#Waanta Dhaloota #Fayyadu Dhalootaaf Kennuu Dhabuun(Dhiisuun) Dhaloota #Saamuudha!!!

#Gaafa duutu qabeenyi si wajjin awwaalamu tokkollee akka hin jirre mirkaneeffadhu. Wantota gati-jabeeyyii keessa kee jiran mara gadi baastee ittiin hojjechuu kee irraa kan ka'e qullaa ta'ii du'i. Namni ati saamte tokko illee hin jiraatin. #Jireenyi lakka'amu egaa kan akkanaati. Guutuu ta'anii dhalatanii duwwaa ta'anii du'uu! #Dammaqi! Ka'i! Socho'i! Karoorsi! Tarsiimoo sirrii lafa kaa'i! Irratti hojjedhu! Addunyaa suphee siin jettuuf warqee ta'uu kee mirkaneessi!
#Barri kun bara itti warqummaan kee mul'atu; bara itti mul'anni keessa kee jiru ba'ee ifatti argamu ta'uu qaba. Eyyee! Siinan jedha! Warqee suphee uffattee jirtuu nana suphee kee urgufadhu! #Gatii ofiif kenni!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!
@Bedadina