#Bakka #Yaadde Sana!

#Bakki yaadde sun #eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenya keetii jechuudha Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha. #Galma jireenyakee erga adda baaftee beektee booda, galmakee milkeessuuf qophii gochuudha. #Milkaa'ina gonfachuudhaaf galma ofii adda baasanii beekuun bu'uura ta'us galma ofii beekuun qofti ga'aa miti. #Galma jireenya kee beekte jechuun ni milkoofte yookaan bakka yaadde sana geesse jechuu miti. #Bakka deemuu feetu erga beektee booda bakka sana akkamiin akka deemtee ga'uu dandeessu sammuu kee keessatti beekuun barbaachisaadha. #Namni daandii dheeraa imalu tokko jalqaba bakka deemu sirritti adda baafata. #Bakka deemu erga adda baafatee boodas, bakka sana akkamiin akka deemu karoorfata. #Atis galma jireenya kee erga adda baafattee booda galma kee biras akkamiin akka geessu karoorfachuu qabda. #Namootni baay'een milkaa'ina jireenya isaaniif galma ni baafatu. Garuu galma isaanii kana bira utuu hin ga'in hafu. Maaliif? Sababnisaa hawaasa keessa jiraatan yookaan nama waliin jiraatan ilaalanii fakkaachuuf yookaan akka ebaluu ta'uuf galma waan baafataniif. Kana jechuun baay'een keenya galma keenya maatii yookaan hawaasa keessa jiraannurraa arganna.Galmi sirrii garuu keessa keetii madduu qaba. #Namootni waan barataniif hin baratin! Maaliif akka barattu galma dhuunfaa kee sammuu kee keessatti ilaalaa baradhu! #Namootni daldalaniif hin daldalin! Hojii daldalaan eessa ga'uu akka feetu ilaalaa daldali! Walumaagalatti, waan hojjettuuf galma qabaadhu malee namni biraan hojii ati hojjechaa jirtuun waan milkaa'eef yookaan maatiin kee akka atΓ­ hojicha hojjettu waan barbaaduuf hin hojjetin! Kunis kan ta'u galmi kee keessa keetii kan madde yoo ta'edha. #Galmikee keessa keetii madde taanaan galmakeef jaalala dhugaa qabaatta. #Milkaa'uudhaaf galma keef jaalala dhugaa qabaachuu qabda. Galma keef jaalala dhugaa qabaachuun jireenyi bitaa akka sitti hin galleef si fayyada. #Fakkeenyaaf maatiin kee daldaltee maallaqa hedduu akka horattu fedhu ta'a. #Atimmoo ogeessa muuziqaa beekamaa/tuu ta'uu feeta ta'a. Sababoota akkanaaf kanneen biroon baay'een keenya yeroo hedduu dhiibbaa maatii fi hawaasaan waan ta'uu hin feene ta'uuf carraaqna. Kanarraan kan ka'es yaadaafi qalbiin keenya bittinnaa'ee gara itti gorru wallaaluun jireenya bitaa gale jiraanna. #Jalqabuma ogguu galmakee baafattu nama dhaggeeffachuu dhiistee keessa kee yoo dhaggeeffatte garuu gufuun akkanaa si hin mudatu. #Galmi kee dhugumaan keessa keetii kan madde taanaan namootni yaadota akkamii dhi'eessaniyyuu galma keerraa boodatti deebi'uuf tasumaa shakkiin keessa keetti hin uumamu. Galma baafatte kamiiniyyuu milkeessuu ni dandeessa. Garuu ogguu galma kee baafattu maal gochuu akka dandeessuufi hin dandeenye sirriitti xiinxalii baafadhu! Akkana goonaan humna dhokataa keessakee jiru kan bakka feete sana si geessu waan argattuuf gammachuun tarkaanfii eegalta. #Galma kee yeroo baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi!

#itti fufa...

#Maddi Kitaaba Saayikolojii Bakka yaadde sana jedhu(#Warquu #Guddinaatiin)

#Join and #Share godhaa!!!!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/Bedadina

#Itti Fayyadami!

#Qormaanni jireenya keenya keessatti nutti dhufu tokko  nu #jabeessuuf ykn immoo jireenya keenya keessatti waan baranne nu #qoruufi#Duubatti yoo deebine nu gata, garuu osoo duubatti hin deebi'in fuulduratti yoo deemne injifannee  #badhaafamna!
      #Gara fuulduraatti deemuun badhaafami!

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

πŸ‘‰@Saayikoloojii.πŸ‘‰ @Bedadina
#Ijoolleen Keenya Dammaqaa mee

Ormi Miidiyaa Hawaasaatiin nutti Duulaa Jira

#Email qabaadhaa
#YouTube banadhaa
Tiktok, Tweter Fi kkk banadhaa dhiibbaa uumaa jarri ijoollee Keenya irratti Duulaa jirti

#Miidiyaa hawaasaa Garee qabu isaan Telegram Fi Whatsapp group

#Nuti maal eegna

#Itti makamaa namoonni YouTube guddifachuu barbaaddan
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Gareetiktok
#Itti Fayyadami!

#Qormaanni jireenya keenya keessatti nutti dhufu tokko  nu #jabeessuuf ykn immoo jireenya keenya keessatti waan baranne nu #qoruufi#Duubatti yoo deebine nu gata, garuu osoo duubatti hin deebi'in fuulduratti yoo deemne injifannee  #badhaafamna!
      #Gara fuulduraatti deemuun badhaafami!

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

πŸ‘‰@SaayikoloojiiπŸ‘‰ @Bedadina