DHANGAA AARTII OROMOO
579 subscribers
63 photos
1 video
1 file
32 links
Chainaliin kun artii oromoo guddisuuf kan banamedha. kannen akka walaloo, bacoo, mammaaksa, seenaa gotoota fi beekkumsa walii galaa ofitti hammata.

Yaada yoo qabaattan @chakuuuuu qunnamuu danddessuuu.
Download Telegram
Aadaa Fuudhaa fi Heeruma Naannoo wallaggaa.

Yeroo bàay’ee Aadaan fuudhaaf heerumaa akkaataa naannootiin Hamma murtaa’e Garaagarummaa qaba. innis fkn Aseennaa.. Aseennaan Akka naannoo ani dhaladhee guddadheetti Gurbaa fi intalti utuu maatiin ishee fi kan isaa quba hin qabaatin karaa bakkee wal sossobatanii wal fuudhu .> kun Aseennaa jedhama Garuu Akka iddoo biraattimmoo …. “Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha” jedhama. mee kamiifuu hunda dura Naqatatu dursa waan ta’eef Naqatni Naannoo e beekutti akkamitti akka adeemsifamu waliin haa ilaallu ! Sirni Gaa’ila Naannoo wallaggaa kana fakkaata.. 1) NAQATA:- Umriin Gurbaa(Mucaa) waggaa 17 fi isaa ol yeroo ta’u ykn mana Dargaggummaa guutee (Waa’een “jaalalaa”itti dhagaamu) haatiniif Abbaan mucaa kana fuularraa ni beeku. isa booda inni na fuusisaa jechuun waan itti ulfaatuuf ykn saalfatuuf maaliin isaa(haadhaaf abbaan) mucaa kanaan si fuusifnaa durba ilaalladhu jedhanii dirqisiisu. mucaanis yeroo kana Tole jedhee durba filachuu eegala bakka shamarran qoraan funaananiif bishaan waraaban irra deemee. Yeroo kana Goofaree isaa filatee ulee ykn Eeboo isaa qabatee shittoo isaa dibatee of mimmiidhegsuun bakka #Qabdoo( Dhungoo) Ammas bakka sirbaa. Bakka Qabdoo sanatti Durba tokko wajjin quunnamtii saalaa geggeessuun bàay’ee safuudha waan ta’eef karameellaa (mi’eessituu afaanii) Afaan wal-kaa’uun dhongoo isaanii geggeessu. isa booda intalti kuniif mucaan wal jaallatanii Akka wal fuudhan wal gaafatanii Mucaan Guyyaa biraa hiriyaa isaa kan warra intalaatti siquuf kan isatti siqu fudhatee mana warra intalaa dhaqee intala ilaallata. Yeroo ilaallata dhaqu kanattis beekaa ulee isaa lafa buusee akka intalti irra tarkaanfattuuf akka isheen lafaa fuutee hirkistu ilaala. yoo isheen kan irra tarkaanfattee kan dabartu taate intalti kun naamusa hin qabdu waan taateef waa hin dubbatu kan biraa akkasuma deemee filata. yoo isheen fuutee keesse garuu intala kana akka isheen isaaf taatu yerooma sana mirkaneeffatee galee maatii isaatiin ilaalladheeraa intala Abaluu naaf naqaa! jedhee maatii isaatti himata. maatiin isaas siif taateettii? jedhanii gaafatu . innis sasaalfataa Eyyen! jedha . kana booda Abbaa mucàatiif Jaarsoliin Ollaa mana wara intalaaa utuu hin deemin xalayaa barreessanii postaadhaan Abbaa intalaatti ergu. Abbaan intalaas utuu Tole hin jedhin dura waa’ee mucaa sanaa qorata akkana jedhee.. ilmi obbo abaluu kun nama akkami? warraan walii gala moo didaadha? Egaa ijoolleen waan beektee wal hin qoranneef jarreen lammaan wal qorachuu qabu! ykn fira dhiigaa ta’uu waan danda’aniif Akaakayuu 5 fi isaa ol wal gaafatu. Yoo firummaa wal keessaa qabaatan dafanii akka hambisaniif. kana booda deebii argachuuf ammas nama ergu gara mana warra intalaatti. warri intalaas yoo ta’eeraaf ta’e intala immoo hiryaa ishee gaafachiisu isheenis naaf ta’a jetti. isa booda guyyaa naqataa walitti himu. Egaa naqata yeroo jennu Naqata jechuun waan isaanirraa eegamu intala kanatti naquu jechuudha… Innis:- Bitayoo harkaa,, Albuu miillaa,, waan gurraa,, uffata ishee fi k.k.f bitanii guyyaa beellamaa sanatii dhiyaatu. Guyyaama sana Gaa’illi kun yoom akka geggeeffamu walii galu. hanga gaa’illi kun geggeeffamutti garuu intala kana uffata ishee kan itti bitu warra mucaati. Yeroo guyyaan beellamaa dhiyaatu( ji’a 5 fi isaa as ) ta’u maatiin lammeen qophii dhangaa gochuu jalqabu. Gaagura fannifatanii, yoo sangaa coomfatanii, yoo xaafii hin qonne ta’e bitatanii… isa booda guyyaan beellamaa ji’a2tti yemmuu galu waraqaa barreessanii firaa fi fira firaa hudarra hiruudhaan waamicha eegalu . Jarri waamaman kunis waan isaanirraa eegamuun qophii eegalu. innis:- keessumaa gareen warra intalaa .. Guyyaa waamichaa sana gumaacha adda addaa qabatanii dhiyaatu Dubartoonni waan akka qorii garbuu, mi’a mana keessaa kan akka mi’a nyaanni itti nyaatamuu fi k.k.f shamarran .. dibata fuulaa(qibaatii) isa jedhan shaashii, callee mormaa fi k.k.f bitanii guyyaa sana sirna