#Kutannoo

#Injifachuuf utuu hin kutatiin waraanaatti seenuun balaa fida.

#Dharraa yookiin hawwiin waa hojjechuu keessa keenya jiru motoorii makiinaa wajjin wal fakkaata. Kutannoon immoo ibidda garaa keessaa dharraaf humna kennuudha. Humni humna irra caalu addunyaa kana irra jiru dhiibbaa tokko malee waa hojjechuf fedhii ati (will power) qabduudha. #Bakka kutannoon jiru mo'ichi/injifannoon mirkanaa'aadha.

#Jireenya keessatti kan argannu waan hawwinu utuu hin ta'in argachuuf kutannee waan hojjenneedha. #Hundumti keenya hawwii qabna. Hawwiin keenya lakkoofsi isaa hanga hin qabu. Garuu waan hawwine kana argachuuf kutannoodhaan kan hojjetu yookiin kan carraaqu nama meeqaa? Dhugaa isaa dubbachuuf lakkoofsi keenya xiqqoodha. Kaan keenya waan hawwine sana argachuuf ifaajjii isaa yaaddofnee hamleen keenya bushaa'ee jira. Kutannoo jechuun gonkumaa harka kennuu dhabuudha. Kutannoo jechuun ifaajjii kiyya addaan hin kutu jechuudha.

#Hubadhu: Sangaan coomaa waan ta'ef isa qallicha hin mo'u. Humna isaan qabantu murteessa. Waan tokko xinnoodhuma tuttuqxee seenaa hojjechuu hin dandeessu.

#Waan hundumaa keessatti milkaa'inni aarsaa qabatamaan namni tokko baasuuf kutate irratti hundaa'a. Fedhii qabduf aarsaa baasuuf qophaa'aa miti taanaan kan si'eeggatu kufaatiidha. #Akka kompaasii kallattii agarsiiftuu kutataa ta'i. Ati kallattii feeteetti marfattus fixeen kompaasiittii garuma kaabaa agarsiiftu. #Waanti fedhee isa danqullee akkuma kompaasii kallattii agarsiiftu kana namni kutataan galma isaa ga'uf carraaqqii isaa addaan hin kutu.

#Kutannoo qabda taanaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa!

#Atis Injifachuu ni dandeessa!(#Damma #Daamuu)
#Galattoomaa 🙏🙏🙏

#Join and #Share

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina
#Dhiifama Baay'ee #ulfaataa!

#Dhiifama hunda keessaa inni  baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ofuma keenya akka komannu(ceephaanu) nu taasisa. Animee balleesseeraa bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameeraa, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera jennee of kommanna!

#Eeyyeen dur dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanti osoo hin beekiin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu!!!

       #Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!

#Halkan gaarii isiniif hawwina!!!


@Bedadina @Saayikoloojii
Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind 

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.

Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. “#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, “Ijoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. “#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, “Abalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. “Ijoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. “Hin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota  baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. “#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)
@Bedadina
@Saayikoloojii
Forwarded from Barumsa Kompiitaraa
#Of eeggannoof ️

Telegram keessan gowwoomsitoota irraa eegaa📵

#Telegram irratti link cutt.ly ykn bit.ly irraa eegalu kamuu nama kamirraayyuu yeroo isin qaqqabu hin baninaa sababni isaas vaayirasiin dhiheenya kana dhufee chaanaalii isin subscribe gootanii join gootan hunda guutummaatti haqee , akka haaraatti akkaawuntii banaa isiniin jedha.Kun waan of eeggannoo guddaa barbaadudha.

👑Link akkanaa maqaa namoota beektun siif ergamuu danda'a, garuu gonkumaa hin banin.

👉Akkasumas akkaawuntii keessan hackers irraa qusachuuf jecha password yaadattan Two-Step Verification banadhaa!

@Bedadina
#Hariiroo Gaarii

#Namoota wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaadde, afaan isaan hubataniin yaada kee ibsiif;  Afaan isaan hin beekneen itti himtee maaliif  na hubachuu didanhin jedhiin, dursa waan isaan hubatan barbaadi!

    #Sana booda hariiroo sirrii horatta!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Halkan Hin Bariine Hin jiru

#Halkan hin bariine hin jiru, guyyaan hin dabarres hin jiru, wanti hundi darbee gaariin ni dhufa, wanti xiqqaate itti dabalamee wanti nu hanqate ni guutama wanti guddaan lubbuun jiraachuu keenya.

#Wanti hin danda'amne hin jiru!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Boruuf Jennee #Obsina


#Kaleessi gaariis ta'u gadhees ta'u darbeera.
⌲ Guyyaan har'aa milkaa'ina boriitiif si qopheessa.
⌲ Boriif jennee obsina.

#Namoonni baay'een kan dhiphataniif, kan jeeqamanii fi of ajjeesaniif haalli jireenyaa ta'uufii didee miti. Waan barbaadan dhabaniifis miti.

#Guyyaa borii maaltu akka jiru,
maaltu akka ta'u jalaa dhokate.
Guyyaan "bori" jedhamu itti argamuu dhabuu irraan kan ka'ee dha.


@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ijoolleen Keenya Dammaqaa mee

Ormi Miidiyaa Hawaasaatiin nutti Duulaa Jira

#Email qabaadhaa
#YouTube banadhaa
Tiktok, Tweter Fi kkk banadhaa dhiibbaa uumaa jarri ijoollee Keenya irratti Duulaa jirti

#Miidiyaa hawaasaa Garee qabu isaan Telegram Fi Whatsapp group

#Nuti maal eegna


#Itti makamaa namoonni YouTube guddifachuu barbaaddan
👇👇👇👇👇
@Gareetiktok
#Gammachuu barbaaddaa?
Kanaafuu maal eegaa jirtaree?

#Galateeffadhu!🙏
#Waan qabduuf, waan kanaan dura siif raawwatameef, gara fuulduraattis waan siif raawwatamuuf galateeffadhu!
@Saayikoloojii
#Itti Fayyadami!

#Qormaanni jireenya keenya keessatti nutti dhufu tokko  nu #jabeessuuf ykn immoo jireenya keenya keessatti waan baranne nu #qoruufi#Duubatti yoo deebine nu gata, garuu osoo duubatti hin deebi'in fuulduratti yoo deemne injifannee  #badhaafamna!
      #Gara fuulduraatti deemuun badhaafami!

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

👉@Saayikoloojii👉 @Bedadina
#FACEBOOK Siifan #Kanfala Naan Jedhe

#Garuu Ulaagaa Tokko si hafee Jira isa Guuttachuu dandeessaa Jedhee na gaafate.

#Ulaagichis Akkana "guyyaa 3 keessatti namoonni 20 follow si gochuu danda'uu" jedhee na gaafate
Animmoo.Akkanan jedheen " Eeyyeen Atumti naaf Kanfali malee uummata Oromoo Bal'aa fi Guddaa Gara laafessa ana mitii ormayyuu hammatuu fi gargaaru keessaan dhaladhe waan ta'eef ulaagaa kana haala salphaan naaf guuta rakkoon hin jirun" jedheen

Mee nan Qaanessinaa Na Gargaaraa egaa Uummata koo💜💜💜🙏🙏🙏

👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/aberanege12?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
#Namni 3 #Follow na Gootaniittu Guddaa Galatoomaa 🙏🙏🙏❤️❤️❤️
Bu'uurri keenya hundaa isin kana jedhamaa
Keessa dabarre jedhu bacaqii jijjiiramaa
Isinoo har'as kunoo teessanii jirtu achuma
Saayiinsiin nu sobaamoo maal maqaan jijjiiramaa
Xiqqoo socho'aa malee maaliif teessuu yaa jamaa

Dhalli namaahoo kunoo wal balleessuudhaaf gamaa
Qabeenyi dacheen qabdu, abiddaan waxalamaa
Garuu, anaan na dhibe wanti uumaaf uumamaa
Isinoo wal jaalattuu, waliif hin yaaddan hamaa
Gaafa jarri nutti himan homaa hin yaaddan jedhamaa
Garuu, dhibbeentaa dhibba tokko ni caaltu dhala namaa
Isa wayyaa uffatu, isa sammuun xaxamaa
Isa gubbaadhaan kolfu, isa keessi waadamaa
Ammayyuu walii hin ciisu, wal balleessuudhaaf gamaa.
@Saayikoloojii
Maddi Fb Jaan Firaa
Forwarded from Sanyii Guddataa
𝗔𝗕𝗗𝗜𝗜 | 𝗛𝗢𝗣𝗘
Jireenyα kee keessαtti ABDII dαbαlαtαα αkkαmitti αkkα horαttu tαrkααnfiiwwαn 10n gurguddoo.

❶. 𝗬𝗮𝗮𝗱-𝗿𝗶𝗺𝗲𝗲 𝗮𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗵𝘂𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

Abdiin hααlα xiinsαmmuu bu’αα gααrii tokkotti αmαnuu fi kαkα’umsα gαrα isααtti hojjechuuf wαlitti fidudhα.
Dαndeettii dαndαmαchuu, kαkα'umsαα fi fαyyαα wαliigαlααtif wααn bαrbααchisαα dhα.

❷.𝗔𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗵𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂

Hαwwiin kαn hin hojjenne fi cαrrααqqii kαn hin qαbne tα’us, αbdiin gαruu dαmmαqinααn hirmααchuu fi gαlmα bαrbααdαmu birα gα’uuf kαroorfαchuu of keessαα qαbα.

Gαlmα yeroo bααfαttu yααdα qαbαtαmαα fi gochα irrαtti xiyyeeffαte qαbααchuuf cαrrααqqii.

❸.𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗶𝗳𝗮 𝘁𝗮'𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝘁𝗮'𝗲 𝗸𝗮𝗮'𝘂𝘂

Gαlmi kαllαttii fi xiyyeeffαnnoo kαn kennu yoo tα’u, kunis αbdii guddisuuf murteessααdhα.

S.M.A.R.T hundeessu.  (Addα, Sαfαrαmuu dαndα’u, Gαlmα gα’uu dαndα’u, Bαrbααchisαα, Yeroodhααn kαn murtαα’e) gαlmootα tαttααffii kee qαjeelchuuf.

❹.𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗱𝗮𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂

Abdii yoo ilααlle jijjiirαmα gochuun furtuudhα.

Gαlmα kee birα gα’uuf tooftααlee αddα αddαα sαmmuutti qαbαdhuu kαroorα duwwαα qopheessi.
Hααlα kαnααn, yeroo gufuun si mudαtu mαdαquuf qophooftα.

➎.𝗢𝗳 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮'𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂

Dαndeettii kααyyoo kee gαlmααn gα’uu kee αmαnuun qααmα αbdii murteessααdhα.

Milkαα’inα dαrbe irrαtti xiyyeeffαchuudhααn, yααdα bαrbααduu fi of-hααsα’uu gαdhee mormuudhααn of-gα’umsα ijααruu.

➏.𝗬𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂:

Dαndeettii fi sαmmuun hojii cimαα fi of kennuudhααn guddαchuu αkkα dαndα’u αmαntαα fudhαdhu.

Yααdni kun qormααtα keessαtti ciminα jαjjαbeessuun αbdii guddisα.

➐.𝗗𝗲𝗲𝗴𝗴𝗮𝗿𝘀𝗮 𝗵𝗮𝘄𝗮𝗮𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗶𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂:

Nαmootα biroo kααyyoo fi gαtii kee qooddαtαn wαliin wαl qunnαmuun sαdαrkαα αbdii kee guddisuu dαndα’α.

Dhiibbαα gααriitiin of mαrsi, αkkαsumαs sochiiwwαn wαltα’iinsαα fi wαl-deeggαrsα guddisαn irrαtti bobbα’i.

➑.𝗚𝗮𝗹𝗮𝘁𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗮𝗮 𝘀𝗵𝗮𝗮𝗸𝗮𝗹𝘂𝘂:

Jireenyα kee keessαtti wαntootα gααrii taʼαn irrαtti xiyyeeffαchuun kee ilααlchα αbdii gααrii qαbααchuuf gαrgααrα, kunis αbdii guddisuuf bαrbααchisαα dhα.

Joornααlii qαbαchuudhααn ykn dinqisiifαnnαα kee wαrrα kααnitti himuudhααn gαlαtα horαdhu.

➒.𝗗𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮𝗺𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂:

Mαlα rαkkoo furuu fudhαchuu fi yααdα ijααrsαα bαrbααduun duubαtti deebi’uu bαrαdhu.

Yeroo rαkkisαα keessαtti αbdii eeguuf dαndαmαchuun bαrbααchisαα dhα.

➓.𝗞𝘂𝘁𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝘁𝘂𝗿𝘂𝘂:

Abdiin kααyyoo keetif yeroo dheerααf of kennuu gααfαtα.

Yeroo hundα guddinα kee gαmααggαmuudhααn, injifαnnoo xixiqqoo kαbαjuudhααn, yeroo bαrbααchisαα tα’etti tooftααlee kee sirreessuudhααn kαkα’umsα kee eegi.

https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
👍               🗨️         ♂️
𝒍𝒊𝒌𝒆    𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕   𝒄𝒐𝒎𝒎𝒆𝒏𝒕  𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆
Nama Firii buusu nu Haa taasisu Waaqayyo🙏🙏🙏

Join gochuun nu hordofaa
👇👇👇👇
@Saayikoloojii
#Nama Si Miidhee #Deeme...


#Nama Si miidhee deemeef hin boo'in, Akkas jedhiin malee Nama Si Caalu akkan Barbaaddadhuuf Waan Carraa naa kenniteef Galatoomi jedhiin💞💞🙏

👇👇👇👇👇 #Join godhaa
@Saayikoloojii