“Kana booda live hin seenu yoon seenes deebii isaanif hin laadhu”jedhee waadaa naaf galee guyyoota muraasaf online irraa fagaate.

Waa bubbulee itti deebi’e. waadaa waan nuuf galeef nu dhokatee seenee waan ta’e dudubbatee baha. isaanis itti duulan, innis isa duraatii olitti deebii laachufii eegale. Inni beekamaadha maqaa isaa sirriin dubbata. isaan dhokatanii account sobaa (fake account)n dubbatanii isa aarsu. hiriyaa koo akka obboleessaatti jaaladhuu fi waan kamiiyyuu yoon jedheen maatii isaa caalaa na dhagahu dhimma kana irratti garuu of too’achuu fi na dhagahuuf humna dhabe.
Oromoon safuu qabaa arrabsoo hin beeku ani arrabsoo isinuma irraayin baree hoodhaa waan keessan fudhadhaa jechaa ture. Dubbiin jabaachaa dhufee arrabsoon gara amantaatti ce’aa dhufe. gaafa sana egaa kaayyoon ilmaan alagaa kan galma gaheef. Oromoo inni itti dheeffetu amantaa koo tuqxe jedhee warra alagaa caalaa itti duule. Yaared amantaa arrabsuun alagaaf missiraachoo ta’e. jaalala amantaaf miti. nama eenyummaa isaa jibban saba isaa itti duulchifatan, ogummaa isaa irraayis gufachiisan. Agartanii?! amantaan Oromoof amantaa qofa. alagaaf immoo qa*wee ittiin Oromoo wal rukuchiistudha.
isaan xiyyeeffannoon isaanii guddaan kaayyoo isaa irraa gufachiisuu fi sabni ati itti dheeffite kuni wabii siif hin ta’u isa jechaanii turan hojiin agarsiisan.

Lij Yaared miira keessa galchanii arrabsoo amantaa dubbate Oromoon itti duullaan dhiifama gaafate. Alagaa caalaa Oromootu dhiifamni siif hin malu jedheen. gaafa amantii namaa xiqqeessan homaa itti fakkaachus baatu namni hedduun biyya keenyaa dhimma amantaa irratti dhiifama hin beeku.
Amantaan dhiifama hin lallabne garuu hin jiru.
Amantaa dahoo godhattee ykn amantaa wabeeffattee ilmaan alagaa akka feete yoo taate namni gaafatu hin jiru. gaafa Oromoo ta’e garuu lafatu garagla. seerris gaafasuma olaantummaa isaa agarsiisa.
Lij Yaared amantaa arrabse jedhameef dhiifama gaafatee ture. ni didame. dhiifamni yoo hin godhamneef garuu yakkamaa ta’ee argamnaan seeraan gaafatama malee sababni hammeenyi adda addaa irratti raawwatamuuf hin jiru.

Yaared waraanni mootummaa hedduun mana jireenyaa isaa cabsanii seenun erga too’annoo jala oolchanii booda reebicha daangaa hin qabne irratti raawwatan. Konkolaataa gubbaatti erga fe’anii reebuu qofa osoo hin taane rifeensa isaa irraa cicciran. du’uu qabda jedhanii itti dhaadatan. kuni ajaja eenyutiini. hundi isaanii saba biraati. aangoon isaanii nama shakkame too’anoo jala oolchuu bira hin darbu. tarkaanfiin fudhatame garuu jibbiinsa eenyummaa isaa irratti kan xiyyeeffateedha.
Mana hidhaa keessatti gaafachuuf deemee guyyaa sadi dubbisuu hin dandeessu jedhameen guyyaa 4ffaatti gargaarsa namaan argadhe.

Lij Yaared amma murtii tokko malee mana hidhaa keessatti ji’a 5ffaa dabarsaa jira.

Nutis isa jarri Oromoon wabii siif hin ta’u jedhanii arrabsaa turan isatti dugda laannee ragaa baanefii jirra.
“Dhimma isaa namoota fala ta’uu laata jedhee gaafadhe hundi dhimma isaa warra oliitu qabatee jira” jedhu.

Yaa warra olii! warra ol hin ilaalle, mee isa gadi isin ilaaluuf jedhaa obboleessa keenya fi fakkaattota isaa shiraan kiyyeeffaman quba nuuf qabaadhaa!

@Saayikoloojii

Art. #Ittiiqaa Tafariitiin