SARON TUBE
200 subscribers
33 photos
126 links
Channel kana irrati waan barbadaa beksifachu dandeessa. Keessan nuu qunamaa. https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Download Telegram
Haati isaa erga duutee booda bakka jiraatu dhabee mucaa karaarra jiraatudha Joon!

Seenaa Dhugaa!

Akkuma barame Joon guyyaa tokko karaarra dhaabbatee kadhachaa ture. Ibsaa tiraafikaarra konkolaatoota dhaabbatan keessa gara isa tokkootti goree harka isaa diriirsee kadhate.

🤲 Foddaan konkolaataa tokko banamuu isaa yeroo argu ni rifate dubartii harganuu hin dandeenye maashiniin hargansuu mormatti kaa'ame deemtu tokko arge. #Joonis waan kana rifatee meeshaan kun maali jedhee gaafate? Isheenis mucaa kana otoo hin tuffatiin gaaffii isaa deebisteef.

Nama meeshaa gargaarsa hargansuu #oksijiniin guutameen harganu ta'uu ishee, sababii kanan iji ishee illee sirritti kan hin argine, miilli ishee sirritti deemuu kan hin dandeenye, maallaqa itti yaalamtu kan hin qabne dhukkuba kanaan waggoota 7f kan rakkachaa jirtuu tahuu himteef😓

Joon waan dhagahe kanan hedduu rifate, imimmaan isaa to'achuu dadhabe, Imimmaan isaa lolaasaa harka isaa kadhachuuf diriirse deebisee waan hanga sa'aatii sanaatti kadhatee argate qarshii boorsaa isaa keessaa baasee akka isheen ittin yaalamtuuf kenneef.
Namootni naannoo sana turan suuraa jalqabaa kana kaasuun seenaa kana waliin miidiyaa hawaasaarra facaasan, yeroo muraasa keessatti biyya #Keeniyaa guutuu walgahe.

Hunduu waan uumame kana dinqiisifatee mucaan miskiinni kun waan daabboo nyaatuun erga gargaaruuf harka isaa diriirse nuttis gargaarsa namummaa goonee maallaqa Shillingii Keeniyaa Miliyoona 4 waldhaansaaf gaafatamte haa kenninu jedhanii walitti qabaniif

Har'a #Gilaadiin ykn dubartiin sun firootaa fi namoota qabeenya qabaniin otoo hin taane karaa gaarummaa mucaa miskiina kanaan gargaarsa argattee biyya #Hindiiti yaalamtee, Meeshaa sana mormarraa gattee, akka barbaadde buraaqxee jiraachaa jirti.

Maarree Joonis ergasii xiyyeefannoo namoota hedduu ta'uun daandii irraa kaafamee mana dubartii #Neesii jedhamtuu jiraachuu eegaleera, barnoota isaas jalqabee jireenya gaariirra jira.

Gaarummaan Joon haadhaa fi mana keessa jiraatu kenneeraaf,
Gaarummaa Joon dubartii rakkoo waggaa 7 keessa tureef furmaata ta'eera.

Kanaafuu egaa kennuudhaf dureessa ykn qarshii hedduu qabaachuu hin barbaachisu garaa qulqulluu fi gaarummaan guutamuu barbaachisa.
Waaqayyo kennan isaa ajaa'iba karaa ati hin eegnen fayyina siif kenna, dubartiin kun otoo tuffattee foddaa itti cuftee deemtee gargaarsa argatti turee laata??
Kennan xiqqaas tahu haa kabajnu tuffii haa dhiifnu
Seenaa kana hedduu wannan jaalladheefan siniif hiike

Gammada olaanaatu barreese
https://t.me/SARONTUBE