Forwarded from Abera Negesa official
#KUTANNOO
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatin waraanaatti seenuun balaa fida. Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motora Konkolaataa wajjin wal fakkaata. #Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Hurnni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? #Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa #yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. #Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. #Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha. Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'eef isa qallicha hin mo'u Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttugxee seenaa hojjechuu hin dandeessu Waan hundumaa keessatti #milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu #kufaatiidha Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallatti feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiifti. Waanti fedhe isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni #kutataan galma isaa ga'uuf carraaqqii isaa addaan hin kutu. #Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!
#Kutadhuu Ka'i

#Maddi Kitaaba Saayikoloojii
@Damma Daamuu
# Atis Injifachuu ni Dandeessa jedhudha