#Icciitii milkaa'inaa kana dubbisii #share godhi


#Namni tokko qalbii gammadaa ta'een yoo hojjete waan tokkotti milkaa'a.

# Namni kun jabaatanii hojjechuu fi aarsaa guddaa kaffaluu isa jedhu qofatti hin amanu.

#Inni milkaa'ina keenyaaf furtuun addaa akka jirutti amana.

#Ani namoota qoosaa yeroo gaarii dabarsaa hojiisaanii hojjetanii milkaa'an heddun beeka.
#Namni addunyaa kanarra jiru hundumtuu gammachuu barbaada.

# Karaan ittiin gammachuu kana argatan tokkos jira. #Innis yaada kee to'achuudha. #Gammachuun kee waantotaa fi haalota naannoo kee jiraniin murtaa'a osoo hin taane, yaada sammuu kee keessa jiruun murtaa'a.

#Gammachuu kan siif kennu eenyummaa kee, qabeenya kee, bakka jiraattu, sadarkaa barnoota kee, ykn hojii kee osoo hin taane, #gammachuu kan siif kennu yaada keessa keetiiti.

https://t.me/joinchat/VN_ccHy2Fj50kaT_
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Isa Kam siif #Wayyaree?

#Inni jalqabaa ba’aa hojii cimaadha.  #Inni lammaffaan ba’aa gaabbiiti.  Hojiin cimaan tarii Kiiloogiraama 1 ulfaata;  Garuu gaabbiin  kiiloogiraama  100 ol baatanii akka deemuuti.  Isa kamtu akka siif wayyu #filadhu!

#Hundi keenya waan amma qabnu caalaa waan #gaarii barbaanna.  Yeroon guyyaa hojii malee dabarsitu, "Guyyaan sun osoo homaa hin godhin ija koo irra kaa'ee darbee?"  Yeroo of komattu yaadi.  Fakkeenyaaf Bara Darbuuf jiru 2014 kana maal karoorsite? maal hojjette? maal milkeessite? Maal immoo osoo hin milkeessin hafte? Hundaafuu kan darbe darbeera isa darbe irraanfadhu, isa dhufutti xiyyeeffannaa kenni! Kana ta'uu baannaan barri inni itti seenu kunis waggaa har'aa moofa'eetuma 2016 dabarsa waan ta'eef jechuu kooti. Kanaaf waca amma namni garanaa garasii gurra sitti duuchu dhaggeeffachuu dhiisii ofdhaggeeffadhu!Ofta'i yoo oftaate ofiif taatee nama biraafis taata waan ta'eef!🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Ayaana Gaarii siif haa ta'u !!!

@Bedadina
@Saayikoloojii