqee.
tarii kennaa kana argachuu dhabuu dandeessa isa barbadde argachuun gahee kee ta'u qaba. gaafa kennaa kee isaa waaqni sii uumeef argatte jireenyaa gammaachu qabu jiratte dabartaa.
waan tokko naaf beeki. addunyaa kana irraa ni deemta kun shakki hin qabu. qaamani deemu dandeessaa garuu waan tokko siif dhaama. maqaan kee akka si faana hin duune. maqaan kee dhaloota dhalootan yaadatama akka deemu godhi..


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@oro_love1