#Faayidaa Bishaan Dhuguu

Bishaan dhuguun Uumaama kamiifu faayidaa hedduu qaba, keessattu ilma namaatiif. Ulfaatinni ilma namaa harki baayyee guddaan jiddugalaan hanga 60% (Saala fi Umriin garaagaarumma qabaatule) dhangala’adha. Namni ga’eessi tokko guyyaatti bishaan Litira 2-3 akka dhuguus ni gorfama.
Bishaan dhuguun faayidaa heddu qabatuus isaan keessa muraasni isaanii:-

#Fayyummaa kalee keenyaaf
Dhukkuba garaachaaf ni gargaara

#Dhukkubbii yeroo marsaa Laguuf
#Gogiinsa garaa hir’isuun, alkallattidhan immoo dhibee Kintaarootti nurra fooyyessa.
#Gogaan keenya lallaafaa fi midhagaa akka ta’uuf ni gargaara
#Onneen keenya dalagaa ishee sirnaan akka raawwatu gargaara
#Dandeettii waa yaaduu keenyaa dabaluuf
#Mataa bowwoo hir’isuuf darbees fayyisuuf
#Furdina gar malee hir’isuuf
#Dadhabbii irraa dafnee akka boqonnuf
#Sosochii qaamaa haala gahumsa qabuun akka taasifnuuf
#Kulkula(inflammation) irraa bayyaannachuuf
#GANAMA GANAMA GARAA DUWWAATTI yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin bishaan Burcuqqoo tokko ykn liitira 1 dhuguun immoo dabalataan faayidaa heddu qaba isaaniis:-
#Dhukkuboota Sirna haargansu hubaan, fknf Biroonkaayitii, Asmii, fi kkf fa’af baayyee fayyaada.
#Dhibee gaggabdoof ni gargaara
#Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraaruu fi kkf fa’a..
Erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamu fi dhugamu biroo (bishaanin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiqaa 30 turuu qabna.

@Dujabewa