#Nama #Guddaa ta'i!

#Namaa guddaa ta'uuf waan guddaa irraa eegalu hinqabdu. Ol baatee mul'achuuf dirqama gaara irratti dhalachuu hinqabdu. Geggeessaa biyyaa ta'uudhaaf abbaan kee ykn haadhikee geggeessaa ta'uu hinqaban. Fageessitee arguuf dirqama biyya fagootti dhalachuu hinqabdu. Dursuudhaaf dirqama dura jalqabuu hin qabdu. Kanaaf kutannoon hojjennaan bakka kamiyyuu geessee dhalootaaf karaa ta'uu ni dandeessa.

#Harka hin kennin!(Daawwit Taammiruu Taaddasaatiin)

#Join & #Share godhimee!

@bedadina
https://t.me/bedadina
#HARKA HIN KENNIN!
#Kutannoo Qabaadhu namni ejjennoo mataa isaa hin qabne bishaan #Gabateerraatii garuma hundatti raafamaa!
#Kaayyoo Qabaadhu namni kaayyoo hin qabne #Simbirroo Baallee(koochoo) hin qabne wajjin tokkuma. Bakkuma itti kufee gangalata malee lafa dhaqu hin qabu. Inumaayyuu bakkuma kufe sanatti inni kaayyoof fiigu irra ejjetee ajjeesa, Kanaaf #Kaayyoo mataa kee qabaadhu!
#Galma(Goal) Qabaadhu!
Namni galma hin qabne Farda luugama hin qabneen tokkuma, garuma argatetti gulufa. Namni galma qabu galma isaa hin hanqatu. Jireenya Tasumaa hin jiraatiniitii eessa akka deemtu beeki!
Gaafa sana ni Milkoofta namootaafis Fakkeenya guddaa taata Jabaadhu #Harka hin Kennin!
#Join👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii