SARON TUBE
200 subscribers
33 photos
126 links
Channel kana irrati waan barbadaa beksifachu dandeessa. Keessan nuu qunamaa. https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Download Telegram
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Jechoota babbareedoo biyyootaa


Namni xiyya ofii dhagaatti darbatu, ofuma jalaa cabsa. (Austria)



Gootni gonkumaa duubaan hin waraanamu.
(Bosnia &Herzegovina)


Haadha warraakee gonkumaa hin rukutiin;
ililliin illee yoo ta'e! (Hindi)


Yoo kanniisni manakee dhufte, bishaan kenniif. Guyyaa tokko damma barbaaduun kee
hin ooluutii. (Koongoo)


Erga dammaanuu ajjeesuu dandeessee,
maaliif summii barbaaddaa? (Bosnia Herzegovina)


JOIN

#Join-us


@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Obbaa abbaa Axadaa

Kan itti fufe


..Hunduu mala hime, dabaree walsaame, haasa wal¬harkaa butee
Hamma beekumsasaa waan qoricha jedhu, afaan dudubbate
Adaraa...maal godhaa. . .didee itti cimee, ittuma hammaate
Nama gaddisiisa guyyaa xinnoo boodaa
mucaaan badduu baate
Kuulleen abbaa Axadaa durbummaa dhaan duute.
Gadda guddaa ta’ee, qeyeen in goolamee
Obbo abba mucatti qabuutu dadhabame!
Isa gaddi seene garaan silaa hin obsuu
Xuruurfata booyee akka waan imimaan mucattii deebisu
Qannoo abba Axada, eenyu qabee haa teessisu?!
Manaa gadi utaale oobdii keessa ijaajjee
Galmaa Mikaa'eliitti asi achi galagale, aarii dhaan
fajajee
Battala oljedhee, koomee lafaa kaase asii ol hiixatee
Akka abbaa galfata qubasaa mirmirsaa, gaafa
afaan saaqqate,
Galma Mikaa'eliitti imimmaan facaasee, imimmaan
haqachaa
“Siyi Mikaa'eli...tarii na dhageessa...? Mikaa'elii
Waachaa!
Utuun si abdadhuu imaanaakoo gattee?
Marartuu xobbeekoo mucaakoo fudhattee?
Amanteen siif qabu maaf na shakkisiista?
Gulantaan si kaa’erra maaliif gadi of buufta ?
Yoosoo.... qumbii miti ati faandoo ulattaa !”
Jedhee itti himee, afuuraa baafatee, irraa galagale
Dhiphuu obbaafatee, akka waan oofkalee.
“Safuu….! Safuu…..!” jedhee, naasuun diilallaayee
Hammi gadda taa’e yeroo kana dhagaye
Balaa gadi bu’u, laf-jala sodaatee, qaamisaa suukayee
* * * *


...itti fufa
#Dr_Zalaalem


JOIN

#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Jechoota mimmiidhagoo


Dhugaan gaafa calliftu goota eeboo hirkifate fakkaatti. Gaafa kaatu garuu gurguddoota
hidhannoo hiikkachiifti.

Waan booddee keetii sagalee dhageessisu dhaggeeffachuuf karaa yoo dhaabatte, miidhamni kee waa lama. Gufachuu kaayyoo
dura keetii fi diina booddee keen dhufee sidhaanu.

Nyaatni yoo mul'ata dhaale, mul'atichi isa siluma iyyuu ka'umsa bade dha.

Diina gola kee daawwatu irra, fira balbala kee hin beekne siif wayya.

Hiikkaa abjuu keetii beekuun hamma kana masaanuu kee kan hinaafsise, raawwii isaa
arguun immoo farda siif harkisiisuuf ta'uu beekiitii obsaan deemsa kee itti fufi.



Kanan dubbiserraa


JOIN


#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
Bara Buuqqee duudaan
Dhagaa kattaa cabsu,
Bara 'qurciif dooluun'
Qubaaf wal arrabsu,
Bara Gaangee maseenni
Abbaa'shee tuffattu,
Bara Re'een qullaa'shee
Dhoksuuf eegee uffattu,
Bara Booyyeen okaa
Qusachuuf tursitu,
Bara Qocaan Illeettii
Tirattee ...dursitu,
Bara hunduu gaaffii
Bara hunduu faallaa,
Aannan adii jennee
Amansiisuu yaallaa ?
Faana hin dhiphatinaa
Teenyee'tuma ilaallaa!


Lati Chali Likasa tiin.


JOIN


#Join-us

@baacoowwan
Forwarded from Kaayyoo koo
JECHOOTA BEEKTOTAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)

■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)

■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)

■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)

■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)

■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)

■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)

■ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)

■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)
Join join share
@kaayyookoo
@kaayyookoo
@kaayyookoo
Forwarded from Deleted Account
JECHOOTA FILATAMOO


1. Hammam dheeraa taatus boru
arguu hin dandeessu.
2- Konkolaataa kumaatama
qabaattus, kutaa siree lukaan
deemuun kee dirqama.
3-Daaktuu beekamaa taatus
Qurxummii ta'uu hin dandeessu.
4- Nama jabaa beekamaa biyyaa
taatus gaara sochoosuu hin
dandeessu.
5- Poolisii beekamaa taatus
lubbuu qabuu hin dandeessu.
6- Diimaas ta'i keetii adiis ta'i,
Garuu gaaddidduun kee gurraachuma.
7- Kan arge hunda qabuuf kan
yaale, guyyaa tokko bofa qabee
hiddama.
8- Booji'ameera jettee nama
abaarame waliin hin oolin.
9- Hiriyyaa gaarii salphaatti bituu hin dandeessu, haa ta'uuti garuu salphumatti gurguruu dandeessa.
10- Birriin damee mukaa irratti kan hin biqillee erga ta'ee,
manneen baankii maalif damee banuu?
11- Biyya keenyatti bilisummaan
dubbachuu jira jechaa, maalif
bilbilaan dubbannee teeledhaaf
kaffallaa?
12- Adurreen gadaamii seentus,
adurrummaa ishee hin jijjiirtu.
13. Gorsii fi Booksiin kan

14- Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama
sammuu hiyyoomeedha!
15- Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraa’eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka
hin muran!
16- Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!
17- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi
nama keessa darbuudha!
18- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
19- Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hinu
wajjiin gadditee boohuu si wayya!
20- Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii
yyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
21- Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
22- Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa
tokkootti jijjiirama!
23- Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane,
bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
24- Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane,
akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
25- Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus,
namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
26- Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
27- Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu
(kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ufii isaatii uumamuu
(kalaqamuu)yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!.
@LagaJireenyaa @LagaJireenyaa @LagaJireenyaa @LagaJireenyaa
Forwarded from Dida Faye
BAKKA HIN BARBAADAMNETTI YEROOKEE HIN GUBIN👇
===
Bishaan barteen highland jennuun kun suppar-maarkeetiitti birrii 10n gurgurama, mana nyaataatti immoo hamma birrii 15tti, hoteelatti immoo hamma birrii 20tti...naannoo buufata xiyyaaraattii fi hoteela sadarkaa gurguddaatti hamma birrii 50tti gurgurama. Argitee, bishaanichi hin jirjiiramne, kan jirjiirame bakka ykn iddoo bishaanichi itti dhiyaatedha.

Hubadhugaa, bakka amma jirtutti hin barbaadamtu jechuun ati bu'aa hin qabdu jechuu miti, ati bu'aa qabeessa...kan gochuu qabdu tarkaanfii fudhachuudha.
👉Bakka amma jirtutti bu'aa buusuu hin dandeenye taanaan, gara bakka bu'aa buusuu dandeessutti socho'i!
👉Bakka amma jirtutti namootni sidhiibu, sijibbu, situffatu , bakka siif hin qaban taanan gara bakka itti kabajaa fi jaalalaan simatamtee hojjachuu fi bu'aa buusuu dandeessutti socho'i!

Barri kun gara bakka barbaadamuu keetti, gara iddoo eebbaa fi milkaayinaatti bara socho'uu siif haa ta'u!
Horii Buli
Forwarded from HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. (®yooyyaa©)
S i n b i r r o o F i n f i n n e e !

Yaa sinbo-qabeetti
Sinbirroo Tuulamaa,
Kan Qiliinxoo jirtu
Qaalluu Qaallittii gama,
Haayyoota Oromoof
Galaa ni geessitaa,
Moo atis sodaattee
Fagootti dheessita ?
Sagaleen isaanii
Akkam sin qaqqabuu,
Warri dhugaa dhaban
Waan siin jedhan qabuu ?
Qilleensa in-argatuu
Hafuura in-baafatuu,
Waa'ee jajjabee hoo
Akkam si gaafatuu ?
Mooraan Qiliinxoo sun
Shiboo moo dhagaadha,
Juwaar nagaa isaatii
Baqqalaan nagaadhaa ?
'Utuun' quba nyaachaa
Waan gaabban hoo qabuu,
Moo..abdii kutatanii
Waan dubbatan dhabu ?
Akka kee kochoo baasuu
Qalbiin koo hawwitii,
Kan namni hin argine
Ati argiteettaa-maaloo jaal Daawwitii ?
Adaraa kee Simboo
Simboo koo Makoodi,
Warra shirri miite-warra barri hiite
Waan isaan sittiman
Kottuuti nuuf qoodi !
Boqonnaa fudhadhu
Akka imalli kee-tasa addaan hin cinne,
Dhaamsa keenya geessii
Achis dhaamsa fidi-Sinbirroo Finfinnee!

Lati Chali Likasa tiin.

JOIN

#Join-us

@baacoowwan
Nama jaalattu Yeroo argitu Seeqii akka si jaalatuuf si gargaara.

Diina kee yeroo argituus Seeqi cimina kee itti Mul'isa.

Nama sii dhiise deeme gaafa argitus seeqi Sheena ykn gaabbiitu itti dhagahama.

Nama hin beekne yeroo aegituus Seeqi Nagiyaatu siif bu'aa.

Wantoota Channali kana irratti manxanfaman yeroo argituus seeqi bar Siin kaffalchiisu.😁😁😁

😁Yeroo hunda haa seeqnu😁
https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
👍JECHA GOOTOTA KEENYAA!!

👉Jechoota Gootota oromoo dubbisi.

1⃣.Ofumaa dhaamatu malee ana raasasni nan danda'uu.
👆jecha Agarii Tulluu

2⃣.Garbummaa irraa duuti bilisummadha.
👆jecha Elemoo Qilxuu

3⃣.Garbummaa hiddan buqqifnaa dadhabnuu ilmoo itti guddifna.
👆jecha Jeneral Waaqo Guutuu

4⃣.Boolla ykn gooda tokko kessatti si'aa lama hin cininamiin.
👆jecha Jaarra Abbaa Gadaa

5⃣.Duuti koo du'aa gootati, dhiigni koos dhiiga tasaa dhangala'ee miti, dhiiga saba kiyyaa bilisoomsuf lola'eedha.
👆jecha Maammo Mazammir

6⃣.Akkas ta'ee dubbiin keenya bofa eegee qabnaan hin citti, gadhiifnan itti lixxii.
👆jecha Haayilamaram Gammadaa

7⃣.Garbummaarra du'aan filadhee kanaafan fincilee daggalatti galee.
👆jecha Usumaayyoo Muusaa

8⃣.Kan keessa beekuf lollii taphaa.
👆jecha Abiishee Garbaa

9⃣.Jeedalaa ta'ee waggaa dhibbaa jiraachuurraa, leenca ta'ee aadee du'uu naaf wayyaa.
👆jecha Huseen Bunee

🔟.Namni kaayyoo isaa hin beeknee bishaan gabatee irraati, gara argettii jallataa.
👆jecha Eebbisaa Addunyaa

1⃣1⃣.Lubbuun gaafa dhalattee duuti du'aa sodaa haqarraa hin dabiin.
👆jecha Hajii Adamsaddoo

1⃣2⃣.Ummanni oromoo barachuu qaba. lammiin barate ammoo mirgasaf falmachuu danda'a.
👆jecha Jeneral Taaddasaa Birruu

1⃣3⃣.Aggaamanii dhiisun diinaa ofittii cimsuudha.
👆jecha Angaatoo Caalaa

1⃣4⃣.Bilisaa ta'ee dhaladhee, bilisaan jiraachu baadhus, bilisummaa kiyyaaf qabsaa'e du'uurraa huubni tokko na dhowwuu hin jiruus, hin jiraatus.
👆jecha Injinar Tasfaawun Camadaa.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉🅖🅐🅛🅐🅣🅞🅞🅜🅐👈
👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Hiriyyaa keef share godhi.
SHARE
SHARE
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹 https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk