#Hanga Jirrutti abdiin jira!

#Yeroo baay’ee, jireenya keenya keessatti wantoota abdachaa turree fi seenaa jireenya keenyaa ni jijjiira jennee yaanne kan nuuf hin milkoofne jiru. #Kanaaf abdii kutannee dhaabachuu yoo eegallee fi jireenyi haaraan akka jiru yoo nuuf hin galle inumaayyuu dhaabachuufi kufuu ta'a. #Garuu hanga ilmi namaa lubbuun jirutti yeroo hunda karaan jira!

#Abdiin hanga nuti duunutti hin duutu!

Yeroo gammachiisaan isiniif hawwa!!!
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaaπŸ™πŸ™πŸ™
#Galatoomaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
#FACEBOOK Siifan #Kanfala Naan Jedhe

#Garuu Ulaagaa Tokko si hafee Jira isa Guuttachuu dandeessaa Jedhee na gaafate.

#Ulaagichis Akkana "guyyaa 3 keessatti namoonni 20 follow si gochuu danda'uu" jedhee na gaafate
Animmoo.Akkanan jedheen " Eeyyeen Atumti naaf Kanfali malee uummata Oromoo Bal'aa fi Guddaa Gara laafessa ana mitii ormayyuu hammatuu fi gargaaru keessaan dhaladhe waan ta'eef ulaagaa kana haala salphaan naaf guuta rakkoon hin jirun" jedheen

Mee nan Qaanessinaa Na Gargaaraa egaa Uummata kooπŸ’œπŸ’œπŸ’œπŸ™πŸ™πŸ™

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.facebook.com/aberanege12?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
#Xiqqaa irraa jalqabi!

#Yeroo waan tokko jalqabdu miira baay'ee ajaa'iba ta'een jalqabda guyyoota muraasa booda immoo na gaha natti haa hafu jettee dhaabdee rakkattee beektaa? Namoota baay'ee dhimma  kanatu isaan  mudata!

  #Garuu maaliif akka ta'e hin beeku Mee iccitii tokkon isinitti  himuu?  Waan xiqqoo irraa eegalaa hamileen keessan  waan dhufeef gahumsa waan  qabdaniif waantota heddu yeroo tokko hin jalqabinaa! waanti suuta hojjetame firiin isaas suuta dabalaa deema.

Halkan gaarii isiniif hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii