#Faayidaa Bishaan Dhuguu

Bishaan dhuguun Uumaama kamiifu faayidaa hedduu qaba, keessattu ilma namaatiif. Ulfaatinni ilma namaa harki baayyee guddaan jiddugalaan hanga 60% (Saala fi Umriin garaagaarumma qabaatule) dhangala’adha. Namni ga’eessi tokko guyyaatti bishaan Litira 2-3 akka dhuguus ni gorfama.
Bishaan dhuguun faayidaa heddu qabatuus isaan keessa muraasni isaanii:-

#Fayyummaa kalee keenyaaf
Dhukkuba garaachaaf ni gargaara

#Dhukkubbii yeroo marsaa Laguuf
#Gogiinsa garaa hir’isuun, alkallattidhan immoo dhibee Kintaarootti nurra fooyyessa.
#Gogaan keenya lallaafaa fi midhagaa akka ta’uuf ni gargaara
#Onneen keenya dalagaa ishee sirnaan akka raawwatu gargaara
#Dandeettii waa yaaduu keenyaa dabaluuf
#Mataa bowwoo hir’isuuf darbees fayyisuuf
#Furdina gar malee hir’isuuf
#Dadhabbii irraa dafnee akka boqonnuf
#Sosochii qaamaa haala gahumsa qabuun akka taasifnuuf
#Kulkula(inflammation) irraa bayyaannachuuf
#GANAMA GANAMA GARAA DUWWAATTI yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin bishaan Burcuqqoo tokko ykn liitira 1 dhuguun immoo dabalataan faayidaa heddu qaba isaaniis:-
#Dhukkuboota Sirna haargansu hubaan, fknf Biroonkaayitii, Asmii, fi kkf fa’af baayyee fayyaada.
#Dhibee gaggabdoof ni gargaara
#Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraaruu fi kkf fa’a..
Erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamu fi dhugamu biroo (bishaanin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiqaa 30 turuu qabna.

@Dujabewa
#Faayidaa Buna Dhuguu (#Benefits of drinking coffee)


#Faayidaalee #Buna dhuguun argannu:

1. #Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.
2. #Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir’isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar’imaanitiin qabamuu gadi buusa.
3. #Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir’isa.
4. #Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir’isa.
5. #Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer’s disease fi Parkinson’s disease ni ittisa.
6. #Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.
7. #Miira mukaa’uu (depression) fi si’aa’ina dhabuu ni ittisa.
8. #Umrii namaa dheereessuu ni danda’a.
9. #Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.
10. #Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.
#Guyyaatti hangam haa dhugnuu?
Akka dhaabbanni “Guideline” nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan (average) namni ga’eessi tokko Buna siinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.
#Miidhaa isaa /Side Effects
1. #Hirriibni akka nu hin qabne gochuu (Insomnia) Rafuun dura Buna dhuguun hirriibni akka dafee nu hin qabne gochuu danda’a. Kunis nama namaatti garagaraa ta’uu danda’a. Namoota tokko tokko buna dhuguun hirriiba irratti isaan hin rakkisu ta’a. kan biroo immoo rafuun isaan rakkisuu danda’a, sababni isaas dandeettin namoonni kaafeenii dhiigaa keessa jiru balleessuuf (metabolism) garaagara. Kanaaf namoonni rakkoo kana qaban kan gorfamu; yoo rafuuf barbaaddan sa’aa 6 dura dhuguu ykn hanga bunaa xiqqeessu qabdu.
2. #Buna dhuguun araada nama qabsiisa. Kanaaf buna osoo hin dhugin yoo hafne, mataa dhukkubbii, miirri dadhabbii nutti dhagahamuu danda’a.
3. #Bunni Gubaa laphee ykn singiggoo( heartburn) nutti hammessuu danda’a.
4.#Buna baay’isanii dhuguun ulfa irratti miidhaa geesisa. Miidhaan bunni ulfa irratti geesisu hamma irratti hundaa’a. kanaaf dubartootni ulfa guyyaatti sinii 1-2 caalaa fudhachuu hin qaban (yoo danda’an immoo yeroo ulfaa osoo dhuguu baatani ni filatama), garuu baay’isanii dhugan taanan Rakkoolee akka ba’uu ulfaa (miscarriage), daa’ima ulfaatinni isaa gad aanaa ta’e (low birth weight) dhalachuu fa’a fiduu danda’a.
5, #Namoonni lakkoofsan baayyee xiqqoo ta’an bunni alaarjii itti ta’uu danda’a.

Dr. Lensa Boru
#Share and #Join
@Dujabewa
#Daandii #Milkaa'inaarra #Deemi!

#Daandii milkaa'inaa jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaa jechuun daandii gara galmakeetti si geessu jechuudha. Qajeeles jal'ates daandiin gara bakka yaadde sanaatti si geessu daandii milkaa'inaati. Kanaaf bakka yaadde ga'uuf daandii milkaa'inaarra deemi. Daandii milkaa inaa kanasgalmakeeirratti hundooftee filatta. Daandiin waan jajal'ateef hin dhiistu, waan qajeelaa ta'eefis irra hin deddeebitu. Daandii irra deemtu kan murteessu qajeeluma yookaan jal'ina daandii osoo hin taane galmakee yookaan bakka deemuu feetudha. Namni Wallagga deemuu barbaadu tokko daandiin Adaamaa qajeelaa waan ta'eef hin filatu. Daandiima wallaggaa jajal'aarra deema hanga Wallagga ga'utti. Atis galmakee bira ga'uudhaaf daandii milkaa'inaarra deemi! Daandii milkaa'inaarra deemuu jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaarra akkamiin deemuu qabda? Bakka yaadde sana, galmakee bira ga'uudhaaf qajeelfamootni armaan gadii haala kamiin daandii milkaa'inaarra deemtee galmakee bira akka geessuwaan si qajeelchaniif sirriitti qalbifadhu!

1. #Tarkaanfii kee Idileessi.
2. #Waantota Barbaachisoo ta'an dursa argachuu qabaniif dursa kenni!
3. #Ofitti Amanamummaa Qabaadhu!
4. #Galma keef Itti gafatamummaa fudhadhu!
5. #Dammaqaa/xuu Ta'i!
6. #Waantotaaf Daangaa Kenni. Lakki jechuus hin sodaatin
7. #Namoota si deeggaruu danda'an waliin hariiroo uummadhu!
8. #Yeroo yerootti of haaromsaa deemi!
9. #Dandeettii Rakkoo furachuu gabbifachaa Deemi!
10. #Waan Eegalte Kutannoon Xumuri!
11. #Gufuulee Daandii Milkaa'inaaf Harka Hin Kennin!

#Join and #Share
👇👇👇👇👇
@bedadina

#And for job #Vacancy
#Join and share
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/OdeeffannooBeeksisaaHojii
#Dandeettii kee beeki!

#Waan dandeessu qofa hojjedhuutii waan hin dandeenye  hunda immoo uumaa keetti kenni!  Waantota hedduun yoo garmalee of dhiphiste dandeettii wantoota sasalphaa hojjechuu ni dhabda jechuufan jedhe malee hin danda'u jedhiitii  harka maradhuu taa'i jechuu koo miti. Siif gale  mitii yaanni koo?? Dandeettiin hunda keenyaa garagaradha.

#Kanaafuu lama dhabduu taatee hafuu keerra kan qabatte  qabadhuutii jabaadhu!

  #Yeroo bareedaa qabaadhaa🙏

      👇👇👇👇                          @Saayikoloojii