#Akka jijjiiramtu amani!

#Barreessaan Jim Rohn akka jedhutti namni biraa akka puush aappii(Push up) siif  hojjetu hin qacartu, kanaaf nama biraa irraa waan caalu hin eegin.  #Namni biraa ba'aa keenya baachuu hin danda'u, Inumaayyuu dhugaa dubbachuuf ofii keenya bira darbinee ba'aa namoota biroo salphisuu akka dandeenyu amanuu qabna.

#Akkuma yeroo waan ajaa'ibaa argannu kuni  ciminaa fi dhamaatii kooti jennu, waanti hamaan yoo nu mudatus  Badii keenya ta'uu yommuu amannu karaa furmaataa walakkaa deemnee  jirra jechuudha. #Namni  akka nama sababa heddu dhiheessuu dhaabbatee hafe hin jiru!

#Yeroo Gaariin isiniif hawwa!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
#Waan dandeessu hojjedhu!

  #Wanti hundi  kan ta'uuf sababa qaba.  Wantoota jijjiiruu hin dandeenyeef hin dhiphatin!  Yoo akkas gochaa jirta ta'e qilleensa hordofaa jirta jechuudha.  Akkana taanaan  eessayyuu hin geessu.  #Yaa qomoo koo isa kaan dhiisii โ€‹โ€‹of ilaali!  Waanti si fayyadu waa'ee egeree kee yaaduudha!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
#Ofiif ta'i

#Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

#Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. #Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. #Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

#Yeroo Gaarii isiniif hawwina!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
#Jechoota!

#Dubbiin afaan keenya keessaa bahu hundi gurra keenyatti dhihaata!  Waan namni nutti himu caalaa kan nutti dhihaatu, kan nu ijaaruu fi balleessus dubbii mataa keenyaati, kanaaf akkuma nyaata gaarii garaa keenyaaf filannu, dubbii gaarii gurra keenyaaf haa filannu!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina ๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii
#Xiqqaa irraa jalqabi!

#Yeroo waan tokko jalqabdu miira baay'ee ajaa'iba ta'een jalqabda guyyoota muraasa booda immoo na gaha natti haa hafu jettee dhaabdee rakkattee beektaa? Namoota baay'ee dhimma  kanatu isaan  mudata!

  #Garuu maaliif akka ta'e hin beeku Mee iccitii tokkon isinitti  himuu?  Waan xiqqoo irraa eegalaa hamileen keessan  waan dhufeef gahumsa waan  qabdaniif waantota heddu yeroo tokko hin jalqabinaa! waanti suuta hojjetame firiin isaas suuta dabalaa deema.

Halkan gaarii isiniif hawwina!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Saayikoloojii