#Ofiif ta'i

#Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

#Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. #Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. #Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

#Yeroo Gaarii isiniif hawwina!
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii
#Jechoota!

#Dubbiin afaan keenya keessaa bahu hundi gurra keenyatti dhihaata!  Waan namni nutti himu caalaa kan nutti dhihaatu, kan nu ijaaruu fi balleessus dubbii mataa keenyaati, kanaaf akkuma nyaata gaarii garaa keenyaaf filannu, dubbii gaarii gurra keenyaaf haa filannu!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina 🙏
👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii
#Xiqqaa irraa jalqabi!

#Yeroo waan tokko jalqabdu miira baay'ee ajaa'iba ta'een jalqabda guyyoota muraasa booda immoo na gaha natti haa hafu jettee dhaabdee rakkattee beektaa? Namoota baay'ee dhimma  kanatu isaan  mudata!

  #Garuu maaliif akka ta'e hin beeku Mee iccitii tokkon isinitti  himuu?  Waan xiqqoo irraa eegalaa hamileen keessan  waan dhufeef gahumsa waan  qabdaniif waantota heddu yeroo tokko hin jalqabinaa! waanti suuta hojjetame firiin isaas suuta dabalaa deema.

Halkan gaarii isiniif hawwina!
👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii