EECMY Children Ministry: MY Sunday School
740 subscribers
894 photos
14 videos
168 links
MY Sunday School is the official page of EECMY Children Ministry.

Wholistic Growth For Our Children!

Access Sunday School learning materials at www.mysundayschool.org
Download Telegram
Cubbuu Isa Jalqabaa fi Abdachiifamuu Fayyisaa (Seera Uumamaa 3)

Jaalatamoo ijoollee keenya, nageenni Waaqayyoo isiniif haa baay'atuu! Barumsa keenya har'aatiin cubbuun jalqabaa maal akka ture, akkamitti cubbuun gara biyya lafaa akka seene, Waaqayyo immoo karaa fayyinaa akkamitti akka qopheesse ilaalla.

Jannata Eden keessa mukeetii iji isaanii nyaatamu hedduutu turan. Mukti beekumsa gaarii fi hamaa gargar basuu walakkeessa dhaabaa sanaa keessatti guddate. Waaqayyo waa’ee muka kanaa Addaamii fi Hewwaanitti himeera. Inni, “ Ija mukeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukichaa nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irra garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta” jedhe.

 

Gaaf tokko Addaamii fi Hewwaan dhaabaa sana keessa turan. Seexanni bofa of fakkeessee dhaabaa kessa gara Addaamii fi Hewwaan dhufe. “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukeeii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhe'' jedhe seexanni gaafate.

 

Hewwaan deebistee, “nuyi ija mukeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu’inaa! Kanaa achi in duutu’ jedheera” jette.

 

“Kun dhugaa miti,” jedhe seexanni isaan gowwoomsuuf, “Hin duutan. Ana dhaggeeffadhaa. Isin ijamukichaa irra yeroo naaattan, akka waaqayyoo taatu, hamaa fi garii ni beektu'' jedheen.

 

Hewwaan iji mukichaa ni ilaalte. Inni ija namaatti kan tolu ta’uu isaa argitee, kutattee in nyaatte. Addaamiifis ni kenniteef, innis ni nyaate. Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof hin ajajamne. Kun cubbuu isaanii isa jalqabaati. Isaan amma ni sodaatan. Akka Waaqayyo isaanitti aaru beekanii dhaabaa kessa dhokatan.

 

Waaqayyo isaan waame, Waaqayyo ija muka isa gaarii fi hamaa beekuu mana dandeessisu nyaatanii isaanii gaafate. Addaam inni kun balleessaa Hewwaan akka ta’e dubbate. Hewwaan immoo akka seexanni isheee gowwoomse dubbatte.

 

Addaamii fi Hewwaan Waaqayyo irratti cubbuu hojjetan, Waaqayyo garuu amma iyyuu baay’ee isaan jaallata ture. Sababa cubbuu isaaniitiif bara baraan isaan adabuu hin barbaanne. Kanaaf kakuu ajaa'ibsiisaa isaaniif kenne.

 

Inni akkas jedhe, “Yommuu yeroon isaa ga’u, Ilma kiyya biyya lafaatti erga. Inni dubartii irraa ni dhalata. Inni nama ni ta’a.  Inni cubbuuwwan keessan isin irraa ni fuudha.” Addaamii fi Hewwaan kakuu baay’ee gaarii kana dhaga’an. Kakuun kenname  kunis cubbuu isaanii akka irraa fuudhu ni beekan.

 

Waaqayyo kakuu Isaa ni eege. Waggoota baay’ee booddee IImi Waaqayyo Beeteliheem keessatti dhalate. Maqaa isaas Yesuus Jedhanii moggaasan. Yesuus yommuu nama ta’e, jireenya mudaa hin qabne jiraate, dogoggora tokko illee hin hojjanne.

 

Adaba cubbuu namoota hundumaa fudhatee fannoo irratti du’e. Kanaaf Yesuusin Fayyisaa biyya lafaa jennee waamna.

 

Waaqayyo amma iyyuu Addaamii fi Hewwaaniin ni jaallata ture. Dhaabaa sana keessaa isaan baasuutu isa irra jira. Akka isaan muka jireenya kennu sana irra nyaachaa cubbuu isaanii keessa bara baraan jiraatan hin barbaanne. Isaaaniin irra ittisuuf ergamaa billaa akka ibiddaa ifu baatu dhaabaa sana keessa kaa’e. Addaamii fi Hewwaan bara isaanii guutuu cubbuu hojjechuu itti fufan. Kanaaf ni du’an. Akka Waaqayyo Fayyisaa isaaniif kennu ni amanan. Bakka cubbuun hin jirre keessa waliin akka jiraataniif Yesuus gara biyya lafaa dhufe. Namni Isatti amanu kamuu jireenya barabaraa qaba.

👉Kutaa qu'annaa Kitaaba Qulqulluu: Roomaa 5:14-21 warra keessan ykn obboloota keessan waliin qu'adhaa. 

#Gaaffii

1.       Ajaja Waaqayyoof abboomamuu/ajajamuu diduudhaan Addaamii fi Hewwaan maal hojjatan?

2.       Waaqayyo maal isaaniif kakate?  Enyutu Fayyisaa isaniif ta’uuf kakatame?

3. Kutaa kana irraa maal barattan?

👇👇👇

Deebii keessan nuuf barreessaa! Namni barumsa shan wal duukaa ykn wal faana deebii sirrii deebiseef badhaasni kitaabaa qophaa'eera.

Guyyaa gaarii eebbaan guutuu isiniif haa ta'u!

http://www.mysundayschool.org
https://t.me/MYSundaySchool
Ijoollee Addaamii fi Hewwaan (Seera Uumamaa 4)
===
Addaamii fi Hewwaan ijoollee baay’ee qabu turan. Ijoolleen isaanii warri jalqabaa Qaayinii fi Abeel turan.

 

Qaayin guddatee qotee bulaa ta’e. Abeel yommuu guddate, tiksee horii ta’e.

Gaaf tokko Qaayinii fi Abeel kennaa Waaqayyoof fidan.  Iddoo aarsaa irratti kennaa isaanii guban. Kun akka isaan itti kennaa isaanii Waaqayyoof kennanii dha. Abeel hoolota isaa keessaa kanneen gaggaarii Waaqayyoof kenne. Qaayin garuu midhaan isaa keessaa isa gaarii Waaqayyoof hin kennine.

                                                                                                                        
Waaqayyo kennaa Abeeliitti gammade. Sababa inni isaaf hin abboomamneef, Waaqayyo kennaa Qaayinitti hin gammadne. Qaayin aaree Abeeliin ajjeese.

“ Obboleessi kee eessa jira?’jedhee Waaqayyo Qaayiniin gaafate.

 

Qaayin” Ani hin beeku. Obboleessa koo eeguuf dirqaman qabaa?” jedhee deebiseef.

Waaqayyo, “Cubbuu hojjechuu keetin obboleessa ajjeefte”, Qaayiniin jedhe.

: Kunoo biqilaawwan maasii kee keesssaa sirriitti hin guddatan. Bakka jireenyaa hin qabaattu. Bara jireenya kee isa hafe keessatti iddoodhaa gara isa kaaniitti adeemta” ittiin jedhe.

 

Kanaaf Waaqayyo Qaayiniif eegumsa gochuuf mallattoo itti tolche. Namoonni yommuu mallatticha argan Qaayiniin hin ajjeesan.

 

Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniif ilma an biraa kenneef. Maqaan isaa Sheet jedhama. Erga Sheet dhalatee, Addaam itti dabalee waggoota 800 jiraate. Inni ijoollee dhiiraa fi durboota hedduu qaba ture.

Addaam waggoo 930 jiraate.

Argitanii ijoolle,
👉Abeel garaa/onnee guutuudhaan waan gaarii ta'e Waaqayyoof aarsaa waan dhi'eesseef  Waaqayyo aarsaa isaa fudhate. Kanaafuu, aarsaan Waaqayyoof dhi'eessinu wanta hundumaarra gaarii ta'uu qaba, garaa/onnee guutuudhaan ta'uu qaba.
👉Qaayin hinaaffaadhaan obboleessa isaa ajjeese, hinaaffaan gaarii miti, irraa of eeggadhaa, cubbuurraa fagaadhaa.

Kutaa qu'annaa Kitaaba Qulqulluu 2Qor. 9:6-8 qu'adhaa.
 
#Gaaffii:
1.       Kennaa eenyuutu Waaqayyoon gammachiise?

Waaqayyo akka Qaayin obboleessa isaa ajjeesuu isaatiif qalbii jijjiiratee dhiifama gaafatu barbaade. Waaqayyo Qaayiniif eegumsa guchuuf maal hojjete?                                    

👇👇👇

Deebii keessan nuuf barreessaa! Namni barumsa shan wal duukaa ykn wal faana deebii sirrii deebiseef badhaasni kitaabaa qophaa'eera.

Guyyaa gaarii eebbaan guutuu isiniif haa ta'u!

http://www.mysundayschool.org
https://t.me/MYSundaySchool