#Yaada Namootaa Gara Yaadakeetti Jijjiruudhaaf:-

#Karaan Tokkichi Falmiirraa Bu'aa Argachuu Dandeessu Falmii baqachuudha.

#Yaada Namootaa Kabaji. Gonkumaa Dogongorteetta Namaan Hin Jedhin.

#Yeroo Dogaggortu Dogoggorakee Garaakeerraa Amani.

#Jalqaba Mirri Hiriyyummaa Isin Gidduutti Akka Uumamu Godhi.

#Gaaffilee Deebiinsaanii 'Eeyyee' ta'an Gaafadhu. Hanga Dhumaattis "Eeyyee" Akka Jedhan Godhi.

#Namootaaf Carraa Baay'ee Haasa 'uu Kenniif.

#Namoonni Yaadakee Akka Kan Isaanii Ta'etti Akka Yaadan Godhi.

#Yaada Namootaa Bakka Isaanii Bu'uun Ilaaluu Yaali.

#Yaada Namootaa Deggeri. Miira Isaanis Qooddadhu.

#Madda Kaka'umsaa Namootaa Guddichatti Fayyadami.

#Yaadakee Bifa Diraamaatiin Agarsiisi.

#Sodaan Keessakeetii To'adhu.
#Filannoon harka keenya Jira

#Jalqaba cimina Kee fi dadhabbina Kee fudhadhu(amani), sana booda of jaaladhu, dhuma irratti gara fuulduraatti tarkaanfadhu. "#Balali'uu barbaadda taanaan gara duubaatti kan si harkisu hunda ofirraa harcaasuu qabda" nuun jedha Barreessaan Roy T Benet jedhamu.

#Addunyaa kanarratti waanti namatti tolu hiree keenya murteeffachuu danda'uu keenya dha. Uumaanimmaa fakkeenya bifa isaatiin nu uumee uumama hunda irratti aangoo nuuf kennee Jira.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii