Tsegaye R Ararssa
16.4K subscribers
1.66K photos
247 videos
162 files
2.48K links
TA
Download Telegram
Oromoon addunyaa irra jiru hundi waliigalee lola waraanaa motummaa nafxanyaa #AbiyAhmedin gaggeeffamu fi diinoota Oromoo biyya alaa fi keessaa wal qindeessanii nurratti duulaa jiran kana hiriira nagaa wal-irraa hincinneen balaaleffachuu qaba.

Koreewwan kana qindeessan magaaloota hundaa keessatti hatattamaan ijaarramuu qaban.

Hojiin diplomaasii hawaasaa (public diplomacy) karaa caasaa hawaasoota Oromoo biyya hunda jiranin fi karaa gurmuuwwan advocacy/diplomacy Oromootin dalagamuu qaban hundi amma kaka'umsa fi cimina addaatin dalagamuu qabu.

PPn aarii uummanni keessa jiruun fayyadamtee of jalatti hiriirsuf jettee hiriira nagaa deeggarsaa qopheeffachaa jirti. Kanas Oromoon harkatti fashaleessu qaba.

PPn lola waraanaa Oromoo irratti labsamee jiru (nafxanyootan deeggaramtee fi isaan irratti maxxantee) adda durummaa dhaan kan gaggeessaa jirtu akka taate Oromoon hundi hubachuu qaba.

Nafxanyaan diina Oromoo (fi saboota cunqurfamoo biroo) ta'uusaa yoo hubanne, motummaan PP kunis motummaa nafxanyaa waan ta'eef diinumma isaa hubatanii, motummaa kana deeggaruurraa of qusachuu qabna.

#Enough_is_enough!