#Waantota kana sadaniin of hin dhiphisinaa

#1ffaa. #Seenaa keessan isa darbe yaaduun of hin dhiphisinaa. Sababni isaas kan darbe darbeera deebi'ee hin dhufu.#fkn kisaaraa, gargaarsa dhabuu, rakkachuu, hidhamuu, hojiirraa gaggeeffamuu, gadda ulfaataa...isin mudatee darbe.
#2ffaa. #Waa'ee gara fuulduraa yaaduun hin dhiphatinaa. Sababni isaan fuulduratti maaltu akka nu mudatu, eebba, rakkina gadda gammaachuu ta'uun isaa icciitiidha.
#3ffaa. #Ofii keenya namoota biraa wajjin dorgomsiisuu dhiisaa. Sababni isaas akkaataan ati itti uumamte nama kamirraayyuu adda, kaayyoon ati uumamteefis kan nama kamiirraayyuu adda. #Ati nama addaati. Hundi keenyayyuu dandeettii fi kennaa addaa addaa qabna.

# Addunyaa kanarra Namni guutuunis namni duwwaanis hin jiru. Of ta'ii jiraadhu!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii