#Adeemsa Kee Itti Fufi

#Ati Itti amannaan Ragaa ykn Mirkaneessa hin barbaadin.
Eeyyeen Kan sitti mul'atu nama hundatti hin mul'atu;
Kan sitti dhaga'amu nama biraatti hin dhaga'amu.
#Kanaafuu ofii kee amansiisi sana booda adeemsa kee Itti fufi

#Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga Ittiin isin Gahe!
#Ayyaana Gaarii isiniif haa ta'u !!!

@Saayikoloojii
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
Obsaan naaf dubbisaa!

Comedian Lij Yared (Yaared Zalaalam Baalchaa)

Waggaa torban ammaa ture obboleessa koo Artist Haacaaluu Hundeessaan wal arguuf wal beellamne. Comedian Lij Yaared waliin dhufanii wal argine.
Sana dura ani Lij Yaared hojii comedy isaa hedduu jaaladhus eenyummaa isaa gadi fageenyaan hin beekun ture.
Haaceen “Ittoo mucaa kanaan wal baraa ilma Oromooti Finfinneetti dhalatee guddate nama cimaadha jajjabeeffachuu qabna” naan jedhe.
Anis hojii comedy isaa akkan hedduu jaaladhu itti himee guyyaa sana waliin turre.
erga guyyaa sanaatii deddeebinee wal arginee hedduu walitti dhihaanne. Lij Yaared nama naamusa qabu, gara laafessa, nama nama kabaju, nama eenyummaa isaan boonu, abbaa ogummaa Comedy, ogummaa Fakkii, Bobboca, Muuziqaa, bineensota bosonaa namni ijaan arguullee sodaatu akkasumas bineensota waliif diinaa mana tokko keessa mitii naannoo tokkoyyuu jiraachuu hin dandeenye ofitti madaqsee, walittis madaqsee qabeenya uumamaa naannoo irratti hojjechuun nama kennaa addaa qabu akka ta’es kanan bare yeroo sana ture. hedduu walitti dhihaanne. haasaan isaa hundi qoosaa haa fakkaatanii nama kolfisiisan malee ergaa guddaa of keessaa qabu.
Hojii aartii inni hojjetu ilmaan habashootaa akka malee isa dinqisiifatan biyya keessaa fi biyya alaatti iddoo gurguddaatti agarsiisa adda addaa hojjetaa biyya Ameerikaatti hojii comedytiif deemee fakkii kaasuun dorgomee injifatee badhaafamuu fi biyya keessattis badhaasota garaa garaa Muummicha Ministeeraa fi Pirezedaantii biyyattii duraanii harkaa nama fudhachuu danda’e kennaa addaan uumaan badhaasedha.
Lij Yaared haala kanaan ogummaa isaan osoo hojjechaa jiruu ilmaan alagaa Oromoo ta’uu isaa gaafa baran jechoota arrabsoo adda addaa eenyummaa isaa xiqqeessu itti darbachuu eegalan.
Sagantaa adda addaa irratti ilmaan alagaa warruma Yaared harka qabee ogummaa isaan leenjise dabalatee warri jibbiinsa Oromoo qaban dhiibbaa hamilee isaa buusu heddu irratti raawwatan.
Erga haala isaanii hubatee booda xumura bara 2017tti gaaffiif deebii JTV irratti dhihaatee Odaa guddaa morma isaatti kaawwatee dhaqe.
“Kan morma keetti kaawwatte kuni maali” jedhanii gaafannaan “Ani ilma Oromooti kan morma koo irraa Odaadha ibsituu eenyummaa kootii”jechuun deebiseefii ture. Lij Yaaredis Itoophiyaawinnatiin isaan jedhan Oromoo fi Oromummaa akka hadheeffatu caalatti yeroo sana kan hubate.
Innis Itoophiyaawinnatii isin leellistan Oromoo fi Oromummaa balaaleffattu fudhadhaa qilee seenaa Anis Saban qaba, anis biyyan qaba jedhee kan dugda isaanitti laatee isa durii caalaa gara Oromoo fi Oromiyaatti fuula isaa guutumatti naanneffate.

Yaared alagaa biraa kabajaa fi maallaqa guddaa argachuuf jecha eenyummaa isaa hin osoo hin dhoksin faayidaa isaan biraa argamtu cinaatti dhiisee eenyummaa isaaf dabarsee of laate. hojiiwwan isaa sana booda waan Oromoo fi Oromiyaa ibsu hedduu hojjechuun sagantaa Oromoo hedduu bareechee jira.
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti lafa Heektaara 40 ol ta’u iddoo duraan xuraawaa adda addaa itti gatamu qulqulleessuun parkii ajaa’ibaa hojjetee Bineensota garaa garaa walitti madaqsee akka iddoo daawwannaa ta’uuf hojjetaa ture.

Warri mataa ol qabachuu isaa hin jaalanne ilmaan alagaa irraa adabachuu hin dandeenye.
Miidiyaa hawaasaa garaa garaa irratti arrabsoo hedduun itti duulan.
Innis arrabsoo arrabsumaan deebisaa ture. Wanti kuni dhawaata hammaachaa dhufe. isa dhuunfadhaan arrabsuu bira darbanii uummata bal’aatti darbanii eenyummaa isaan arrabsaa turan.
Maatii isaa faanas walitti dhihaanna waan ta’eef na waamanii irra deddeebinee arrabsoo isaaniif akka deebii hin laanne gaafanne.
Tole jedhee dhiise. oolee bulees yeroo inni miidiyaa hawaasaa facebook fi TikTok irratti live seene arrabsoon itti cime obsee yeroo dadhabe deebii wal fakkaataa deebisaaf.
Anis irra deebi’een dhuunfadhaan ofitti waamee ati osoo isaan caaluu baattee jarri kun sin arrabsanii dhiisi waan isaan ittiin caaltu hedduu qabdaa ogummaa keen iddoo guddaa geessee inaafsisuu dandeessaa hojii eegaltetti xiyyeeffadhun jedheen.
“Kana booda live hin seenu yoon seenes deebii isaanif hin laadhu”jedhee waadaa naaf galee guyyoota muraasaf online irraa fagaate.

Waa bubbulee itti deebi’e. waadaa waan nuuf galeef nu dhokatee seenee waan ta’e dudubbatee baha. isaanis itti duulan, innis isa duraatii olitti deebii laachufii eegale. Inni beekamaadha maqaa isaa sirriin dubbata. isaan dhokatanii account sobaa (fake account)n dubbatanii isa aarsu. hiriyaa koo akka obboleessaatti jaaladhuu fi waan kamiiyyuu yoon jedheen maatii isaa caalaa na dhagahu dhimma kana irratti garuu of too’achuu fi na dhagahuuf humna dhabe.
Oromoon safuu qabaa arrabsoo hin beeku ani arrabsoo isinuma irraayin baree hoodhaa waan keessan fudhadhaa jechaa ture. Dubbiin jabaachaa dhufee arrabsoon gara amantaatti ce’aa dhufe. gaafa sana egaa kaayyoon ilmaan alagaa kan galma gaheef. Oromoo inni itti dheeffetu amantaa koo tuqxe jedhee warra alagaa caalaa itti duule. Yaared amantaa arrabsuun alagaaf missiraachoo ta’e. jaalala amantaaf miti. nama eenyummaa isaa jibban saba isaa itti duulchifatan, ogummaa isaa irraayis gufachiisan. Agartanii?! amantaan Oromoof amantaa qofa. alagaaf immoo qa*wee ittiin Oromoo wal rukuchiistudha.
isaan xiyyeeffannoon isaanii guddaan kaayyoo isaa irraa gufachiisuu fi sabni ati itti dheeffite kuni wabii siif hin ta’u isa jechaanii turan hojiin agarsiisan.

Lij Yaared miira keessa galchanii arrabsoo amantaa dubbate Oromoon itti duullaan dhiifama gaafate. Alagaa caalaa Oromootu dhiifamni siif hin malu jedheen. gaafa amantii namaa xiqqeessan homaa itti fakkaachus baatu namni hedduun biyya keenyaa dhimma amantaa irratti dhiifama hin beeku.
Amantaan dhiifama hin lallabne garuu hin jiru.
Amantaa dahoo godhattee ykn amantaa wabeeffattee ilmaan alagaa akka feete yoo taate namni gaafatu hin jiru. gaafa Oromoo ta’e garuu lafatu garagla. seerris gaafasuma olaantummaa isaa agarsiisa.
Lij Yaared amantaa arrabse jedhameef dhiifama gaafatee ture. ni didame. dhiifamni yoo hin godhamneef garuu yakkamaa ta’ee argamnaan seeraan gaafatama malee sababni hammeenyi adda addaa irratti raawwatamuuf hin jiru.

Yaared waraanni mootummaa hedduun mana jireenyaa isaa cabsanii seenun erga too’annoo jala oolchanii booda reebicha daangaa hin qabne irratti raawwatan. Konkolaataa gubbaatti erga fe’anii reebuu qofa osoo hin taane rifeensa isaa irraa cicciran. du’uu qabda jedhanii itti dhaadatan. kuni ajaja eenyutiini. hundi isaanii saba biraati. aangoon isaanii nama shakkame too’anoo jala oolchuu bira hin darbu. tarkaanfiin fudhatame garuu jibbiinsa eenyummaa isaa irratti kan xiyyeeffateedha.
Mana hidhaa keessatti gaafachuuf deemee guyyaa sadi dubbisuu hin dandeessu jedhameen guyyaa 4ffaatti gargaarsa namaan argadhe.

Lij Yaared amma murtii tokko malee mana hidhaa keessatti ji’a 5ffaa dabarsaa jira.

Nutis isa jarri Oromoon wabii siif hin ta’u jedhanii arrabsaa turan isatti dugda laannee ragaa baanefii jirra.
“Dhimma isaa namoota fala ta’uu laata jedhee gaafadhe hundi dhimma isaa warra oliitu qabatee jira” jedhu.

Yaa warra olii! warra ol hin ilaalle, mee isa gadi isin ilaaluuf jedhaa obboleessa keenya fi fakkaattota isaa shiraan kiyyeeffaman quba nuuf qabaadhaa!

@Saayikoloojii

Art. #Ittiiqaa Tafariitiin
#Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan Geessan. 

#Ayyaanichi kan Icciitiin Sillaasee itti ifa bahe lammaffaa bishaan irraa kan ittiin dhalanne, xalayaan garbummaa keenyaa kan itti barbadahe ayyaana guddaadhaatii Waaqayyo uummata biyya keenya Itoophiyaaf nageenya haa buusu Ameen!!!

#እንኳን ለብርሃነ ጥምቀቱ በሰላም አደረሳችሁ  በዓሉ ምሥጢረ ሥላሴ የተገለጠበት ዳግመኛ ከውሃ የተወለድንበት የዕዳ ደብዳቤያችን የተደመሰሰበት ዐቢይ በዓል ነውና፤ ፈጣሪ ለሀገራችን ኢትዮጵያ ሰላምን ለሕዝባችን አንድነትን ይላክልን አሜን ።

@Saayikoloojii
#Dhiirri fi shamarran kaayyoosaa irratti
hundaa'uudhaan jaalala gosa #6 wal jaallatu.

#Isaanis:-

1) #Jaalala Hinaaffaa (Diversificative Love)Jaalalli kun kallattiidhumaan hinaaffaa irraa kan maddu ta'ee, namoota wal jaallatan 2 jaalala fakkeessanii gargar baasuuf kan fayyaduudha. Gosti jaalala kanaa yeroo ammaa namoota gulantaa tokko tokko irratti wal dorgomaa jiran akka meeshaa lolaatti tajaajila. Wal jaallattoota gargar baasuudhaan amma wal maraachuu fi boqonnaa wal dhowwachuutti kan deemuudha.Fakkeenyaaf:- Diraamaa Amasiiloo keessatti jaalala Dr.Addunyaan Iftuu jaallate.
2) #Jaalala Faayidaa (Fornificative Love):-Jaalalli kun immoo dhiirri tokko ykn durbi faayidaa addaa argachuuf jedhanii kan wal jaallataniidha. Jaalalli kun jaalala hundee hin qabneedha. Sababni isaas dhiirri ykn shamarreen kun bu'aa mataa isaa gonfachuuf malee dhiira/ dubara sana jaallateef fiigu miti. Bor faayidaa sana yoo hin argatin ykn immoo faayidaa sana ega argataniin booda haalduree tokko malee intala/dhiira sana dhiisu.
3) #Jaalala Haalaa (Conditional Love):-Jaalalli kun kan hundaa'u haala battala sana uumamu waabeffateeti. Fakkeenyaaf qamootni wal jaallatan kunniin sababii hojiif jecha walitti dhiyaatu yoo ta'e salphumatti jaalala keessatti kufuu danda'u. Isaan kunniin ulaagaa jaalalaa guutaniif wal jaallatu osoo hin taane yeroo baay'ee qaamaan waan wal bira oolaniif jecha wal jaallatu. Gabaabumatti haala yeroo sanaa to'achuuf wal jaallatu.Jaalalli kunis jaalala hundee hin qabne jalatti ramadama.Sababni isaas haalli walitti isaan fide sun yoo jijjiirame salphumatti wal dhiisanii wal irraanfatu. Kun jaalala Yuunivarsitii keessatti baay'ee beekamee jiruudha.
4) #Jaalala Yeroo (Tentative Love):-Jaalalli kun jecha Afaan Amaariffaa keessatti dabbaramuu jedhu nama baraaruuf fayyada. Dhiirri tokko jaalallee dhugaa fageenyaa irraa qabaatee yoo ishee obsuu dadhabe,yeroodhaaf dubara kan biraa jaallatee kan ittiin ishee eeggatuudha. Kun dhiirota biyya Araabaatii jaalallee qaban biratti beekamaadha.
5) #Jaalala Kaayyoo (Purposive Love):-Kun gosaa jaalalaa keessaa kaayyoo dhugaaf isaa hundaa'eedha. Dhiirri tokko dubara tokko fuudhuuf ega murteesseen booda kan jaallatuudha. Jaalalli kun qixa hundumaatiin iyyuu guutuu waan ta'eef, salphaatti hin fashalaa'u. Amma dandaa'amaa ta'etti gufuu fi sakaallaa hunda darbuuf tattaafata. Sababoota garaa garaatiin danqamee osoo hin milkaa'in yoo hafe illee godaannisa ta'ee keessa namaatti hafa.
6) #Jaalala Bakka Bu'iinsaa (Representative Love):- Jaalalli kun kan hundaa'u dhiirri tokko dubara tokko dhugaadhaan jaallatee gaafatatee, isheen garuu yoo isa didde, bakka ishee kan biraa buufachuuf jedhee dubaraa kan biraa yoo jaallatuudha. Jaalalli kun jalqaba akka jaalala yerootti kan hundaa'u yoo ta'u, turtii keessa gara jaalala kaayyo-qabeessaatti jijjiiramuu danda'a.
#Egaa walumaa galatti ati barruu kana dubbisaa kan jirtu waan tokkon siif dhaama. Jaallachuus ta'e jaallatamuun kee gaariidha. Garuu “Jaalala akkamiin jaallachaa jira? Jaalala akkamiin immoo jaallatamaa jira?” jettee yaaduun barbaachisaa ta'a. Namootni baay'een jaalallee isaanii isa darbe yaadatanii osoo imimmaan gaabbii boo'anii argaa oolla (Fakkeenyaaf anafaa😭😜). Kana hundumaatiif sababa guddaa kan ta'e gosa jaalala jaallatamaa jiranii wallaaluudha. Yeroo tokko tokko dubarootni keenya dhiira jaalala hin beekne harkatti kufanii yeroo miidhaman, akkasumas immoo dhiira dhugaadhaan isaan jaallate shakkanii harkaa sigigaatanii yeroo kufanii agarra. Ati garuu obboleettii koo qaamni “Sin jaalladha” siin jedhu 99 yoo ta'e iyyuu achi keessaa kan dhugaan si jaallatu muraasa . Inni kaan waan haalli itti toleef si jaallata; inni kaan faayidaa addaa argachuuf, inni kaan yeroo sitti dabarfachuuf si jaallata. Inni kaan fedha foon isaa si irratti obbaafachuuf si jaallata. Qortee yoo ilaalte waan baay'ee arguu dandeessa. Kan gaa'ela si wajjin dhaabbatee haadha-manaa si godhachuuf si jaallatu baay'ee muraasa.

#Maddiisaa kan dubbifneerraaa yoo sitti tole hiriyyoottan keetii share tasiisiif


@Saayikoloojii
@Bedadina
Kitaabota Saayikoloojii Irraa pinned «#Dudhaalee Jireenyaa 👉Principles of Life የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu)       👉Self Acceptance        ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu    👉 Living for life purpose ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu      …»
#Cimina Rakkina keetii

#Cimina ykn ulfaatina Rakkina keetii Waaqayyo ykn Uumaa keetti himuu dhiisiitii
Cimina Waaqayyo keetii Rakkina keetti himi yeroos ni moota

@Saayikoloojii
#Carraa keetti fayyadami!

#Waan yaaluu barbaadde hunda yaali. #Yoo dogongora hojjechuu qabda ta'es dogoggora hojjedhu. #Guddachuu kan dandeessu yeroo yaaluuf fedhii horattuudha. #Qormaanni tokko tokkommoo yeroo si mudatan ittumaayyuu si cimsu. #Jabaachuu yoo barbaadde yaaluu fi kufaatii shaakaluu qabda!

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii
#Amma  Yaali!

  #Umriin kee erga darbee booda waan hojjette of duuba deebitee yommuu yaaddu, wanta hin hojjennetu caala. #Osoon hojjedhee turee jetta,
Ni gaabbita, 'osoo yaalee bareeda ture jetta;  Garuu hin jedhiin, waan amma tuffattes ta'ee waan sodaatte hunda yaaliitii eenyummaa kee ofitti agarsiisi!  #Kana ta'uu baannaan bu'aan kee gaabbii qofa ta'a. Kanuma.

#Yeroo gaariin siif hawwa🙏🙏🙏
@Saayikoloojii
#Qabeenyi ulaagaa jaalalaa ni ta'aa?(love vs Wealth🙄)
°°°°°°°°°°
#Namoonni muuxannoo ofiif qaban irraa ka'anii yemmuu dubbatan, qabeenya wayyaa qabaachuun nama kam birattuu fudhatama akka argannu nu taasisa. Yaada kana mormuu barbaadee miti. Dhugaadha waan ta'eef. Keessattuu shamarran dhiira qabeenya qabu ni kabaju. Amala isaanitiin, lallaafoo fi kunuunsa waan barbaadaniif dhiira isaanitti hirkatu osoo hin taane, dhiira itti hirkatan barbaadu.

Cubbuus hin qabu. Garuu ijuma baasaa qabeenya dhiiratti gaggabuun oftuffachiisuu ta'a. Shamarran takka takkafaa dhiira qabeenya qabu waliin saalqunnamtii gochuuf, beellamallee hin qabdu. Akkuma HIV qabeenyis saalqunnamtiin waan daddarbu itti fakkaachuu hin oolu😆😆.

#Akka qorannoon agarsiisutti, jaalala keessatti galii olaanaa qabaachuun dhiphinoota adda addaa irraa nu hambisuu danda'a, garuu gammachuu addaa waan nuuf fidu hin qabu. Ta'us, dhirsaa fi niitiin qabeenya isaan gahu qaban hariiroo gaarii fi itti fufaa qabaatu jedha. Qabeenya kana ammoo kan waliin horatan osoo ta'ee gaaridha. Gabaabumatti qabeenya walii laalanii walfuudhuurra ulaagaa biraas ilaaluun barbaachisaadha!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Namni Hunduu waan mataa isaa qaba!

#Namni kamuu duwwaas miti namni kamiyyuu guutuus miti. #Nuti Karaa tokkoon milkoofnee gammadne jechuun namoonni hunduu karaadhuma sanaan milkaa'anii gammadoo ta'u jechuu  miti.  #Nuti waan barbaannu jaallachuu dandeenya, garuu waan jaallannu akka jaallatan namoota dirqisiisuu qabna jechuu miti. #Yoomiyyuu taanaan  ta'uu fi ilaaluu kan qabnu waan keenya ta'ee fi kan nuuf kenname ta'uu  qabna malee akka abaluu maafan ta'uu dhabe jechuun dhiphachuu hin qabnu.  #Akka warra kaanii osoo hin taane, akka ofii keenyaa akka jiraannuuf kan uumamne!  #Kanaaf gammachuu ofuma keenyarra haa barbaannu!

#Yeroo  gaarii isiniif hawwina!!!

#Join Gochuun nu hordofaa
👇👇👇👇👇


@Saayikoloojii
#Jireenyaa Fi #Carraa

#Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jechuun carraa isaanii komatu!.

#Egaa atis bor yaa anaa jettee akka of komachaa hin jiraanneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jettee yaaddu gahii argami

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

Nadhii Tasfaayee Hayilee

@Saayikoloojii
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!💪

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!🙏🙏🙏

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!


@Saayikoloojii
#Xiyyeeffannaan Kee si murteessa!!!

#Jireenya Kee Kan jijjiiru Muuxannoo jireenya keetii osoo hin taane waanta ati irratti #xiyyeeffatteedha!
Yeroo hundumaa bakka xiyyeeffannoon Keenya jirutti humna Keenya dhangalaafna. #Waan gaarii arguuf hawwine, milkeessuuf waan yaannu, hamma yaannuu Fi dhamaanu mo'anna. #Xiyyeeffannoon Keenya garuu gufuuwwan jiran, mo'amuu Fi akka hin dandeenye dursinee yaaduu irra yoo ta'e, shakkii Tokko malee ni kufna.
#Kanaaf Firii ykn bu'aa Keenya jijjiiruu yoo barbaanne xiyyeeffannoo Keenya haa sirreessinu!!!

#Waan dubbiftaniif #Galatoomaa👏👏👏

#Hiriyoota keessaniinis Gahaa!!

#Join and #share
👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii
Nama Akka ati yaaddutti guutummaa guutuutti si hubatu yoomillee hin argattu. Boris hin eegin!

@Saayikoloojii
#Garbummaa Sammuu

#Garbummaa Sammuun injifatamuun osoo namni mana hidhaatti sin galchin,ati ofii kee mana hidhaa galchita. Boriin kee yaaddoo ta'ee sitti mul'ata. Har'aa kee aariidhaan dabarsita. Kaleessa keetti baay'ee gaabbita.

#Garbummaan sammuu waantota armaan gadiin ibsama.
1. #Yaadni kee guyyaa guyyaa waa'ee isa kaleessaa qofa akka yaaddu si taasisa taanaan dafii itti dammaqi. Kun garbummaa sammuu keessaa mallattoo isa guddaadha.
2. #Abdii kutannaa qofa sitti mul'isa taanaan, kunis mallattoo garbummaa sammuuti.
3. #Dorgommii namoot wajjiniitu sammuu kee jeeqaa jira taanaan
4. #Boriin koo maal ta'a jettee yaaddoo cimaa keessa ooltee bulta taanaan
5. #Qaamni ta'e rakkoo ati keessa jirtu naaf furuu qaba jettee teessa jennaan kunis garbummaa sammuuti. Nama hin eegin. Hanga dandeessu jalqabi sana booda si gargaaruu danda'aatii.

@Saayikoloojii
#Jireenya Kee Har'aa

#Jireenya kee isa har'aa irra dhaabbattee waantota afur murteessuu ni dandeessa.

1. #Guutummaatti abdii kutattee waan hojjechaa jirtu dhiisuu, jireenyi kun na gaha jechuudha.
2. #Baqachuu, booda deebi'uu, daftee kallattii jijjiiruu, gadi buutee jiraachuu yeroo filattu jechuudha.
3. #Yeroodhaaf boqonnaa fudhachuu, karaa kan biroo yaaluudhaaf murteessuu, fiigicha isa jalqabde dhaabdee kan biroo yaaluu jalqabuu, deemsa kee fi gocha kee hanga ammaatti taasisaa turte irra deebitee ilaaluu.
4. #Haala kam keessattillee gara fuula duraa ija jabinaan deemuu, tulluu mul'ata koo irra ba'ee of arguun qaba jettee murteessuu. Waadaan ani keessa kootti ofiif gale rakkinoota kana hundumaa caalee ni darba jechuudha.

#Kan murteeffatte situ beeka. Kan koo isa #4ffaa dha. #Murtoon kee eenyummaa keeti.

@Saayikoloojii
#Har'a Guyyaan maal turee?

#Baay'ina Rakkina na qunnameef jedhee yaada koo wajjin diina walitti hin ta'u. Jireenyi bu'aa bahii baay'ee qaba. Yeroo tokko tokko namatti duukanaa'uu barbaada. Ifuma guyyaa kanatu dukkanaa'ee sitti mul'ata. Guyyaatu si duraa Bada guyyaan har'aa maal turee ykn meeqaa? Jimaata moo Kamisaa? Sanbata moo Wiixataa? 14 moo 15? Jettee nama si cina jiru gaafatta. Maqaadhuma nama dur sirriitti beektuutu si duraa bada. Nagaa gaafachuu Fi nagaatti jechuutu walitti si duraa bu'ee Isa gaggeessaa jirtu irra deebitee nagaa gaafatta. Ajaa'iba mitii?
Ati dabarsitee Itti of kenninaan sammuun Kee si fudhatee deema, jureenya kanaan mannaa yoo of ajjeeftee obbaafatte siif hin wayyuu sin jedhee gurratti si hasaasa ykn guunguma. Kanaaf of eeggadhu Itti of hin gatiin adaraa didi.

@Saayikoloojii
👉#Haalota Baay'ee #Rakkisoo👈🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂

#Haalonni mul'ata Keenyaaf baay'ee rakkisoo ta'an muraasni:
1. #Ofitti abdii kutachuu
2. #Waan xiqqoon gammaduu fi waan xiqqoon ofitti aaruu
3. #Yaada namootaan oofamuu fi yaada namootaan of murteessuu
4. #Wantoonni ati yaadde gaafa akka ati yaaddeetti deemuu dhiisu
5. #Karoora keef qarshii isaaf barbaachisu gaafa of harkaa dhabdu
6. #Wanti ati baratteefi wanti ati hojjettu gaafa waldhabu.
7. #Barattee hojii dhabuu
8. #Jireenyaan of dadhabuu
9. #Jireenyi mana keessaa faallaa mulata keem sitti ta'uu
10. #Namoonni si hubachuu dhabuu
11. #Dhukkuba fi balaa hin yaadamneef saaxilamuu
12.#Osoo waan qabatamaa hin hojjetin umrin sijalaa deemuu
13. #Dhala dhabuu
14. #Siyaasaan adabamuu
15. #Biyyaa ba'uu
16. #Garee ta'een dhiibamuu
17. #Araadaan rakkachuu
18. #Arraba namootan dararamuu
19. #Namootaan ganamuu
20. #Hojirraa hin dandeessu jedhamtee geggeeffamuu
21. #Waan nyaattuu dhabuu fi gargaarsa dhabuu fi kkf

#Kanneen armaan olitti tarreefffaman kun wantoota baay'ee rakkisoo fi mul'ata keenyatti gufuu ta'uu danda'aniidha.

@Saayikoloojii #Join #Share gochuun nu hordofaa!!!
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii