DHANGAA AARTII OROMOO
585 subscribers
61 photos
1 video
1 file
20 links
Chainaliin kun artii oromoo guddisuuf kan banamedha. kannen akka walaloo, bacoo, mammaaksa, seenaa gotoota fi beekkumsa walii galaa ofitti hammata.

Yaada yoo qabaattan @chakuuuuu qunnamuu danddessuuu.
Download Telegram
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Ani Gaabbeera
💚💚💚💚💚💚💚💚💚
Utuu muree dhaabee
Akka ciisee latuu
Na darbeera jedhee
Garaa koo nan nyaatu

Garaa kootu na gaddee
Boquutu gad na ccabee
Wanta na harkaa bades
Utuun barbaadee qabee

Silaa iji na boo'ee
Garaan koo naan hin gadduu
Keessi koos na madaa'ee
Firii gaddaas hin baadhu

Garuu didee na keessa iyya
Waceetu mankaraaraa
Imimmaan kee gaafasiitu
Ija koo dura jira

Ni hasaasa hin gumguma
Na tuqee na qimmida
Si dhiiseen deema jennan
Didee keessa koo hidda

Jaallatanii hin quufanii
Yoo soba tahe malee
Dur jaalala dhugaati
Kan teenyee walii galle

Ammas sin dharra'aa
Siin taa'een beela'aa
Hawwiin garaa kootii
Sumaan galma gaha

Ani gaabbeen of dhaana
Si yaadeen rarra'aa
Mee dafiitii naaf koottu
Haajaan lubbuu kootii
Si'iin galma gahaa


@GumaatAartii
@sabakoofabdii
#Fayyaa

Dhibeen Kalee akkamiin namatti dhufu danda'a?

Waantoonni armaan gadii kun #KALEE namaa balaaf kan saaxilaan ta'uu ogeessoonni ni himu.

1. Fincaan finca’uu dhiisuun hagaa nama muddutti qabatani turu.

2. Bishaan sirritti dhuguu dhiisuu.

3. Nyaata soogiddii itti baay’ate nyaachuu.

4. Infeekishinoota dafanii haala gaariin yaalamu dhabu.

5. Foon baay’isani nyaachuu.

6. Nyaata gahaa nyaachuu dhabuu.

7. Qoriicha dhukkuba namatti fursisuu(antiipeen) baay’isanii fayyadamu. Waan akka parastamol faa jechudha.

8. Yeroo dheeradhaaf osoo wal irraa hin kutiin Insuluunii fayyadamu(fudhachuu)

9. Alkoolii baay’isanii fayyadamuu fi

10. Boqonnaa gahaa dhabuun dhibee Kaleef akka nama saaxiluu danda'u ogeeyyin fayyaa ni ibsu.

Waantota kanneen irraa of eegaa!

(OBS)
@GadaaMagazine
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Sagalee Harmee
💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚
Siif kuusee siif calallaan
Kan keetu ititee jiraa
Utuun ija koo weersee
Haalalatti si eeguu
Maaf darbita na bira

Hameessa gu'aa elmeen
Coroorsaadhan si eega
Hamma fedhe rakkadhus
Siif garuu hin tahu deegaa

Qabeenyi koo jaalalaa
Sitti garaa hin jabaadhu
Turtus Kan kee dabarsee
Nama Ormaaf hin laadhu

Ilaammee yaa dhalee koo
Dhalee koo hidda Onnee
Haati garaa hin kutattu
Anis garaa hin kuttannee

Jabaattee jajjabaattee
Figdee biyyaa yoo baate
Handhuura kee hin dagatiin
Gadameessa si baatte

Garaan haadhaa dhala
Garaan dhalaa lagaa
Akkuma jedhanii
Hin ta'in kaa dhalee
Haadha ofii hin gatanii

Imimmaan koos irbaata
Of irra yaasee dhugaa
Si yaadetan Kichuu koo
Guyyaa walakkaan muga

Manaa bahuun ni jiraa
Deebitee maaf hin galtu
Harmee kee dhukkubsattu
ariifattee maa hin yaaltu

Sin qabaafan of jaja
Hundumaan koo naaf jiraa
Har'a jiruun hammaatus
Booru mucaan koo jira

Jedheen si'iin of jaja
Akka garaa naaf ta'i
Fagaatus adaraa kee
Gaafa rakkoo na gahi

Jetti harmeen


@GumaatAartii
@sabakoofabdii
Aadaa Fuudhaa fi Heeruma Naannoo wallaggaa.

Yeroo bàay’ee Aadaan fuudhaaf heerumaa akkaataa naannootiin Hamma murtaa’e Garaagarummaa qaba. innis fkn Aseennaa.. Aseennaan Akka naannoo ani dhaladhee guddadheetti Gurbaa fi intalti utuu maatiin ishee fi kan isaa quba hin qabaatin karaa bakkee wal sossobatanii wal fuudhu .> kun Aseennaa jedhama Garuu Akka iddoo biraattimmoo …. “Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha” jedhama. mee kamiifuu hunda dura Naqatatu dursa waan ta’eef Naqatni Naannoo e beekutti akkamitti akka adeemsifamu waliin haa ilaallu ! Sirni Gaa’ila Naannoo wallaggaa kana fakkaata.. 1) NAQATA:- Umriin Gurbaa(Mucaa) waggaa 17 fi isaa ol yeroo ta’u ykn mana Dargaggummaa guutee (Waa’een “jaalalaa”itti dhagaamu) haatiniif Abbaan mucaa kana fuularraa ni beeku. isa booda inni na fuusisaa jechuun waan itti ulfaatuuf ykn saalfatuuf maaliin isaa(haadhaaf abbaan) mucaa kanaan si fuusifnaa durba ilaalladhu jedhanii dirqisiisu. mucaanis yeroo kana Tole jedhee durba filachuu eegala bakka shamarran qoraan funaananiif bishaan waraaban irra deemee. Yeroo kana Goofaree isaa filatee ulee ykn Eeboo isaa qabatee shittoo isaa dibatee of mimmiidhegsuun bakka #Qabdoo( Dhungoo) Ammas bakka sirbaa. Bakka Qabdoo sanatti Durba tokko wajjin quunnamtii saalaa geggeessuun bàay’ee safuudha waan ta’eef karameellaa (mi’eessituu afaanii) Afaan wal-kaa’uun dhongoo isaanii geggeessu. isa booda intalti kuniif mucaan wal jaallatanii Akka wal fuudhan wal gaafatanii Mucaan Guyyaa biraa hiriyaa isaa kan warra intalaatti siquuf kan isatti siqu fudhatee mana warra intalaa dhaqee intala ilaallata. Yeroo ilaallata dhaqu kanattis beekaa ulee isaa lafa buusee akka intalti irra tarkaanfattuuf akka isheen lafaa fuutee hirkistu ilaala. yoo isheen kan irra tarkaanfattee kan dabartu taate intalti kun naamusa hin qabdu waan taateef waa hin dubbatu kan biraa akkasuma deemee filata. yoo isheen fuutee keesse garuu intala kana akka isheen isaaf taatu yerooma sana mirkaneeffatee galee maatii isaatiin ilaalladheeraa intala Abaluu naaf naqaa! jedhee maatii isaatti himata. maatiin isaas siif taateettii? jedhanii gaafatu . innis sasaalfataa Eyyen! jedha . kana booda Abbaa mucàatiif Jaarsoliin Ollaa mana wara intalaaa utuu hin deemin xalayaa barreessanii postaadhaan Abbaa intalaatti ergu. Abbaan intalaas utuu Tole hin jedhin dura waa’ee mucaa sanaa qorata akkana jedhee.. ilmi obbo abaluu kun nama akkami? warraan walii gala moo didaadha? Egaa ijoolleen waan beektee wal hin qoranneef jarreen lammaan wal qorachuu qabu! ykn fira dhiigaa ta’uu waan danda’aniif Akaakayuu 5 fi isaa ol wal gaafatu. Yoo firummaa wal keessaa qabaatan dafanii akka hambisaniif. kana booda deebii argachuuf ammas nama ergu gara mana warra intalaatti. warri intalaas yoo ta’eeraaf ta’e intala immoo hiryaa ishee gaafachiisu isheenis naaf ta’a jetti. isa booda guyyaa naqataa walitti himu. Egaa naqata yeroo jennu Naqata jechuun waan isaanirraa eegamu intala kanatti naquu jechuudha… Innis:- Bitayoo harkaa,, Albuu miillaa,, waan gurraa,, uffata ishee fi k.k.f bitanii guyyaa beellamaa sanatii dhiyaatu. Guyyaama sana Gaa’illi kun yoom akka geggeeffamu walii galu. hanga gaa’illi kun geggeeffamutti garuu intala kana uffata ishee kan itti bitu warra mucaati. Yeroo guyyaan beellamaa dhiyaatu( ji’a 5 fi isaa as ) ta’u maatiin lammeen qophii dhangaa gochuu jalqabu. Gaagura fannifatanii, yoo sangaa coomfatanii, yoo xaafii hin qonne ta’e bitatanii… isa booda guyyaan beellamaa ji’a2tti yemmuu galu waraqaa barreessanii firaa fi fira firaa hudarra hiruudhaan waamicha eegalu . Jarri waamaman kunis waan isaanirraa eegamuun qophii eegalu. innis:- keessumaa gareen warra intalaa .. Guyyaa waamichaa sana gumaacha adda addaa qabatanii dhiyaatu Dubartoonni waan akka qorii garbuu, mi’a mana keessaa kan akka mi’a nyaanni itti nyaatamuu fi k.k.f shamarran .. dibata fuulaa(qibaatii) isa jedhan shaashii, callee mormaa fi k.k.f bitanii guyyaa sana sirna
kanarratti hirmaatu. Gurbaanis akkasuma Amaamota waammatee, waa’ila qopheeffatee Raada Gabbaraa bitatee Guyyaan gaafa ga’u haala ho’aadhaan gara mana warra intalaa dhaqa. asirratti waan darbamuu hin qabne Raada Gabbaraa jechuun Akka Aadaa oromootti jijjiirraa intalaa jedhama. Raada jechuun goromsa saawwaa kan waggaa 1f isaa ol taayeedha. Guyyaa sana kana hin geessan taanaan warri intalaa intala isaanii itti hin kennan. Akka kanaan guyyaa sana haala ho’aadhaan mucaan Amaamota isaa fudhatee gara mana warra intalaatti imamal. Yeroo sanatii mana warra intalaa biratti haala ho’aadhaan eegamu. innis shamarran mararoo sirbuudhaan marii koo yaa maroolewoo hiriyee koo gargar baaneewoo? jechuudhaan ija keessa wal ilaalanii imimmaan fuularra of yaasaa weeddisu. mucaanis Amaamota isaa fudhatee dhufee hamma isaan waamanitti Odaa ykn qilxuu, mukuma gaaddisa qabu jala taa’ee eeggatee yeroo isaan waamanitti nama shanii fi isaa ol fudhatee ol seena. jarreen isa wajjin seenan kunis 1 Jaala(miinzee)isa jedhan 2 waa’ila 3 nama hayyuu ykn beekaa ta’e Lamaa–3 4 kan Teephii baatee kaaseta itti jijijjiiraa uummata bashannansiisu Akka kanaan mana seenanii Eebba fudhatu. Hamma inni mana keessa taa’uttimmoo shamarran ala jiran soddaa aarsuuf Arrabsoo adda addaatiin weeddisu.. “urgufaa garbuu ya geeshee birraa soddeen budaadha dhageenyee jirra, baalli atariin addaata yaa sodde eessaan gadi baata? hardhawoo surreetti albaataa :D” jechuudhaan soddaa arrabsu. kana booda yeroo gadi ba’u innis karameellaa bitee boorsaatti naqatee jira isa ammaaree fuula isaaniirratti facaasee Farda isaa yaabbata. isa booda amaamonni isaa meeshaa intalaa sana harka-harkatti qabachuun weedduu jalqabu gaafa karaatti ba’an.. akkana jedhu hoooo asham jennee ilil jennee galleerra gurbaa lolli hin ooltee? jechuudhaan warraaqaa gara mana gurbaatti galu yeroo manatti dhiyaatan akkana jedhanii weeddisu ishoo obboo koo ililleef gammachuun mirgaan gale obboon koo jechuudhaan gammadanii weeddisaa galu. Aseennaa(sokkaa) Sirni kun sirna gaa’ilaa keessaa isa tokko. Aseennaa( sokkaa) jechuun utuu maatiin ishee fi kan isaa utuu hin beekin ijoolleen kun karaa bakee wal amansiisanii wal fudhatanii badu . Ergasii booda mucaan intala fuudhu kun mana fira Aantii isaa kaawwatee maatii isaatiif maatii isheetti akka himamu godhama. isa booda Amaamota waammatee achuma mana fira isaatii gara mana maatii isaatti fudhatee gala. BUTII. Butii jechuun intalti otuu isheen hin beekin mucaan hiriyoottan isaa fudhatee karaa lagaa ykn bakka isheen qoraan cabsituu dirqamaan fudhatee gala jedhama. DHAALA. Dhaala jechuun Akkanatti dhaalama=- --- Karaa dhiiraatiin "Namni tokko yoo du'e/boqote Obboleessa isaa isa xiqqaatu Haadha manaa isaa fuudha. Sababni kun ta'us .. 1 Yoo namni sun ijoollee qabaate ijoollee isaa fudhattee nama biraatti heerumuurra obboleessa Abbaa manaa isheetti heerumuu isheef wayya. ammas namni ormaa ijoollee sana akka dhiiga/fira dhiiga isaatti waan hin ilaalleef . kanaafuu utuu inni hin jaallanne maatiin dirqamaan akka inni ishee fuudhu godhu. Karaa Dubartii.. Yoo obboleettiin ishee hangafaa Boqotte/duute Abbaa manaa obboleettii ishee kan ture sanatti heerumuun akka dirqamaatti fudhatama. Sababa obboleettiin ishee sun yoo ijoollee qabaatte haati ormaa ijoollee sana waan cunqusituuf , firummaan jara sanaa akka duraaniitti akka hafuuf fi kkf dha.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
#SOCRATES

Warroota sitti siqee Dogoggora kee siif himu sani, malee warroonni jecha fi gochoota kee hunda usaniituma faarsan fira sitti hin fakkaatin.

Tokko tokko jiraachuf yeroo nyaatan, tokko tokko ammoo nyaachuf jiraatu.

Karaan qaxxaamuraan kabajatti si geessu, waan hawwitu san ta'uuf tattaafachuudha.

Yeroo argatte humnaa ol hin utaalin, yeroo dhabdes hedduu hemilee hin cabin.
Dachii tanarratti wanti hundi ni dabra.

Yeroo ofiif yaaduu egaltetti barbaaddee of argatta.

Kan waan qabuun hin gammanne, waan hawwuuf san yoo argates hin gammadu.

An Wallaallummaa kiyya beekhudhan beekhadha!.

Nama gaarii oso lubbuun jirus ta'e eega du'e boodas wanti isa miidhu hin jiru.

@ilmanesruu

@oroquotes
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Forwarded from Miiltoo Electronics (Soressaa Chali)
~ Jecha beektotaa~

"Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu."
Shiiv keeraa

👉"Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay'ata."
Shiiv keeraa.

"Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu."
M. Gaandii
"
"Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha."
N. Maandellaa.
"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari'u; jaalalatu jibba ari'a."
Maartiin Luuter Kiingi.

"Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin."
Maartiin Luuter Kiingi.

"Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu."
Maartiin Luuter Kiingi.
"Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama."
Riichaard Niiksoon.

"Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha."
Albeert Inestaayin.
👉"Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu."
Albeert Inestaayin.

👉"Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e."
Iyezak niiwtan.

👉"Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha."
Biil Geet.

👉"Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha."
Biil koosbiil

👉"Kun hundumtuu ta'ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada."
Haannaa Firaank.
👉 "Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."
Joon F Keenedii.
👉 "Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha."
Heelen kiiler.
"Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati."
Naappooliyoon Hiil.

"Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana."
Toomaas jeefersen.

"Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha."
Miratuu shaanqoo.
👇👇👇👇👇👇👇👇
@beekuuf
@beekuuf share and join
Kiyya jedhee sin abdanne
deemte jedhees sin dagannee,
yaada keetiin hunkutaayee
kiyya jiruun hibboo tahe

Naaf jiraadhu ammayyuu
tokkittii koo yaa tiruu
haalaaf yeroo ilaalee
eenyuudhaan sin jijjiiruu

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Mee wal haa tajjabnuu

Mee xiqquma ishee
Wal haa tajjabnuu
Irra goraaf dogongorraa
Wal haa deebiffannuu
Walaalaa keenyaasi
Suuta haa gorsinuu
Beekaa harkaa qabnuus
Tole jennee haa dhaggeeffannuu

Tajjabuun bareedaa
Kan jaallattu yaajjabdaa
Akka of sirreessuuf
Quba itti qabdaa
Jijjirama isaa malee
Ati maal barbaaddaa
Isa nama gochuuf
Halkan guyyaa yaaddaa
Abdii osoo hin kutiin
Gorsa isaaf dadhabdaa

Tajjabuun gariidhaa
Isa dabe meelchaa
Komachuun dhugaadha
Karaatti qajeelchaa
Tajjabbii inni sirriin
Isa bade tolchaa

Isa beekaa diduu
Beekaa of fakkeessee
Isa of guddisuu
Kan biraa xiqqeessee
Isa of bareechuu
Kan biroo xiqqeessee

Tokko tokkos jiruu
Warri of dagatanii
Waan safuu maxxansan
Miidiyaan bahanii
Mataa nu nannanneessuu
Safuu dagatanii
Of gowwomsaa ooluu
Qarooma se'anii

Maaloo dhiisaa natti haa hafuu
Inumaa baay'ee nama aarsuu
😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
#Atinaafi, Bahir Dar

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
🇯‌🇮‌🇭‌🇦‌🇩‌ 🇮‌🇧‌🇳‌ 🇺‌🇲‌🇲‌🇮‌:
Seerri siinqee ulee qal'oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal'aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne waan ta'eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Siinqeen Idaayyiif Kennamuu

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta'uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta'eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa'elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka'u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga'ee dhaabbata. Haati idaayyittii "hoo baarree, hoo barsee" jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. "Hoo barsee" jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe'ee ga'u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee "siinqee baarree oofkalaa" jedhu. Kunis fuudha kana nagaadhaan keessa fulla'aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce'an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa'an/bayima ba'an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni bayima ba'anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta'e nama hedduus ta'an, maanguddoonillee, fardarraa bu'anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii "Ilteeninnaa" jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii "obbayaa" jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba'an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari'anii qabanii adabu.

Aangoo Haadha Siinqee

Dhaanicha Abbaa Warraarraa Baraaruu

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul'atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga'ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta'e sagalee ililfannaa, "ililii,ililii,ililii…" jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa'ima hoosisaa jirtus, kan sa'a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe'een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa'imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa'anii dubbisu. Kana malees,
gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, "ilteeninnaa" jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis "hobbayaa" jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga'uuf taa'e, "Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha." Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, "ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan" jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa'iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta'uu danda'a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonni sangaa qalame yaa'iidhaaf laatanii, weedduu isaanitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhugaa argatte sana manaan ga'anii, mana mana ofitti galu.

Birmannaan akkanaa, dubartii qanafaa addarraa qabdu/ kan deessee ji'a jahaa hin guunneef/ malee, dubartii abbaan warraa dhaane hundaafii miti kan jedhan jiru. Akka manguddoo irraa dhageenyeetti , erga sirni Gadaa laaffatee booda birmannaan akkanaa, deessuu dhaanamteef qofa ta'e malee, dur dubartii hundaaf birmatu. Kan deessuu dhaane adaba isaatu guddaa dha.

Lola dhaabuu

Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu'iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka'ee, namni wal miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu'e, ililfattee, dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana darbaa walii dabarsanii, siinqee qabatanii battalatti walga'u.

Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu. Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Bakka lolaa sana yoo ga'an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu. Waraana hamaa attamii illee yoo ta'e, seera kana bira hin darbu. Battalatti dhaabbata. Siinqeen meeshaa araaraa ti.

Daa'ima guddifachuu

Warri ilmoo hin arganne, warri ilma hin qabne, fira irraa yookaan nama michuu ta'uuf irraa ilmoo guddifata. Dubartiin dhala hin qabne, seera guddifachaan ilmoo guddifachuu barbaadde, siinqee qabattee, aannan ciicoodhaan fuutee warra irraa guddifattu sana dhaqxi.

Warri ilmoo irraa guddifachuuf filatan warra ijoollee baayee hore. Warri akkanaa, dubartii siinqeedhaan dhaqxee ilmoo isaan irraa guddifachuuf gaafatteef, ilmoo isaanii kennuuf dirqamu. Dubartiin siinqeedhaan deemtu hin qoltu/hin dhabdu.


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@seenagotootaoromonunlo
@seenagotootaoromonunlo
Akkamittiin kolfa?

Ilaamee yaa jamaa
Oromoon hundumtuu
Waaggarii qajeelaa
Oliiqaaf calqituu
Maammad abbaa fuggii
Qana'aaf mardaasaa
Qoyyaas abbaa kakuu
Jamaal abbaa fiixaa
Dunqujeef dirbaasaa

Ijoolleen abbichuu
Ijoolleen tuulamaa
Warri iluu abbaa booraa
Warri aggaaroof jimmaa
Ijoolleen maccaafii
Ijoolleen baabbilee
Ijoolleen booranaa
Ijoollonni jiillee

Ijoolleen ituudhaa
Hundi oromoollee
Hunduma keessanuu
Mee waa isin gaafadhuu?
naa deebisuu didduu?

Gorsanii deebisuu
Hin barsiisu jennaan
Wallaalaa oromoo
Kan barri raatesse
Yookaan isa doofaa
Itti uwwisu jennaan
Lammiin gonnaafatee
Aguuggatee moofaa
Oromoon inni tokko
Oromoo akkasaatti
Akkamittiin kolfaa🤔🤔?
@dera_zreal

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Hiriyummaa
Namni waa sadiif nama hiriyoomfata.
1. Gammachuuf namoota hiriyoomfachuu (for pleasure)
2. Fayiidaadhaaf (for convenience)
3. Hiriyyummaa dhugaa

1. Gammachuudhaaf
Hiriyummaan akkanaa gammachuun hin jiru taanaan hin jiru. Waliin taphachuuf waliin nyaatanii dhuguu qofa irratti hundaa'a.
2. Fayiidaadhaaf
Namootni fayiidaadhaaf walitti hiriyoomaan yeroo dheeraa waliin jiraachuu hin danda'ani.
Hiriyummaan kun bakka sadiitti qoodamu.
a). Naannoo tokko waan jiraataniif hiriyoomu(proximity). Namootni akkanaa
Ollaa waan ta'aniif, waliin buna waan dhuganiif, waliin waan barataniif fknf yuuniversiitii, koollejjiifi dhaabbata tokko keessaa waan waliin hojjetaaniif waliin deemu.
Hiriyoonni akkasii wayita isaan keessaa nama tokko rakkoon mudatu garuu bakka biraa yookiin nama biraa bira deemu.
Karaa biraa bakka garaagaraa jiru taanaan wal irraanfatu jechuudha.
b). Barbaachisummaa (usefulness)
Kana jechuun namni tokko maallaqa waan qabuuf, sadarkaa olaana irra waan jiruuf, dooktera ykn abbaa seeraa waan ta'eef, kaayyoo tokkoof waan hojjetaniif,
nama cimaa waan ta'eef/ taateef walitti hiriyoomu.
Wayita barbaachisummaan nama kanaa dhabamu hiriyummaanis ni hafa.
Hamma dandeessutti fi hamma qabdutti qofaa, yookiin hanga sitti gargaaramu qofaaf si jaalata (hiriyooma) jechuudha.
c). Diina waliinii waan qabaniif (comman enemy)
"Diinni diina keetii firakeeti" jedhu beekamadha.
Hiriyummaa akkanaa keessatti diinni waliinii dhabamnaan, hiriyummaanis ni dhabama. Yookiin waliin diina waliinii isaanii erga injifatanii boodaa walitti deebi'anii daaraa wal gochuuniis ni jira.

3. Hiriyummaa dhugaa
~Hiriyummaan dhugaa- wal kabajuufi waliif yaaduu irraa ijaarama.
~Hiriyoonni dhugaa- garaa isaanii irraa wal jaalatu.
~Garaa isaanii irraa waliif yaaduu.
~Waadaa waliif seenaan ni kabaju.
~Yeroo rakkinaatti gonkumaa wal hin gatan.
~Faayiidaadhaaf jedhanii dabarsanii wali hin kennan.
~Aarsaa jaalala waliif kanfalu.
~Hundeen isaanii amanamummaafi jaalala irratti hundaa'a.
~Hiriyummaan akkanaa bara baraan jiraata.
~Hiriyaan dhugaa- si gargaaruuf malee faayidaa sirraa hin barbaadu.
~Fakkeessuuf utuu hin taanee waan waliif godhan hundumaa hiriyummaadhaaf godhu.
~Hiriyummaan battalumatti osoo hin taanee adeemsa keessatti ijaaramaa, gabbachaa deema.
Ofittummaa, addagummaafi oftuulummaan summii hiriyummaa mancaasanidha.
~Dadhabina walii walii danda'uufi wal hubachuun bu'uura hiriyummaa dhugaati.

Dhaamsa: Yoo wal jaalattan jaalalaaf qofa wal jaaladhaa. Onneen namaa fayyummaan isaa kan beekkamu yoo callisee sababa tokko malee qaamoota biraaf dhiiga geejibedha. Atis jallachuufis ta'e gargaaruuf sababa hin barbaadiin. Gaarii gochuuf uumamuumti kee iyyuu sababa of danda'edha.

#Onnee dhugaatti nama jaallatu siif haa kennu.

©Tolasaa Burqaa Qumbii, 2020

#Join👇👇👇
@sammuukoof
@Galaakoo
@Orobook
@sabakoofabdii
careers@54fmcg.com
Amaloota Barattoonni Fireeshii Yuunivarsiitii keessatti argisiisan 10n

1◉➛ Akkuma Yuunivarsiitii galaniin waan sadi arguuf jarjaru:-Bagtaraa,kaaffee fi Mana kitaabaa(library )

2◉➛Namni Suufii Uffatee deemuufi borsaa qabatee deemu hundi #Barsiisaa itti fakkaata

3◉➛Barsiisaan yeroo Daree seenuu Teessoo irraa ol ka'uu (Garuu itti hin fufani)

4◉➛Muudiif, nama waliin wal fakkaachuuf jechuun Caatii,Sigaaraa fi dhugaatii jalqabu

5◉➛Shaanxaa Gurguddaa Baayyinaan qabatu(Waan lammata manatti deebi'an hin Fakkaatan )

6◉➛Torban tokkoof qulqullinni doormii Isaanii Ajaayib! Nama jechisiisa. torbee tokko booda garuu Kuusaa Balfii itti gatamu fakkaata

7◉➛Qormaanni baheera yoo jedhame barbaadaa bulu

8◉➛Namni akka fireeshii isaaniin hin jenneef:-dubartoota lalakkafu

9◉➛Maallaqa qaban dafanii fixuun maatiidhaan "maallaqa naaf ergaa ta'uu baannaan barumsa kana dhiiseen dhufa" jedhu.

10◉➛Course out irratti sirritti dubibsuu.

#Nan_Sobeeree????
👇👇👇👇👇👇👇
@yeroopost
@beekuuf
@beekuuf
@yeroopost
#Like_and_Share godhaa hiriiyoota keessanniif
GABRUMMAA SAMMUU.

👉Namni sammuun gabroome of waliin wal loleetu,ormaa jaarsummaa lakkaawwata.

👉Sammuun gabroome mataa ofiin hojiin alaa godhee, kan nama biraan ergifatee yaaduu barbaada.

👉Sammuun gabroome, harkaa hojiirraa harkaa kadhaaf beekamtii kenns.

👉 Sammuun gabroome nadhii dammaa gateetu, gagaa nyaachuuf olkawaata.

👉Sammuun gabroome, iddoo kennannif ta'a waan kennaniif nyaata,waan itti fe'an baata.

👉 Sammuun gabroome,nama ta’uu isaa namni biraa akka mirkanneessuuf ifaajaa.

👉 Sammuun gabroome, bara irratti hojjechuuf caalaa, barruu isaa ragduun akka jetteen bulaa.

👉Sammuun gabroome, haaraa ofiif bitate irraa, Moofaa ormaa yoo miccatee uffate itti tola.

👉Sammuun gabroome , gabrummaa isaa bilisummaa se'a.

👉 Sammuun gabroome, akkaa ofiitti yaadu irraa akka nama birattii yaadun qarooma jedhee amana.

👉Sammuun gabroome, warra isaaf falmaan irra warra isattibfalmaan jaallata.

👉👇👇👇👇👇
👉@beekuuf👈
👉@beekuuf👈
👉@beekuuf👈
👉👆☝️☝️☝️☝️share and join
Forwarded from Deleted Account
➼ wa'ee mooraa unversity kami barruu barbaadu field isaa haala nageenyaa isaa f kkf