#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na  cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu  akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa!  Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa!  Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!🏃🏃🏃🏃🏃🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🍀🍀🍀
@Saayikoloojii