#Dhugaan_dhugaa,#sobnis_sobuma!

Gaafa sobni morma dheereffatee olii gad kaatus ta'e, gaafa raafamni itti dhufee olii gadi raasuun hundee dhabuu isaa lallabu, dhugaan bakkuma isaa jira. Dhuguma, dhugaan hinraafamu. Gurraacha'aa kan addaatu, addaachaas kan gurraacha'u osoo hintaane, dhugaan kan hinjijjiiramne, Warqee Waaqaati! Argamuuf kan tulluutti olbahu, dhokachuufis suuqa kan barbaaddatu miti. Sodaafis harka kennee, bubbee haalaafi yeroon iddoodhaa hinka'u, dhugaan! Yeroo sobni itti qoosu haamileen isaa hinhir'atu, haamilee sobaanis itti hinho'u. Haalli itti hinqorrisiisu, ittis hinho'isu. Dhugaadha, kanaafi! Injifachuu yoo feete, mirgaan galuu kankee godhachuu yoo barbaadde, dhugaa filadhu; sobammoo balaaleffadhu. Irra deebi'een jedha, dhugaa filadhuu mo'i! Isatu karaadha; karaa jireenyaa! Madda gammachuu dorgee hinqabnedhas. Eeyyeen, onnee dhugaan guute caalaa bakki gammachuun itti argamu hinjiru. Bakka dhugaan jiru ifatu jira; ifa keessas sodaan hinjiru. Dhugaan of himaa miti, garuu gohaan isaa yoomuu ni dhagaahama.
Eenyuyyuu dhugaa haalee balleessuufis yoo dhama'e, dhugaa bakkaa hin dhabamsiisu. Qal'aa jabaataa, gabaabaa dheeraa, arii'atamaa jiraataadha- dhugaan! Dhugaan calaqqee yeroo miti; haalaafi bakkaan hin jijjiiramu, qilleensaan hinraafamu. Kanaafi namni jireenyasaa keessatti dhugaa moosifatu kan mo'aa jiraatu! Dhugaan injfataadha!

Sobni waccuudha; boqonnaa malee ofitti nama waamti! Irratti hirmaachuuf haala mijataa namaaf dhiyeessiti; garuu waamichi waamicha gara salphinaa, qaaniifi badisaati. Kanaafuu, dhugaa hordofuun hammam yoo ulfaateyyuu gad hin dhiisiin! Dhugaa ofitti aanfadhu, ofitti si aanfataatii! Dhugaan mo'aadha waan ta'eef, filadhuunii mo'i!

Dhugaan dhugaa, sobnis sobuma!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~~

@BookaBeekumsaa
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaa🙏🙏🙏

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii