#Gorsa Jaalala Dhugaa Dubbisaa* #share godhaa =”=”=”=”=”=”=”=”=”=”=”=”

❤️Jaalala bituu hin yaalin jaalalli siin haabitu malee. Yeroo wal fakkaataa keessatti nama lama yoo jaallatte filannoonkee isa duraa osoo hin taane isa boodarra jaallatte ta,uu qaba.sababni isaas osoo isa duraa dhugaan jaallatte ta,ee isa lammaffaa onneenkee hin keessumsiisu ture.
🌻Jaalala jechuun:- -Bareedina barbaaduu miti -Faayidaa barbaaduu miti. -Ejjaa(fedhii foonii) barbaaduu miti. -Yeroo fayyaa qabaniif yeroo gammachuu qofa wal haammachuu miti. -Waan jaallatamteef jaallachuu miti. -Namnumti wal jaallataaf jaallachu miti. -Waan sibiteef atis guyyaa eegdee liqii deebisuu miti. -Bifa nama sanaa ilaaluu miti. -Qabeenya bor badu ilaaluu miti.

❤️Jaalala dhugaa jechuun -Waan hundarraa qulqulluu kan ta,e -Fakkeessu osoo hin taane dhugaa. -Dhugaa jaalalaatiif jecha hiyyeessa jaallachuu.bor wajjin horatu. -Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira dhaabbachuu. -Kan ofiif hin arganne nama sanaaf hawwuu. -Obboleessakeetiif dabarsitee lubbuukee kennuu. -Rakkinni har,a obboleessake(jaalallee) irra ga,e bor akka sirra ga,u beekte har,a rakkina isaa hirmaachuu. -Nama jaallatteef kabaja,iftoomina kennuu dha. Kana hunda cabsitee jaalalatti deemta taanaan jaalalichi hundee hin qabu bor buqqa,a.

@Dujabewa
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO
•|• Mammaaksi dubbii fida.
•|• Dubbii fixa.
•|• #Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba.
Mammaaksa Oromoo kanneen baay'ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu'a. 
➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen.
➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."
➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate.
➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan.
➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame.
➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu.
➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban.
➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin.
➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan.
➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata.
➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti.
➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a.
➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan.
➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati.
➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.
➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.
➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan.
➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a.
➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti.
➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona.
➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga.
➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu.
➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata.
➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.
➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u.
➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan.
➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.
➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.
➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een.
➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
➌➌. Mucaa boo'uuf jedhu jabbiin irra ejjate.
➌➍. Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbiisuu dha.
➌➎. Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba.
➌➏. Nama beekaa du'e osoo dhaga'uu awwaalu.
➌➐. Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen.
➌➑. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
➌➒. Qe'ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti.
➍✿. Re'een baala argatte qeerransa hin sodaattu.
➍➊. "Situ diriiree of qochisiise" jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee.
➍➋. Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti.
➍➌. Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta'ee na ciniine.
➍➍. Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe.
➍➎. Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu.
➍➏. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan.
➍➐. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise.
➍➑. Waan lafatti falan gaalati fe'an.
➍➒. "Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi.
➎✿. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan.
➎➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti.
➎➋. "Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eenyu wajjin araddaa irra ooluufi."

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii