#Kaka'umsi ofitti amanamummaa kee guddisuu fi fedhii kee qabsiisuuf mana jireenya sammuuti!

#Motivation is the mental gym to grow your confidence and ignite your passion!

#แ‰ฐแŠแˆณแˆฝแŠแ‰ต แ‰ แˆซแˆต แˆ˜แ‰ฐแˆ›แˆ˜แŠ•แˆ…แŠ• แˆˆแˆ›แˆณแ‹ฐแŒ แŠฅแŠ“ แแˆ‹แŒŽแ‰ตแˆ…แŠ• แˆˆแˆ›แ‰€แŒฃแŒ แˆ แ‹จแŠ แŠฅแˆแˆฎ แŒ‚แˆ แŠแ‹แข
Forwarded from Abera Negesa official
#KUTANNOO
#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatin waraanaatti seenuun balaa fida. Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motora Konkolaataa wajjin wal fakkaata. #Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Hurnni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? #Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa #yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. #Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. #Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha. Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'eef isa qallicha hin mo'u Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttugxee seenaa hojjechuu hin dandeessu Waan hundumaa keessatti #milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu #kufaatiidha Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallatti feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiifti. Waanti fedhe isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni #kutataan galma isaa ga'uuf carraaqqii isaa addaan hin kutu. #Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!
#Kutadhuu Ka'i

#Maddi Kitaaba Saayikoloojii
@Damma Daamuu
# Atis Injifachuu ni Dandeessa jedhudha
Forwarded from Abera Negesa official
Promotion Channel Telegram baay'ee isin fayyadu kana irratti gadi tuquudhaan โ–บJOIN โ–บ godhaa!
โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ”€โ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€
โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–ˆ
โ”€โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆ
โ”€โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€
โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€โ”€
โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€โ”€

Suuraa kana irratti cuqaasuun gara channelichaatti seenudhaan โ–บJOIN โ–บ taasisaa!!! Nu waliin yoo turtan dhugumatti beekumsa gonfattu!
Kitaabota Saayikoloojii Irraa pinned ยซPromotion Channel Telegram baay'ee isin fayyadu kana irratti gadi tuquudhaan โ–บJOIN โ–บ godhaa! โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ”€โ”€โ”€ โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ”€โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ”€โ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–ˆโ”€โ”€ โ”€โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€ โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–ˆ โ”€โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆ โ”€โ–ˆโ–’โ–ˆโ–’โ–’โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–’โ–’โ–’โ–’โ–ˆโ”€โ€ฆยป
#Yeroon keessan kanuma. Yeroon kun yeroo keessan. #Yeroo keessanitti akkamitti fayyadamuuf deemtu?
#Afrikaatti wanti qaaliin nuti qisaaseessinu #Yeroodha
Hiyyummaa keessaa bahuuf yeroo keenya akkamitti akki itti fayyadamnu murteessaadha. #Yeroon keessan bakka hin bu'u.
#This is your time. This is your moment. How are you going to use your #time?
#In Africa the most expensive thing we waste is #Time
How we use our time is crucial to getting out of poverty. #Your time is irreplaceable.


@Saayikoloojii
@Bedadina
#Teessee Yaadda'uudhaan homaa hin fiddu!

#Ka'i! dammaqi!

#Yeroo tokko tokko wanti nuti yaaddofnu baay'ee nama ajaa'ibsiisa, kanaafidha waan jennee waamnullee ni dhabna! #Wantoota gurguddaa jireenya keenya keessatti qabnuu fi wantoota nu barbaachisan dhiifneet wantoota xixiqqoof Yeroo, gammachuu fi nagaa dhabna! #Wanti baayโ€™ee nama gaddisiisu, wanta gatii hin qabneef yaaddofnee erga dhabnee booda ykn wantoota qaalii qabnu osoo hin argin booda qabeenya meeqa akka qabnu yeroo hubannudha. #Kanaafuu yaaddoo irraa fagaannee, waan qabnu guutummaatti itti gammaduu haa barannu!
#Waan baay'ee qabna #fkf Yeroo, Fayyaa, Mul'ata, Galma, Maatii, Hiriyoota, Hojii, Beekumsa, Gammachuu, nagaa fi kkf.
#Hiyyummaan Namaa gadi nama #gooti!

๐Ÿ‘‰โœ‹Akkam jirtu Hordoftoota Chaanalii keenyaa
#Beelli hirribarraa nama dammaqsa. Hiyyummaa irra aanuuf dura hirriba irra aanuu qabna. #Rakkinni namaa gadi nama taasifti, osoo beela'anuu waan barbaadan filatanii nyaachuu dadhabu, filatanii uffachuu dadhabu, maarree kun ulfaataa mitii? Kanaaf dammaquu qabna.
#Dammaquu qofa osoo hin taane, ka'uun, utaaluun barbaachisaadha.
#Mee kaanee abjuu keenya yaada keenya keessatti, gabatee abjuu keenyaa irratti haa ilaallu, waraqaa irrattis yoo barreessine, lafatti kufuun isaa waan hin oolle. Haala kanaan, abjuu keenyaa fi jireenya keenya walitti haa qabnu. Hanga dhugoomsinuttis abdii kutachuu hin qabnu.
#Ganama sa'aatii meeqatti hirribaa kaata? Galgalahoo saatii meeqatti rafta?

๐ŸŒปHalkan gaariin isiiniif hawwa!

#Ganamaan Ka'aa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Eenyummaa kufee hin hafne!

#Ati guddaa ta'uuf uumamteetta! Gammachuudhaan akka jiraattuufis si uume uumaan kee! Bakka amma jirtu ilaali malee gad of deebisin. #Ifni dukkana wajjin walitti dhufeenya hin qabu; Dadhabbiin ykn dogongorri kee immoo yeroof kan turuudha. Ati ifaaf dhalatte #Maaliif yoo naan jette, uumaa yoomiyyuu si dhiisee hin deemnee fi eenyummaa kufee hin hafne waan qabduuf!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taสผan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Hanga Jirrutti abdiin jira!

#Yeroo baayโ€™ee, jireenya keenya keessatti wantoota abdachaa turree fi seenaa jireenya keenyaa ni jijjiira jennee yaanne kan nuuf hin milkoofne jiru. #Kanaaf abdii kutannee dhaabachuu yoo eegallee fi jireenyi haaraan akka jiru yoo nuuf hin galle inumaayyuu dhaabachuufi kufuu ta'a. #Garuu hanga ilmi namaa lubbuun jirutti yeroo hunda karaan jira!

#Abdiin hanga nuti duunutti hin duutu!

Yeroo gammachiisaan isiniif hawwa!!!
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu AberaโœŸ)
DUBBII KANA HUBADHAA!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ—‰ โ€Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti; kuftee ka'uu danda'uu qabda.

โ—‰ Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuu dha malee.

โ—‰ Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaarii dha jechuu miti; jibba caalaa jaalalli hunda caala jechuu dha malee.

โ—‰ Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.

โ—‰ Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjataa jirtu gaarii dha jechuu miti; Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii harโ€™a hojjataa jirtu jaaladhu jechuu dha malee.

โ—‰ Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti; kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuu dha malee.

โ—‰ Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti; Haqa nama biraa hin nyaatin jechuu dha malee.

โ—‰ Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
#Amaani gaaffiin kee #deebii ni argata!

#Uumaan gaaffii kee dafee yeroo deebisu #amantii si barsiisaa jira; yoo xiqqoo harkifate #obsa si barsiisaa jira; yoo baayee ture  garuu waan ati gaafatte #dachaa lama siif qopheessaa jira! .  Kanaaf gaaffii kee uumaa qofaaf kenni, garuu jabaadhuu #hojjedhu sana booda deebisaa uumaadhuma keetti  amanii dhiisi, hundaafuu deebiin jira karaan adda adda ta'uu danda'a. Walumaa galatti #gaaffiin kee  hundi ni deebi'a!

#Uumaan kee Gaaffii kee siif haa deebisu!!!๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!๐Ÿ’ช

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!

@Bedadina
@Saayikoloojii