EECMY Children Ministry: MY Sunday School
762 subscribers
904 photos
14 videos
171 links
MY Sunday School is the official page of EECMY Children Ministry.

Wholistic Growth For Our Children!

Access Sunday School learning materials at www.mysundayschool.org
Download Telegram
MANA KITAABAA IJOOLLEE FI DARGAGGOOTIIF KITAABOTA 200 GUMAACHAN...
===
Obbo Abeel Dorteet jedhamu. Naannoo haaraa dhiyeenyatti hundeeffame, M.Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Godina Beenchi Shakkootti, Magaalaa Miizaan Tafarii keessa maatii isaanii waliin jiraatu. Barsiisummaarraa jalqabuudhaan waggoottaan kurnan afran darbaniif ogummaa garagaraatiin uummataa fi mootummaa tajaajilaniiru.  Waldaa Kiristaanaa keessatti tajaajilanii fi keessatti WWWMakaana Yesuus Beeteel Miizaaniittis itti gaafatamummaa garagaraatiin tajaajilaniiru, tajaajiluu irrattis argamu.
Mul'ata Manneen kitaabaa waldoota hundumaatti jalqabsiisuu jennee akka tajaajila ijoollee fi dargaggootti sochii  jalqabneen: mul'ata kana deeggaruudhaaf Waldaa Makaana Yesuus Beeteel Miizaan Tafariitti argamtutti Kitaabilee guddina hundagaleessaaf gargaaran 200 gumaachaniiru. Maanguddoo keenya: hojii gaarii hojjattan kanaaf dhalootni isin galateeffata. Dhaloota kitaabilee kanneeniin sammuun isaa ijaaramee, jireenyisaa haaromfamee bakka gaarii gaarii gahe akka argitaniif Waaqayyo Gooftaan umrii dheeraa fi fayyaa guutuudhaan isin nuuf eebbisuu! Nuuf jiraadhaa!

Ijoollee fi dargaggoon keenya guddina hundagaleessaan ijaaramanii akka guddataniif jecha kutaan tajaajila ijoollee fi dargaggoo Paakeejii Hundagaleessa Ijoollee fi Dargaggoo qopheessee irratti hojjachaa jira. Paakeejii keessaa inni tokko hojii sammuu dhalootaa misoomsuuti (Academic Excellency). Kaayoon isaas ijoollee fi dargaggoon keenya beekumsaa fi amala/naamusa gaariidhaan ijaaramanii akka hojjataniif deeggaruudha. 

Qabeenyi guddaan dargaggootaa sammuu isaaniiti. Sammuun immoo kan ijaaramuufi kan misoomu beekumsaani. Maddoota beekumsaa keessaa inni guddaan immoo kitaabadha. Dhalootni dubbisu dhaloota gaggeessuudha (Readers are Leaders) akkuma jedhamu, ijoollee fi dargaggootni keenya gaggeessitoota ta'anii akka nuuf guddataniif gahee keenya haa baanu.

👉Jaalatamoo dargaggoota, gaggeessitoota (tajaajiltoota)...waldoota/ manneen sagadaa hundumaa keessatti manneen kitaabaa (mini library) hundeessuudhaan dhaloota gara daandii beekumsaa fi milkaa'inaatti gaggeessuu keessatti gahee keessan akka baataniif jaalalaan waamicha isiniif dhiyeessina. Waldaa Makaana Yesuus Beeteel Miizaan Tafariitti jalqabbii gaarii arginee gammadnee jirra. Barsiisni, leenjiinii fi daawwannaan itti fufa...!

#Mana_Kitaabaa  hundeessuudhaaf:
👉Kutaa (gola waajjiraa), isuma waldaa keessatti ijaarramee jiru keessaa tokkotti fayyadamuudhaan waanuma xiqqaarraa jalqabuun nidanda'ama (jalqabuudhaaf dirqama mana haaraa ijaaruun hin barbaachisu, isuma jirutti fayyadamuun jalqabuun nidanda'ama.)
👉Sochii gumaata kitaabotaa jalqabsiisuudhaan namootni kitaabota akka gumaachaniif sochii taasisuun nidanda'ama.
👉Sagantaa galii walitta qabuu garagaraa qopheessuudhaan tajaajila kanaaf deeggarsa sassaabuudhaan kitaabola haaraa yeroo yeroodhaan karooraan bitanii dabaluun nidanda'ama.
👉Kitaabbilee hafuuraa fi saayinsaawaa ta'an, beekumsa walii galaatii fi guddina hundagaleessa dhalootaatiif kan ta'an akka ta'an irratti hojjachuun gaarii ta'a!
👉Koree hundeessuudhaan tajaajilli mana kitaabichaa mijataa fi hawwataa akka ta'u gochuun nidanda'ama.

#Manni_Kitaabichaa tajaajila kennuu yoo jalqabu;
👉Ijoolleen nidubbisu,
👉Dargaggootni nidubbisu,
👉Gaggeessitootni nidubbisu,
👉Tajaajiltootni nidubbisu,
👉Amantootni nidubbisu,
👉Walumaa galatti dhalootni dubbisu ni uumama, dhalootni dubbisu immoo beekumsaan jireenyasaa, manasaa, maatiisaa, tajaajilasaa, dhaabbatasaa, biyyasaa gaggeessa.
''...kitaabota haa hubataniif sammuu isaanii baneef...'' (Luq. 24:45) jedhamee akkuma barreeffametti, kitaanota dubbistan hubattanii beekumsaa fi ogummaadhaan akka guddattaniif Waaqayyo sammuu keessan haa banu!
===
Ergaan kun dhaloota bira akka gahuuf #Share/Forward gochuun tajaajila kana deeggaraa!

👉Barumsa garagaraa kallattiin argachuuf, miidiyaa keenya hawaasaa kanneen fayyadama.


http://www.mysundayschool.org
https://t.me/MYSundaySchool
https://t.me/eecmyyouthministry