#KARAA MILKAA’INAA/#THE WAY TO SUCCESS

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti
milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha
qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa
akka ta’anis irratti walii galama. Kanaaf mee iccitii milka’inaa
kanneen 1,2…jenne haa kafnu;irraas haa barannu:

1.#Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo
barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan
onnee keessaniin amanuudha qabdu. Ofitti amanuun kan
wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan
dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina
isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina
isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”
Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan
dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,
hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka
yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

#2.#Namootni milka’aan kaayyoo qabu.
Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u
qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte
bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa. Kaayyoon
sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya
keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin
kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka
kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

#3. #Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma
boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin
qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala
kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

#4. #Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti
tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without
pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa
garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde
gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakka
yaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii tokko tokko
fudhachuudha qabda. Fkn barataa ciimaa ta’uu akka barbaadu
odeessuu osoo hin taane hojiitti seenuu qabda…cimsitee
qo’achuu !!

#5. #Namootni milka’an kanneen biroo jajjabeessuu jaalatu!

Milka’ina jireenyaa yoo barbaadde iddoo oolmaa keeti
namoota jiraan kan sii oliis haa ta’an kan sii gadii waan gaarii
isaan hojjataan hangamiyyuu xiqqa haa ta’u dinqisiifadhuuf ykn
jajjabeessi. Namni dinqisiifatamuu jibbu hin jiru.Kana gochuu
keetiif ammoo wanti kaasartu tokkoyyu hin jiru; bu’a garuu ni
argata: isaan jajjabeessuu keef sitti gammadu ;ofii kees ni
gammada. Nama wajjiin wal-qunnamtii gaarii horatta.Namoota
wajjiin walqunnamtii gaarii yoo qabaate jaalalaa fi kabajaa
argata.kun ammoo karaa biraan ofitti amantaa kee siif
dabala.Kanarra darbee ammoo namootni waliin hojjatu
kunneen kayyoo kee hubbachuun galma akka geessuu si cinaa
dhaabbatu/si tumsu/

Maarree amaloota namoota milka’anii kanneen jireenya
Keenya keessatti shaakaluun milka’inaaf haa hojjannu!!!

https://t.me/joinchat/bKDwTwVcntAyYmJk
#Yeroo #Filatamaa!


#Karaa milkaa’inaaf yeroon filatamaan yoomi?
Baay’een keenya har’a boru jechuun yeroo milkaa'ina keenyaa dheeressina.
#Yeroo hunda ni karoorsina, gara qabatamaatti seenuun hojjechuuf yeroon filatame ykn sirriin hin jiru.Yoo jiraates har'umadha.
#Kanaaf Milkaa’uuf karaa kee har'uma jalqabi.

#Guyyaa Milkii fi Eebbifamaa isiniif haa ta’u !!!

https://t.me/Bedadina
#KARAA MILKAA’INAA/#THE WAY TO SUCCESS

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti
milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha
qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa
akka ta’anis irratti walii galama. Kanaaf mee iccitii milka’inaa
kanneen 1,2…jenne haa kafnu;irraas haa barannu:

1.#Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo
barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan
onnee keessaniin amanuudha qabdu. Ofitti amanuun kan
wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan
dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina
isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina
isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”
Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan
dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,
hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka
yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

#2.#Namootni milka’aan kaayyoo qabu.
Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u
qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte
bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa. Kaayyoon
sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya
keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin
kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka
kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

#3. #Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma
boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin
qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala
kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

#4. #Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti
tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without
pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa
garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde
gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakka
yaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii tokko tokko
fudhachuudha qabda. Fkn barataa ciimaa ta’uu akka barbaadu
odeessuu osoo hin taane hojiitti seenuu qabda…cimsitee
qo’achuu !!

#5. #Namootni milka’an kanneen biroo jajjabeessuu jaalatu!

Milka’ina jireenyaa yoo barbaadde iddoo oolmaa keeti
namoota jiraan kan sii oliis haa ta’an kan sii gadii waan gaarii
isaan hojjataan hangamiyyuu xiqqa haa ta’u dinqisiifadhuuf ykn
jajjabeessi. Namni dinqisiifatamuu jibbu hin jiru.Kana gochuu
keetiif ammoo wanti kaasartu tokkoyyu hin jiru; bu’a garuu ni
argata: isaan jajjabeessuu keef sitti gammadu ;ofii kees ni
gammada. Nama wajjiin wal-qunnamtii gaarii horatta.Namoota
wajjiin walqunnamtii gaarii yoo qabaate jaalalaa fi kabajaa
argata.kun ammoo karaa biraan ofitti amantaa kee siif
dabala.Kanarra darbee ammoo namootni waliin hojjatu
kunneen kayyoo kee hubbachuun galma akka geessuu si cinaa
dhaabbatu/si tumsu/

Maarree amaloota namoota milka’anii kanneen jireenya
Keenya keessatti shaakaluun milka’inaaf haa hojjannu!!!

#JOIN AND #SHARE
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/joinchat/bKDwTwVcntAyYmJk
#Qeeqxoota keessoo

#Qeeqxonni keessoo keetii, dadhabinaa fi hanqina kee qofa komachuu gaafa jalqaban, murtii isaanii guutuumaan guututti fudhachuun miira ofitti amanamummaa kee ajjeesa.

  #Qeeqxonni keessoo kee namni si kabaju, si jaalatu akka hin jirre yeroo sitti himuu jalqaban, ati ammoo of jaallachuun kee qofti hunda caalaa barbaachisaa akka ta’e of yaadachiisi.

#Ofitti Amanamummaa kee gabbisuuf dursa ati of hubachuun furtuu siif ta’a.

#Afaan dadhabinaa qofaan ofitti dubbachuun kee, jireenya hawaasummaa keessatti humni hamma isaa si miidhuu hin jiru.

    #Kanaaf qeeqni keessa keetii karaa dadhabinaa qofarratti tahuu hin Eeyyaminiif. #Karaa ciminaa fi bilchina kee irrattiis akka ta’u taasisi.

#Ofitti amanamummaan kee murtee qeeqa keessa keetiin gabbata ykn du’a. #Kanaaf qeeqa keessoo kee sirreessi.

#Join

👇
@Bedadina            👇
                           @Saayikoloojii
#Hanga yoomiitti?

#Karaa dhabdeef osoo hin taane, karaa itti deemtu waan hin beekneefidha.  Hanga yoomiitti qisaasa'uuf deemta?

#Yoo bira gahuu barbaadde namoota karaa sana irra deeman gaafadhu, nama waan si barbaachisu, karaa irratti nyaata akkamii akka si barbaachisu, hammam deemuun akka sirra jiru beeku gaafadhu, isaan waan hunda siif salphisu, ija jabaadhu karaa kee gara fuulduraattis qajeeli!

Yeroo eebbifamaa isiniif hawwina

@Saayikoloojii