#Ati of daangessitee teessa taanaan eenyutu daangaa si ceesisaa?
#Dammaqi waan haaraa siin dalagamutu jiraam. Waanti haaraan siin dalagamu immoo gatii si kaffalchiisu of keessaa qaba.
Maaliif beektaa? Beektonni yeroo baay’ee akkas jedhu:-
"#Waanta Haaraa Hojjechuun Mataan Isaa Iyyuu Gufuudha"Jedhu.

@bedadina
#Waanta irratti bobbaatetti #Goota Ta'i !!

#Barataan Barumsatti
#Qonnaan Bulaan Qonnatti
#Daldaalaan Daldalatti
#Loltuun Lolatti
#Aartistiin Aartiitti
#Atileetiin Atileetiksiitti
#Taphataan kubbaa Taphatti
#Hoogganaan Hooggansatti
#Xiinxalaan Xiinxalatti
#Raajichi Raajiitti
#Barsiisaan Barsiisuutti
#Goota Ta'i!!!
kan hafe itti dabalaa!!!

#Chaanaalii keenyatti makamuufi
👇👇👇👇👇👇

https://t.me/bedadina
#Waanta Dhaloota #Fayyadu Dhalootaaf Kennuu Dhabuun(Dhiisuun) Dhaloota #Saamuudha!!!

#Gaafa duutu qabeenyi si wajjin awwaalamu tokkollee akka hin jirre mirkaneeffadhu. Wantota gati-jabeeyyii keessa kee jiran mara gadi baastee ittiin hojjechuu kee irraa kan ka'e qullaa ta'ii du'i. Namni ati saamte tokko illee hin jiraatin. #Jireenyi lakka'amu egaa kan akkanaati. Guutuu ta'anii dhalatanii duwwaa ta'anii du'uu! #Dammaqi! Ka'i! Socho'i! Karoorsi! Tarsiimoo sirrii lafa kaa'i! Irratti hojjedhu! Addunyaa suphee siin jettuuf warqee ta'uu kee mirkaneessi!
#Barri kun bara itti warqummaan kee mul'atu; bara itti mul'anni keessa kee jiru ba'ee ifatti argamu ta'uu qaba. Eyyee! Siinan jedha! Warqee suphee uffattee jirtuu nana suphee kee urgufadhu! #Gatii ofiif kenni!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!
@Bedadina