#Ati #Bineensotarraa #Addadha!


#Dhalli namaa Sammuu yaadu waan qabuuf qofa bineensota biroorraa adda hin ta'u.

#Dandeettiifi akkaataan yaaduu isaanii kan namootaa waliin wal caalus, Bineensonnis waan nyaataniifi dhuganiif inuma yaadu. Waanti dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu maaliree? Waanti guddaan dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu #Fedhii Milkaa'inaati. Fedhii #milkaa'inaa jechuun fedhii mul'ata jireenya egeree milkeessuu qabaachuu jechuudha. Bineensonni fedhii milkaa'inaa hin qaban. Jaldeessi tokko galma jireenyasaa kan borii hin qabu. Har'uma waan argate nyaatee jiraata malee bor sadarkaa guddaa tokkorran ga'a jedhee hin karoorfatu. Bineensotni biroonis akkanuma. Garaagarummaa guddaan Dhala Namaafi Bineensota gidduu jiru isa kanaadha.

https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
#Carraa Gaarii!!


Harka Fuune akkam Jirtu?
#Ani Har'a badhaasa telegiraamii haaraa qabadheen dhufe.

Badhaasni kun yeroo hunda isin gammachiisuuf, jaalatamtoota koo, akkasumas miseensota maatii Telegram Channel baay'isuudha.

#Warra carraa qabaniif badhaasa maallaqaa 4tu jira.
Badhaasa Birrii 100 nama carraa 1ffaa argateef
Badhaasa Birrii 50 Carraa 2ffaa
Badhaasa Birrii 25 Carraa 3ffaa
Kan carraa qabu 4ffaaf badhaasa Birrii 10 warra carraa qaban 4 qofaaf nan kenna!

#Atis carraa qabda
Dursa Chaanaalii Telegram haaraa kana join godhaa maatii ta'aa!
#Sana booda ergaa kana yoo xiqqaate namoota 50f akka dhaqqabamu gochuu qabda. Badhaasni kun gaafa 20/11/2014 ni kennama.
https://t.me/Bedadina

siif gaarii!
#KARAA MILKAA’INAA/#THE WAY TO SUCCESS

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti
milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha
qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa
akka ta’anis irratti walii galama. Kanaaf mee iccitii milka’inaa
kanneen 1,2…jenne haa kafnu;irraas haa barannu:

1.#Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo
barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan
onnee keessaniin amanuudha qabdu. Ofitti amanuun kan
wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan
dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina
isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina
isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”
Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan
dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,
hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka
yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

#2.#Namootni milka’aan kaayyoo qabu.
Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u
qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte
bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa. Kaayyoon
sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya
keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin
kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka
kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

#3. #Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma
boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin
qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala
kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

#4. #Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti
tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without
pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa
garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde
gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakka
yaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii tokko tokko
fudhachuudha qabda. Fkn barataa ciimaa ta’uu akka barbaadu
odeessuu osoo hin taane hojiitti seenuu qabda…cimsitee
qo’achuu !!

#5. #Namootni milka’an kanneen biroo jajjabeessuu jaalatu!

Milka’ina jireenyaa yoo barbaadde iddoo oolmaa keeti
namoota jiraan kan sii oliis haa ta’an kan sii gadii waan gaarii
isaan hojjataan hangamiyyuu xiqqa haa ta’u dinqisiifadhuuf ykn
jajjabeessi. Namni dinqisiifatamuu jibbu hin jiru.Kana gochuu
keetiif ammoo wanti kaasartu tokkoyyu hin jiru; bu’a garuu ni
argata: isaan jajjabeessuu keef sitti gammadu ;ofii kees ni
gammada. Nama wajjiin wal-qunnamtii gaarii horatta.Namoota
wajjiin walqunnamtii gaarii yoo qabaate jaalalaa fi kabajaa
argata.kun ammoo karaa biraan ofitti amantaa kee siif
dabala.Kanarra darbee ammoo namootni waliin hojjatu
kunneen kayyoo kee hubbachuun galma akka geessuu si cinaa
dhaabbatu/si tumsu/

Maarree amaloota namoota milka’anii kanneen jireenya
Keenya keessatti shaakaluun milka’inaaf haa hojjannu!!!

#JOIN AND #SHARE
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/joinchat/bKDwTwVcntAyYmJk
#ABDII KUTATTEE JIRTAA??


❏ Risaan shimbirroota sanyii isaa keessaa umurii dheeraa jiraachudhaan beekama hanga
waggaa 120 jiraachuu danda'a jedhu qorattootni. Garuu umurii kana bira gahuudhaaf rakkoo fi gidiraa hamtuu keessa darbee achi gaha. Umuriin isaa yeroo shantama/50 gahu Fiixeen huuruu isaa qaramaan sun dadhabaa dhufa, Baalleen isaa ciccimoon sun lallafaanii bararuu dadhabu. Qeensi isaanii qara eeboo fakkaatu ilmoo re'ee lafaa qonxooxee qabu sun ni caccabu.

➨ Egaa risaan filannoo lama qofaa qaba.
  ➀: Du'a.
  ➁: Adeemsa Jijjiiramaa Abdii kutachiisaa keessaa bahanii haaromuu.

➨ Adeemsi kun ammoo guyyoota 150 yookiin Ji'a/Baatii 5 itti fudhata adeemsa kana keessatti Risaan gara gaara/Tulluu olka'aatti ol bahee qara huuruu isaa fi baallee/koluu isaa ofirraa caccabsuun jireenya gadadoo fi dhiphinaa
hedduu keessa darba. Nyaata nyaachuu hin danda'u, bararuu/balali'uu hin danda'u, koluu/baallee hin qabu aduu fi
bokkaa dandamachuu hin danda'u......garuu ji'oota muraasa booddee Koluu/baallee haaraa, Huuruu haaraa fi Qeensa haaraa biqilcha/
baasa. Sana booda Risaa balallii isaa cimaa sanatti
deebi'uun waggoota dabalataa 50 ol jiraata.
Jijjiiramni Maaliif Barbaachisee ??
➥ Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru
keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha.
Akkasumas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaa dha. 

keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkaatu. Abdii kutannaa cimaa keessa galla.
Namnis Waaqnis nu hin baasu jennee amana. Garuu ammayyuu Abdiin jira 

● Waaqayyo carraa biraa siif kenna. Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu oolchuu fi
jireenya hambisu erga murteessee nuti maaliif
dadhabne??
● Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa booddeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si
● Sammuu kee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa. Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu Risaan garuu bantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a. 

● Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haa tahu malee ilaalchi nuti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu adda adda beekaa.

Gaaffii:

"Yeroo sadiin barnoota koo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe, Yeroo dhaabbanni
KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgoman keessaa kan otoo hin qacaramin kophaatti hafe ana qofaadha, Humna
waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofa
fudhachuu didan. Yuunibarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata
   — Jack Ma
Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffaadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti.

Ijoon dubbii seenaa kanaa:
 ➨ "Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef
jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta. 

➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 99 bare malee
jedhe.
➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa??
Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.


 ➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
@Bedadina
  ➦ Gαℓαтσσмαα!!!
https://t.me/Bedadina
#Addunyaa keessa jirra moo addunyaatu nu keessa jiraa?

👉Addunyaan keessa jirru kan namni biraan filatee nuuf kennu miti. Kan namni mijeessees nuuf kennu miti Filataanis akkasuma mijeeffataanis nuyidha. #Addunyaan kun harka hin qabdu. Miillas hin qabdu. Garuu, namoota miillaa fi harka gaban baay ee naaffisteetti. #Addunyaan ija hin qabdu. Garuu, dhaloota baay' ee jaamaa taasifteetti. #Addunyaan hin baranne garuu beektoota baay ee doofaa gooteetti. #Addunyaan gilleensa miti. #Addunyaan namaa fi sirna hajii isaati malee!!!
Waan dubbiftaniif galatoomaa!!

#Maddi Kitaaba Saayikoloojii Pr. Miratuu Shaanqoo #Siif Galeeraa jedhu.

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "Hunduu ni Darba" dha.  Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufnis ni darba;  Kan biraa dhiisi anis atis ni darbina!  Kan hin dabarre uumaa addunyaa kanaa Waaqayyo ykn Rabbi qofaadha.

#Kanaafuu maaliif rakkoo darbaa jiruuf hamma kana yaadda'uun?  Guyyaa darbuuf maaliif of miidhuun?  Jireenya kee jiraadhu.  Waan  jaallattu hojjechuuf qophaa'i, Jireenya hafuuraa kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaatti gammadi.  #Osoo hin darbiin jiraadhu yaa qomoo koo!
👇👇👇👇
@Saayikoloojii