#Addunyaa keessa jirra moo addunyaatu nu keessa jiraa?

๐Ÿ‘‰Addunyaan keessa jirru kan namni biraan filatee nuuf kennu miti. Kan namni mijeessees nuuf kennu miti Filataanis akkasuma mijeeffataanis nuyidha. #Addunyaan kun harka hin qabdu. Miillas hin qabdu. Garuu, namoota miillaa fi harka gaban baay ee naaffisteetti. #Addunyaan ija hin qabdu. Garuu, dhaloota baay' ee jaamaa taasifteetti. #Addunyaan hin baranne garuu beektoota baay ee doofaa gooteetti. #Addunyaan gilleensa miti. #Addunyaan namaa fi sirna hajii isaati malee!!!
Waan dubbiftaniif galatoomaa!!

#Maddi Kitaaba Saayikoloojii Pr. Miratuu Shaanqoo #Siif Galeeraa jedhu.

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Nama furmaataa ta'i!

#Guddachuu yoo barbaadde nama furmaataa ta'i. Maalaqni gara furmaanni jirutti dhangala'a. Humaa waanan hojjedhun dhabe yoo jette bahii bitaaf mirga kee ilaali, waanti hir'ate maal maaltu jira? #Namoota maal isaan barbaachisa? #Hojiin lafa kanarra jiru hundi furmaataaf uumame. Manni Yaalaa, manni barnootaa, manni nyaataa, manni uffata hodhaa, kophee qulqulleessaan rakkoo namootaaf furmaata waan ta'aniif namoonni gara isaanii deemanii maallaqa ofii dhangalaasu. Akka carraa ta'ee biyyi keenya dhimmoota furmaata hin arganne hedduu waan qabduuf furmaata ta'i!
Sana booda Ofirra dabartee namoota biraafillee taata!

#Yeroo gaarii akka isiniif ta'un hawwa!
#Galatoomaa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ati Qormaata kutaa #12 NAN KUFE jettee aartaayii?

#Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

#Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
#ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

#TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

#ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

#Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

#Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

#Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
โžฒ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
โžฒ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
โžฒ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
โžฒ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
โžฒ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
โžฒ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
โžฒ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
โžฒ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

#Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun dawaa milkoomina keetiti.

Obbolee/ttii koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

#Share godhaa #barattootta abdii kutannaa keessa jiran biraan nuuf gahaa adaraa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii
#Qeeqxoota keessoo

#Qeeqxonni keessoo keetii, dadhabinaa fi hanqina kee qofa komachuu gaafa jalqaban, murtii isaanii guutuumaan guututti fudhachuun miira ofitti amanamummaa kee ajjeesa.

  #Qeeqxonni keessoo kee namni si kabaju, si jaalatu akka hin jirre yeroo sitti himuu jalqaban, ati ammoo of jaallachuun kee qofti hunda caalaa barbaachisaa akka taโ€™e of yaadachiisi.

#Ofitti Amanamummaa kee gabbisuuf dursa ati of hubachuun furtuu siif taโ€™a.

#Afaan dadhabinaa qofaan ofitti dubbachuun kee, jireenya hawaasummaa keessatti humni hamma isaa si miidhuu hin jiru.

    #Kanaaf qeeqni keessa keetii karaa dadhabinaa qofarratti tahuu hin Eeyyaminiif. #Karaa ciminaa fi bilchina kee irrattiis akka taโ€™u taasisi.

#Ofitti amanamummaan kee murtee qeeqa keessa keetiin gabbata ykn duโ€™a. #Kanaaf qeeqa keessoo kee sirreessi.

#Join

๐Ÿ‘‡
@Bedadina            ๐Ÿ‘‡
                           @Saayikoloojii
#Kan Ati qabduyyuu gahaa dha!

#Kennuun waan adda ta'e qabachuu hin barbaadu!. #Nuti nama tanee uumamnee dhiisiitii โ€‹โ€‹dhagaan illee dhala namaatiif bu'aa hedduu kenna!

