DHANGAA AARTII OROMOO
586 subscribers
61 photos
1 video
1 file
21 links
Chainaliin kun artii oromoo guddisuuf kan banamedha. kannen akka walaloo, bacoo, mammaaksa, seenaa gotoota fi beekkumsa walii galaa ofitti hammata.

Yaada yoo qabaattan @chakuuuuu qunnamuu danddessuuu.
Download Telegram
Hiriyummaa
Namni waa sadiif nama hiriyoomfata.
1. Gammachuuf namoota hiriyoomfachuu (for pleasure)
2. Fayiidaadhaaf (for convenience)
3. Hiriyyummaa dhugaa

1. Gammachuudhaaf
Hiriyummaan akkanaa gammachuun hin jiru taanaan hin jiru. Waliin taphachuuf waliin nyaatanii dhuguu qofa irratti hundaa'a.
2. Fayiidaadhaaf
Namootni fayiidaadhaaf walitti hiriyoomaan yeroo dheeraa waliin jiraachuu hin danda'ani.
Hiriyummaan kun bakka sadiitti qoodamu.
a). Naannoo tokko waan jiraataniif hiriyoomu(proximity). Namootni akkanaa
Ollaa waan ta'aniif, waliin buna waan dhuganiif, waliin waan barataniif fknf yuuniversiitii, koollejjiifi dhaabbata tokko keessaa waan waliin hojjetaaniif waliin deemu.
Hiriyoonni akkasii wayita isaan keessaa nama tokko rakkoon mudatu garuu bakka biraa yookiin nama biraa bira deemu.
Karaa biraa bakka garaagaraa jiru taanaan wal irraanfatu jechuudha.
b). Barbaachisummaa (usefulness)
Kana jechuun namni tokko maallaqa waan qabuuf, sadarkaa olaana irra waan jiruuf, dooktera ykn abbaa seeraa waan ta'eef, kaayyoo tokkoof waan hojjetaniif,
nama cimaa waan ta'eef/ taateef walitti hiriyoomu.
Wayita barbaachisummaan nama kanaa dhabamu hiriyummaanis ni hafa.
Hamma dandeessutti fi hamma qabdutti qofaa, yookiin hanga sitti gargaaramu qofaaf si jaalata (hiriyooma) jechuudha.
c). Diina waliinii waan qabaniif (comman enemy)
"Diinni diina keetii firakeeti" jedhu beekamadha.
Hiriyummaa akkanaa keessatti diinni waliinii dhabamnaan, hiriyummaanis ni dhabama. Yookiin waliin diina waliinii isaanii erga injifatanii boodaa walitti deebi'anii daaraa wal gochuuniis ni jira.

3. Hiriyummaa dhugaa
~Hiriyummaan dhugaa- wal kabajuufi waliif yaaduu irraa ijaarama.
~Hiriyoonni dhugaa- garaa isaanii irraa wal jaalatu.
~Garaa isaanii irraa waliif yaaduu.
~Waadaa waliif seenaan ni kabaju.
~Yeroo rakkinaatti gonkumaa wal hin gatan.
~Faayiidaadhaaf jedhanii dabarsanii wali hin kennan.
~Aarsaa jaalala waliif kanfalu.
~Hundeen isaanii amanamummaafi jaalala irratti hundaa'a.
~Hiriyummaan akkanaa bara baraan jiraata.
~Hiriyaan dhugaa- si gargaaruuf malee faayidaa sirraa hin barbaadu.
~Fakkeessuuf utuu hin taanee waan waliif godhan hundumaa hiriyummaadhaaf godhu.
~Hiriyummaan battalumatti osoo hin taanee adeemsa keessatti ijaaramaa, gabbachaa deema.
Ofittummaa, addagummaafi oftuulummaan summii hiriyummaa mancaasanidha.
~Dadhabina walii walii danda'uufi wal hubachuun bu'uura hiriyummaa dhugaati.

Dhaamsa: Yoo wal jaalattan jaalalaaf qofa wal jaaladhaa. Onneen namaa fayyummaan isaa kan beekkamu yoo callisee sababa tokko malee qaamoota biraaf dhiiga geejibedha. Atis jallachuufis ta'e gargaaruuf sababa hin barbaadiin. Gaarii gochuuf uumamuumti kee iyyuu sababa of danda'edha.

#Onnee dhugaatti nama jaallatu siif haa kennu.

©Tolasaa Burqaa Qumbii, 2020

#Join👇👇👇
@sammuukoof
@Galaakoo
@Orobook
@sabakoofabdii