#Walaloo jaalalaa
"""""""""""""""""""""""""
#Arfaasaa gaangoon dhaltee
Birraa farda leenjisu
Jaalallikee naaf gamtee
Innoo naman teessisuu

#Tulluun tulluurraa jigee
Mana fantaa gajjallaa
Foon maddiirraa nadhume
Naqalattaa kanarraa

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
💞💞💞💞#WALALOO HAWWII JETTU💞💞

Meeqa kan guuttatee eenyutu nattimaa
Hawwee kan argatee enyudha yaa jamaa
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼@Saayikoloojii
Meeqatu hawwee dhabee
Meeqatu harkaan qabee
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Hawwii bira gahuuf meeqatu dadhabee
Olii gadi jooree kan abdii irraa dhabee
🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀@Saayikoloojii
Meeqatu guuttatee hawwii jireenya isaa Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸@Saayikoloojii
Nama meeqa laataa kan harkaan ga'atee
Fedhii garaasaatii hawwii kan dhuunfatee
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐@Saayikoloojii
Eessaa daangaan haawwii eessatti dhaabataa Eessaan ba'ee deemee eessatti jellataa Eenyutti dhiyaatee eenyurraa fagaataa
Isa kamiif guutee kam duraa hir'ataa
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻@Saayikoloojii
Dhugaa ta'uu baannaan hawwiin hawwiidhumaa
Kan qoricha qabnee dhukkuba ilma namaa !!!!!!!!!!!!@Saayikoloojii
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
@Saayikoloojii