#Maallaqa hin qabu hin jedhiin, maal qabaadhen maal fayyada, maalin kennuus danda'a hin jedhiin! namootni harka keen qaqqabattee jabaadhu jechuun gahaa ta'eef baay'eedha! #Qabeenya kee caalaa kan jaalala kee argachuuf hawwii guddaa qabu baay'eedha.#Jaalala kee isa dhuma hin qabne hundaaf kenni!
#Milkaa'inni Jaalala keessa keessa jira. Onnee Jaalalaa qabaadhu!!!

@Dujabewa
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ammuma jalqabi!

#Rakkoon (yaaddoon) keenya irra caalaan isaa kan maddu wanti nuti hojjechuuf kaane ulfaataa ykn garmalee waan ta'eef osoo hin taane, waan salphaa jalqabne waan hin xumurreefidha.

#Maaltu harka kee  keessa jira?  Kanaaf ka'ii ammuma sirreessi!  Waan jalqabde dafii xumuri, sana booda isa itti aanuuf karaa bana!!!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡                         ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰@Saayikoloojii                 ๐Ÿ‘‰@Bedadina
๐Ÿ‘‰#Waanti hin jijjiiramne hin jiru!

#Waanti guddaan dogoggora hojjechuu kee osoo hin taane, sirreessuu keeti. #Rakkoon kufuu kee osoo hin taane, deebitee ka'uu dhabuu keeti. Uffanni keeyyuu ni xuraa'a, ati garuu miichitee deebiftee uffatta.

#Atis gaafa dogoggorte of hin cheepha'in. Namni balleesse yeroo tokko adabama. Guyyaa guyyaan "Ani dhimma hin baasu" jettee of hin komatin(cheepha'in)! #Uffanni xuraa'e erga miichamee dedbi'ee uffatamee, ati sababiin hin jijjiiramneef hin jiru!


#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

๐Ÿ‘‰@Saayikoloojii   
    ๐Ÿ‘‰@Bedadina
#Carraa keetti fayyadami!

#Waan yaaluu barbaadde hunda yaali. #Yoo dogongora hojjechuu qabda ta'es dogoggora hojjedhu. #Guddachuu kan dandeessu yeroo yaaluuf fedhii horattuudha. #Qormaanni tokko tokkommoo yeroo si mudatan ittumaayyuu si cimsu. #Jabaachuu yoo barbaadde yaaluu fi kufaatii shaakaluu qabda!

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

๐Ÿ‘‰@Saayikoloojii                ๐Ÿ‘‰@Bedadina
#Itti Fayyadami!

#Qormaanni jireenya keenya keessatti nutti dhufu tokko  nu #jabeessuuf ykn immoo jireenya keenya keessatti waan baranne nu #qoruufi#Duubatti yoo deebine nu gata, garuu osoo duubatti hin deebi'in fuulduratti yoo deemne injifannee  #badhaafamna!
      #Gara fuulduraatti deemuun badhaafami!

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

๐Ÿ‘‰@Saayikoloojii.๐Ÿ‘‰ @Bedadina
#Qarshiin 10 hin tuffatinaa!!!


#Boorana Waan dandeenyuun Haa Gargaarru๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ

โ€‹#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. โ€œ#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?โ€ kan jedhu. Abbaanis, โ€œIjoollee koo bor nyaata ni nyaattu!โ€ jedhee waadaa seeneef. โ€œ#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?โ€ jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, โ€œAbalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!โ€ jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. โ€œIjoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!โ€ jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. โ€œHin qabu!โ€ ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota  baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'eโ€ฆnaannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. โ€œ#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!โ€ jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa ๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

#Join and #Share

๐Ÿ‘‰@Saayikoloojii.๐Ÿ‘‰ @Bedadina
#Dhiifama Baay'ee #ulfaataa!

#Dhiifama hunda keessaa inni  baayโ€™ee ulfaataa taโ€™e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ofuma keenya akka komannu(ceephaanu) nu taasisa. Animee balleesseeraa bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameeraa, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera jennee of kommanna!

#Eeyyeen dur dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanti osoo hin beekiin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu!!!

       #Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!

#Halkan gaarii isiniif hawwina!!!


@Bedadina @Saayikoloojii