SARON TUBE
200 subscribers
33 photos
126 links
Channel kana irrati waan barbadaa beksifachu dandeessa. Keessan nuu qunamaa. https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk
Download Telegram
#Si'iif_Maastikaa

Maastikaan shamarran hedduu biratti jaallatamaadha, xasss xow phiww gochaa karaarra adeemu, bakka tokko tokkottis shamarran Waajjira mootummaa firaaf matta'aan seenan abbaa dhimmaa teessisanii akka fiinyaa afuufani, phosss gochuun Waajjira goolaa oolu.

Maastikaan bitamee hanga daqiiqaa 10nan tokkootti mi'aansaa afaanii nama hin badu, sana booda garuu mi'aan sun gororaan dhiqamee bada. Mi'aadhumti maastikaa sanaallee haalli turtii isaa qarshii isa bite irratti hundaa'a. Keessumaa warri ammaa amma bituuf humna hin qabne, keenyaan (gidgiddaa) manaatti maxxansanii bulanii afaanitti deebifatu, gaarummaan isaa maastikaa nyaattii qofa malee, maastikaa isa kaleessaa namni jedhee irratti dubbatu hin jiru.

Si'iif Maastikaa kana waliin qabeen waa jedha!

Namni keenya baay'een isaa, akka jalqaba si argetti sii gaggabee waan ati nyaattuuf dhugdu siif bita, yeroof waanuma siif ta'u of dhabsiisa. Atis suuta suuta qalbiinkee, yaadakee eenyummaakee ofirraa baasaa dhufta! Jireenyakee gara jireenya nama sanaatti (shift) gochaa dhufta. Sana booda qullaa of gootee, akka isaaf mijatutti afaan si kaa'ata. (Like, banana 🍌)

Si dhandhama....sijaja....si hafarsa

Turtii muraasaa booda, dhandhamnikee keessaa badaa dhufa. Nama waan ta'eefis waan haaraa barbaacha lafa si kaa'ee adeema. Keessumattuu battalatti itti of laannaan, battaluma si dhandhamee tufee si gata. Akkuma nama maastikaa haaraa bitachuuf qarshii hin qabnees lapheesaa keessaa suuqa tokkotti si maxxansee maastikaa haaraa barbaaddata. Siin lapheetti si maxxansee, dhimma isaa xumuree dhufee bakka si rarraasee si buusee si alanfata. Takkaa itti of gurgurte waan ta'eef adeemsa keessa qalbiikeef akka bakka hin laanne si taasisa. Sana booda, dubbii sirratti eegee lafatti si tufee sibira darba. Kaanimmoo jechaaf gochaan sirra ejjeta!

Egaa yaa obbolootakoo, Dhiiras taatan shamara! Kan akka maastikaa tufamuu (Moral) namaa tuqu dhalatee hin jiru. Nama nuti itti of rarraafne yeroo akkatti nu tufu, bor (update) of gochuun waan yeroo dheeraa nu gaafatuuf namuma akka maastikaa, yookaan nun liqimsine yookaan dafee mi'aan keenya sammuutii bahutti of qajeelchine itti of kennuurraa of haa eegnu.

Barichis bara namni akka maastikaa tti daqiiqaa muraasaaf nu nyaatee nutti gargaaramee nu tufurra waan nu geessiseef nama nutti wajagu irraa siqnee haa ilaallu! Hamma yoomiittis jennee wajaga isaa haa yaadnu.

Ergaankun kan nama tokkoo fakkaatus, garuu kan nama lamaati!
https://t.me/joinchat/UxcAHELvgsYzNjJk