#Daandii #Milkaa'inaarra #Deemi!

#Daandii milkaa'inaa jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaa jechuun daandii gara galmakeetti si geessu jechuudha. Qajeeles jal'ates daandiin gara bakka yaadde sanaatti si geessu daandii milkaa'inaati. Kanaaf bakka yaadde ga'uuf daandii milkaa'inaarra deemi. Daandii milkaa inaa kanasgalmakeeirratti hundooftee filatta. Daandiin waan jajal'ateef hin dhiistu, waan qajeelaa ta'eefis irra hin deddeebitu. Daandii irra deemtu kan murteessu qajeeluma yookaan jal'ina daandii osoo hin taane galmakee yookaan bakka deemuu feetudha. Namni Wallagga deemuu barbaadu tokko daandiin Adaamaa qajeelaa waan ta'eef hin filatu. Daandiima wallaggaa jajal'aarra deema hanga Wallagga ga'utti. Atis galmakee bira ga'uudhaaf daandii milkaa'inaarra deemi! Daandii milkaa'inaarra deemuu jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaarra akkamiin deemuu qabda? Bakka yaadde sana, galmakee bira ga'uudhaaf qajeelfamootni armaan gadii haala kamiin daandii milkaa'inaarra deemtee galmakee bira akka geessuwaan si qajeelchaniif sirriitti qalbifadhu!

1. #Tarkaanfii kee Idileessi.
2. #Waantota Barbaachisoo ta'an dursa argachuu qabaniif dursa kenni!
3. #Ofitti Amanamummaa Qabaadhu!
4. #Galma keef Itti gafatamummaa fudhadhu!
5. #Dammaqaa/xuu Ta'i!
6. #Waantotaaf Daangaa Kenni. Lakki jechuus hin sodaatin
7. #Namoota si deeggaruu danda'an waliin hariiroo uummadhu!
8. #Yeroo yerootti of haaromsaa deemi!
9. #Dandeettii Rakkoo furachuu gabbifachaa Deemi!
10. #Waan Eegalte Kutannoon Xumuri!
11. #Gufuulee Daandii Milkaa'inaaf Harka Hin Kennin!

#Join and #Share
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@bedadina

#And for job #Vacancy
#Join and share
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/OdeeffannooBeeksisaaHojii
#Waantota kana sadaniin of hin dhiphisinaa

#1ffaa. #Seenaa keessan isa darbe yaaduun of hin dhiphisinaa. Sababni isaas kan darbe darbeera deebi'ee hin dhufu.#fkn kisaaraa, gargaarsa dhabuu, rakkachuu, hidhamuu, hojiirraa gaggeeffamuu, gadda ulfaataa...isin mudatee darbe.
#2ffaa. #Waa'ee gara fuulduraa yaaduun hin dhiphatinaa. Sababni isaan fuulduratti maaltu akka nu mudatu, eebba, rakkina gadda gammaachuu ta'uun isaa icciitiidha.
#3ffaa. #Ofii keenya namoota biraa wajjin dorgomsiisuu dhiisaa. Sababni isaas akkaataan ati itti uumamte nama kamirraayyuu adda, kaayyoon ati uumamteefis kan nama kamiirraayyuu adda. #Ati nama addaati. Hundi keenyayyuu dandeettii fi kennaa addaa addaa qabna.

# Addunyaa kanarra Namni guutuunis namni duwwaanis hin jiru. Of ta'ii jiraadhu!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii