#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taสผan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
#Kan Ati qabduyyuu gahaa dha!

#Kennuun waan adda ta'e qabachuu hin barbaadu!. #Nuti nama tanee uumamnee dhiisiitii โ€‹โ€‹dhagaan illee dhala namaatiif bu'aa hedduu kenna!

#Maallaqa hin qabu hin jedhiin, maal qabaadhen maal fayyada, maalin kennuus danda'a hin jedhiin! namootni harka keen qaqqabattee jabaadhu jechuun gahaa ta'eef baay'eedha! #Qabeenya kee caalaa kan jaalala kee argachuuf hawwii guddaa qabu baay'eedha.#Jaalala kee isa dhuma hin qabne hundaaf kenni!
#Milkaa'inni Jaalala keessa keessa jira. Onnee Jaalalaa qabaadhu!!!

@Dujabewa
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Jireenya Kee Har'aa

#Jireenya kee isa har'aa irra dhaabbattee waantota afur murteessuu ni dandeessa.

1. #Guutummaatti abdii kutattee waan hojjechaa jirtu dhiisuu, jireenyi kun na gaha jechuudha.
2. #Baqachuu, booda deebi'uu, daftee kallattii jijjiiruu, gadi buutee jiraachuu yeroo filattu jechuudha.
3. #Yeroodhaaf boqonnaa fudhachuu, karaa kan biroo yaaluudhaaf murteessuu, fiigicha isa jalqabde dhaabdee kan biroo yaaluu jalqabuu, deemsa kee fi gocha kee hanga ammaatti taasisaa turte irra deebitee ilaaluu.
4. #Haala kam keessattillee gara fuula duraa ija jabinaan deemuu, tulluu mul'ata koo irra ba'ee of arguun qaba jettee murteessuu. Waadaan ani keessa kootti ofiif gale rakkinoota kana hundumaa caalee ni darba jechuudha.

#Kan murteeffatte situ beeka. Kan koo isa #4ffaa dha. #Murtoon kee eenyummaa keeti.

@Saayikoloojii