#Ati of daangessitee teessa taanaan eenyutu daangaa si ceesisaa?
#Dammaqi waan haaraa siin dalagamutu jiraam. Waanti haaraan siin dalagamu immoo gatii si kaffalchiisu of keessaa qaba.
Maaliif beektaa? Beektonni yeroo baay’ee akkas jedhu:-
"#Waanta Haaraa Hojjechuun Mataan Isaa Iyyuu Gufuudha"Jedhu.

@bedadina
#Hin danda'u hin jedhiin!!!

#Ati nama fakkeenya Waaqayyoon Uumamtedha waanti ati gochuu hin dandeenye tasumayyuu hin jiru.
Bifa Waaqayyoon uumamuun kee Qofti Ibsituu akka ati waan hundumaa dandeessuuti. Yoo xiqqaate karaan ani ittiin hin dandeenye natti hin mul’atu jedhi yeroo sana Uumaan kees si wajjini. Yeroosaatti hundumtuu ni mul’ata!

#Join and #Share
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/Bedadina
#Ati #Bineensotarraa #Addadha!


#Dhalli namaa Sammuu yaadu waan qabuuf qofa bineensota biroorraa adda hin ta'u.

#Dandeettiifi akkaataan yaaduu isaanii kan namootaa waliin wal caalus, Bineensonnis waan nyaataniifi dhuganiif inuma yaadu. Waanti dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu maaliree? Waanti guddaan dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu #Fedhii Milkaa'inaati. Fedhii #milkaa'inaa jechuun fedhii mul'ata jireenya egeree milkeessuu qabaachuu jechuudha. Bineensonni fedhii milkaa'inaa hin qaban. Jaldeessi tokko galma jireenyasaa kan borii hin qabu. Har'uma waan argate nyaatee jiraata malee bor sadarkaa guddaa tokkorran ga'a jedhee hin karoorfatu. Bineensotni biroonis akkanuma. Garaagarummaa guddaan Dhala Namaafi Bineensota gidduu jiru isa kanaadha.

https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Ani Kanan Jedhu!

#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.
#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.
#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#α‹¨α‰€αŠ• αˆ₯ራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.
#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa Naggasaati Waan dubbiftaniif GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™
#Eenyummaa kufee hin hafne!

#Ati guddaa ta'uuf uumamteetta! Gammachuudhaan akka jiraattuufis si uume uumaan kee! Bakka amma jirtu ilaali malee gad of deebisin. #Ifni dukkana wajjin walitti dhufeenya hin qabu; Dadhabbiin ykn dogongorri kee immoo yeroof kan turuudha. Ati ifaaf dhalatte #Maaliif yoo naan jette, uumaa yoomiyyuu si dhiisee hin deemnee fi eenyummaa kufee hin hafne waan qabduuf!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!

@Bedadina
@Saayikoloojii
πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaΚΌu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaΚΌelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaΚΌa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii
​​​​#Gaabbii

#Ati Maal gaabbita Mee?
#Hospitaala Keessatti Qorannoon Namoota Du'aaf guyyaa muraasni akka isaan hafe itti himamee du'a eeggataa jiran irratti gaggeeffame akka ibsutti #Gaabbii isaanii ykn #otoo isaanii akkas jechuun dubbatan:-

πŸ‘‰Gammachuu hin qabun ture
πŸ‘‰Barnoota koo hin foyyeeffanne
πŸ‘‰Of hin kunuunsine ykn ofhin eegne
πŸ‘‰Haaloo ykn Jibbaanin jiraachaa ture
πŸ‘‰Maatii koof yeroo hin kennine
πŸ‘‰Namootan gargaaruu qabu hin gargaarre
πŸ‘‰Abjuu (Mul'ata)koo hin jiraanne
πŸ‘‰Maaliifan dhamaa'aa ture
πŸ‘‰Namootaaf jaalala koo hin ibsine
πŸ‘‰Amantaaf bakka hin kennine Nan tuffadhan ture.
πŸ™ Bal'ina isaa yeroo dhiyootti isiniif qabannee dhufna.
#"Gaabbii Fi Eegeen booda dhufti" Jedha Oromoo koof keessan.
#Maddi Dr.Wadaajeeneh
#Namni Hunduu waan mataa isaa qaba!

#Namni kamuu duwwaas miti namni kamiyyuu guutuus miti. #Nuti Karaa tokkoon milkoofnee gammadne jechuun namoonni hunduu karaadhuma sanaan milkaa'anii gammadoo ta'u jechuu  miti.  #Nuti waan barbaannu jaallachuu dandeenya, garuu waan jaallannu akka jaallatan namoota dirqisiisuu qabna jechuu miti.

#Yoomiyyuu taanaan  ta'uu fi ilaaluu kan qabnu waan keenya ta'ee fi kan nuuf kenname ta'uu  qabna malee akka abaluu maafan ta'uu dhabe jechuun dhiphachuu hin qabnu.  #Akka warra kaanii osoo hin taane, akka ofii keenyaa akka jiraannuuf kan uumamne!  #Kanaaf gammachuu ofuma keenyarra haa barbaannu!
       #Ati guutuus miti duwwaas miti kana beeki
#Yeroo  gaarii isiniif hawwa!!!
@Saayikoloojii
@Bedadina
#Ati Qormaata kutaa #12 NAN KUFE jettee aartaayii?

#Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

#Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
#ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

#TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

#ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

#Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

#Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

#Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

#Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun dawaa milkoomina keetiti.

Obbolee/ttii koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

#Share godhaa #barattootta abdii kutannaa keessa jiran biraan nuuf gahaa adaraaπŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii
#Adeemsa Kee Itti Fufi

#Ati Itti amannaan Ragaa ykn Mirkaneessa hin barbaadin.
Eeyyeen Kan sitti mul'atu nama hundatti hin mul'atu;
Kan sitti dhaga'amu nama biraatti hin dhaga'amu.
#Kanaafuu ofii kee amansiisi sana booda adeemsa kee Itti fufi

#Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga Ittiin isin Gahe!
#Ayyaana Gaarii isiniif haa ta'u !!!

@Saayikoloojii
πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„
πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ²πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„πŸŽ„
#Ati kophaa kee miti!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaΚΌu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaΚΌelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaΚΌa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya ni milkoofna jedheen yaada.
#Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#GalatoomaaπŸ™πŸ™πŸ™
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Ati mo'ataadha!

  #"Kufaatii kee irraa yoo baratte akka mo'amteetti hin lakkaa'amu!"  Argitee, waan amma si mudate hambisuun rakkisaa ta'uu danda'a, garuu ofumaan 'Wanti amma na mudate lammata na mudachuu hin danda'u jedhi. Sana booda ni moota!


#Halkan bareedaa isiniif hawwinaπŸ™
@Saayikoloojii
#Waantota kana sadaniin of hin dhiphisinaa

#1ffaa. #Seenaa keessan isa darbe yaaduun of hin dhiphisinaa. Sababni isaas kan darbe darbeera deebi'ee hin dhufu.#fkn kisaaraa, gargaarsa dhabuu, rakkachuu, hidhamuu, hojiirraa gaggeeffamuu, gadda ulfaataa...isin mudatee darbe.
#2ffaa. #Waa'ee gara fuulduraa yaaduun hin dhiphatinaa. Sababni isaan fuulduratti maaltu akka nu mudatu, eebba, rakkina gadda gammaachuu ta'uun isaa icciitiidha.
#3ffaa. #Ofii keenya namoota biraa wajjin dorgomsiisuu dhiisaa. Sababni isaas akkaataan ati itti uumamte nama kamirraayyuu adda, kaayyoon ati uumamteefis kan nama kamiirraayyuu adda. #Ati nama addaati. Hundi keenyayyuu dandeettii fi kennaa addaa addaa qabna.

# Addunyaa kanarra Namni guutuunis namni duwwaanis hin jiru. Of ta'ii jiraadhu!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Boru ni dhufa

#Isa deemetti hin aarin. Isa dhufus hin ajaa'ibsiifatin. Kan har'a dhufe boru ni deema. Kan kaleessa deeme boru ni dhufa. Hundi isaa yeroo wajjin jijjiirama. #Ati garuu qajeelummaa kee hin dhabin ittuma fufi!"
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Subscribe
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtu.be/4alyQW28TBo