#Dhiirri fi shamarran kaayyoosaa irratti
hundaa'uudhaan jaalala gosa #6 wal jaallatu.
Isaanis:-

#💐1) Jaalala Hinaaffaa (Diversificative Love)Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta'ee, namoota wal jaallatan 2 jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha.Fakkeenyaaf:- Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr.Addunyaan Iftuu jaallate.
#🌻2) Jaalala Faayidaa (Fornificative Love):-Jaalalli kun immoo dhiirri tokko ykn durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha. Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri ykn shamarreen kun bu'aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/ dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin ykn immoo faayidaa sana ega argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.
#🌷3) Jaalala Haalaa (Conditional Love):-Jaalalli kun kan hundaa'u haala battala sana uumamu waabeffateeti. Fakkeenyaaf qamootni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta'e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda'u. Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay'ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to'achuuf wal jaallatu.Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama.Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay'ee beekamee jiruudha.
#🌺4) Jaalala Yeroo (Tentative Love):-Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenyaa irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe,yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Araabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.
#🌼5) Jaalala Kaayyoo (Purposive Love):-Kun gosaa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa'eedha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf ega murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta'eef, salphaatti hin fashalaa'u. Amma dandaa'amaa ta'etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa'in yoo hafe illee godaannisa ta'ee keessa namaatti hafa.
#🌻6) Jaalala Bakka Bu'iinsaa (Representative Love):- Jaalalli kun kan hundaa'u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubaraa kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa'u yoo ta'u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda'a.
🌹Egaa walumaa galatti ati barruu kana dubbisaa kan jirtu waan tokkon siif dhaama. Jaallachuus ta'e jaallatamuun kee gaariidha. Garuu “Jaalala akkamiin jaallachaa jira? Jaalala akkamiin immoo jaallatamaa jira?” jettee yaaduun barbaachisaa ta'a. Namootni baay'een jaalallee isaanii isa darbe yaadatanii osoo imimmaan gaabbii boo'anii argaa oolla (Fakkeenyaaf anafaa😭😜). Kana hundumaatiif sababa guddaa kan ta'e gosa jaalala jaallatamaa jiranii wallaaluudha. Yeroo tokko tokko dubarootni keenya dhiira jaalala hin beekne harkatti kufanii yeroo miidhaman, akkasumas immoo dhiira dhugaadhaan isaan jaallate shakkanii harkaa sigigaatanii yeroo kufanii agarra. Ati garuu obboleettii koo qaamni “Sin jaalladha” siin jedhu 99 yoo ta'e iyyuu achi keessaa kan dhugaan si jaallatu muraasa . Inni kaan waan haalli itti toleef si jaallata; inni kaan faayidaa addaa argachuuf, inni kaan yeroo sitti dabarfachuuf si jaallata. Inni kaan fedha foon isaa si irratti obbaafachuuf si jaallata. Qortee yoo ilaalte waan baay'ee arguu dandeessa. Kan gaa'ela si wajjin dhaabbatee haadha-manaa si godhachuuf si jaallatu baay'ee muraasa.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@Dujabewa
Hiriyoota keen gah!

Keessaayyuu namoonni jaalala adda baafachuu dadhabaniif!!!
#Dhiirri fi shamarran kaayyoosaa irratti
hundaa'uudhaan jaalala gosa #6 wal jaallatu.

#Isaanis:-

1) #Jaalala Hinaaffaa (Diversificative Love)Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta'ee, namoota wal jaallatan 2 jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha.Fakkeenyaaf:- Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr.Addunyaan Iftuu jaallate.
2) #Jaalala Faayidaa (Fornificative Love):-Jaalalli kun immoo dhiirri tokko ykn durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha. Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri ykn shamarreen kun bu'aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/ dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin ykn immoo faayidaa sana ega argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.
3) #Jaalala Haalaa (Conditional Love):-Jaalalli kun kan hundaa'u haala battala sana uumamu waabeffateeti. Fakkeenyaaf qamootni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta'e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda'u. Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay'ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to'achuuf wal jaallatu.Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama.Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay'ee beekamee jiruudha.
4) #Jaalala Yeroo (Tentative Love):-Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenyaa irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe,yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Araabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.
5) #Jaalala Kaayyoo (Purposive Love):-Kun gosaa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa'eedha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf ega murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta'eef, salphaatti hin fashalaa'u. Amma dandaa'amaa ta'etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa'in yoo hafe illee godaannisa ta'ee keessa namaatti hafa.
6) #Jaalala Bakka Bu'iinsaa (Representative Love):- Jaalalli kun kan hundaa'u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubaraa kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa'u yoo ta'u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda'a.
#Egaa walumaa galatti ati barruu kana dubbisaa kan jirtu waan tokkon siif dhaama. Jaallachuus ta'e jaallatamuun kee gaariidha. Garuu “Jaalala akkamiin jaallachaa jira? Jaalala akkamiin immoo jaallatamaa jira?” jettee yaaduun barbaachisaa ta'a. Namootni baay'een jaalallee isaanii isa darbe yaadatanii osoo imimmaan gaabbii boo'anii argaa oolla (Fakkeenyaaf anafaa😭😜). Kana hundumaatiif sababa guddaa kan ta'e gosa jaalala jaallatamaa jiranii wallaaluudha. Yeroo tokko tokko dubarootni keenya dhiira jaalala hin beekne harkatti kufanii yeroo miidhaman, akkasumas immoo dhiira dhugaadhaan isaan jaallate shakkanii harkaa sigigaatanii yeroo kufanii agarra. Ati garuu obboleettii koo qaamni “Sin jaalladha” siin jedhu 99 yoo ta'e iyyuu achi keessaa kan dhugaan si jaallatu muraasa . Inni kaan waan haalli itti toleef si jaallata; inni kaan faayidaa addaa argachuuf, inni kaan yeroo sitti dabarfachuuf si jaallata. Inni kaan fedha foon isaa si irratti obbaafachuuf si jaallata. Qortee yoo ilaalte waan baay'ee arguu dandeessa. Kan gaa'ela si wajjin dhaabbatee haadha-manaa si godhachuuf si jaallatu baay'ee muraasa.

#Maddiisaa kan dubbifneerraaa yoo sitti tole hiriyyoottan keetii share tasiisiif


@Saayikoloojii
@Bedadina