#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taΚΌan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwaπŸ™πŸ™πŸ™
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Dhiifama Baay'ee #ulfaataa!

#Dhiifama hunda keessaa inni  baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ofuma keenya akka komannu(ceephaanu) nu taasisa. Animee balleesseeraa bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameeraa, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera jennee of kommanna!

#Eeyyeen dur dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanti osoo hin beekiin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu!!!

       #Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!

#Halkan gaarii isiniif hawwina!!!


@Bedadina @Saayikoloojii
#Halkan Hin Bariine Hin jiru

#Halkan hin bariine hin jiru, guyyaan hin dabarres hin jiru, wanti hundi darbee gaariin ni dhufa, wanti xiqqaate itti dabalamee wanti nu hanqate ni guutama wanti guddaan lubbuun jiraachuu keenya.

#Wanti hin danda'amne hin jiru!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ati mo'ataadha!

  #"Kufaatii kee irraa yoo baratte akka mo'amteetti hin lakkaa'amu!"  Argitee, waan amma si mudate hambisuun rakkisaa ta'uu danda'a, garuu ofumaan 'Wanti amma na mudate lammata na mudachuu hin danda'u jedhi. Sana booda ni moota!


#Halkan bareedaa isiniif hawwinaπŸ™
@Saayikoloojii
#Dinqii dha

#Halkan raftee buluun kee dinqiidha.  Baatee galuun kee dinqii dha, Sababni isaas guyyaa har'a kana arguu kan hin dandeenye baay'ee dha.

#Namoonni maashinii malee hafuura baafachuu hin dandeenye baay'ee waan ta'aniif hafuura baafachuun kee dinqiidha.  Du'a fuulduratti yaaddoon kee salphaadha!

#Waan sitti hanqate osoo hin taane waan siif kenname ilaali.  Rakkoo meeqa keessa darbitee?  Yeroon ati anaaf dhumate jettee abdii kutatte akka qoosaatti darbeera.  Hiriyaa koo ati hin hubanne garuu jireenyi kee dinqiidhaan guutameera.

#Galateeffadhu!

#Guyyaa dinqii isiniif hawwina!
  Lafa nagaa oolaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii