#Obboleessa koo Dubartoonni hunduu walqunnamtii saalaa dura waan ittiin qalbii ykn miira kee hataniin qabu:-

#Tarii harma [guntuta] ta'uu danda'a; hidhii ta'uu danda'a; ykn immoo daallee(teessoo) isaanii ta'uu mala. Qofa dubartoonni hunduu waan namatti tolu wayii qabu.

#Maarree ati haadha manaa kee mana keessee kana hunda nan barbaada yoo jette Hoteela seentee akka nyaata hundumaa ajajattee nyaachuuti. Nyaata hoteela tokko keessa jiru hunda yoo nyaatte dhukkubsachuun kee waan hin hafneedha. Dhandhama isaas kamtu akka caalu adda baasuu hin dandeessu. Dubartoota heddu hawwuunis akkuma kana dhukkuba ulfaataadha. Hundumaaf kan mo'amtu yoo taate nama ejjennoo qabu hin taatu.
#Waa'ee namoota hedduu yaadaa waa'ee kee yaaduu hin dandeessu.
#Argitee obboleessa koo dhugaatii wayinii ammuma irra deddeebitee dhugdu aradnisaa si qabaa fi jaalataa deemta malee hin jibbitu. Dubartiinis akkanuma dubartii tokko qofaaf jaalalaa fi yeroo yoo kennite irra caalaa jaalataa deemta malee hin jibbitu.

#Obboleessa koo Dubartoota miliyoona tokko jaalachuun faayidaa hin qabu sababnisaa namoonni baay'een waan gochuu danda'aniidha.
Dubartii tokko karaa Miliyoona tokkoon jaalachuun garuu Gootummaadha. Sababnisaa namoonni heddu gochuu hin danda'an.

#Kanaafuu obboleessa koo waan qabdu hundumaa haadha manaa ykn Jaalallee keef kenni.
Jaalala ishee Dubartoota biraa wajjin walitti hin makin yeroo sana gammadaa taatee lubbuu keefis boqonnaa kennitaa.
Dubartoota heddu wajjin ta'uun dhiphina dabala malee gammachuu hin dabalu.

#Miidiyaa hawaasaa beekamuuf osoo hin taane kan beekne beeksisuuf itti haa fayyadamnu.
Beekuun gaariidha kan beekan beeksisuun immoo tola ooltummaadha.

#Lafa kanarratti waanti nuti raawwannu hunduu samiirratti mindaa barabaraa ta'anii nuuf kaffalamu.

#Yoomiyyuu taanaan waan badaarra gaarii haa yaannu.
Gaariin abbumaafi mitiiree
#Kanaafuu Atis kan dubbiste kana barumsa dabarsa ta'ee sitti mul'annaan namoota biraan gahii barsiisi!!!

#Waan obsaan dubbisteef guddaa galatoomi

#join 👇👇👇👇👇👇


@Dujabewa
#Teessee Yaadda'uudhaan homaa hin fiddu!

#Ka'i! dammaqi!

#Yeroo tokko tokko wanti nuti yaaddofnu baay'ee nama ajaa'ibsiisa, kanaafidha waan jennee waamnullee ni dhabna! #Wantoota gurguddaa jireenya keenya keessatti qabnuu fi wantoota nu barbaachisan dhiifneet wantoota xixiqqoof Yeroo, gammachuu fi nagaa dhabna! #Wanti baay’ee nama gaddisiisu, wanta gatii hin qabneef yaaddofnee erga dhabnee booda ykn wantoota qaalii qabnu osoo hin argin booda qabeenya meeqa akka qabnu yeroo hubannudha. #Kanaafuu yaaddoo irraa fagaannee, waan qabnu guutummaatti itti gammaduu haa barannu!
#Waan baay'ee qabna #fkf Yeroo, Fayyaa, Mul'ata, Galma, Maatii, Hiriyoota, Hojii, Beekumsa, Gammachuu, nagaa fi kkf.
#Ati Qormaata kutaa #12 NAN KUFE jettee aartaayii?

#Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

#Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

#TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

#ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

#Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

#Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

#Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
#Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
#Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
#Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
#Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
#Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
#Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
#Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
#Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

#Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun dawaa milkoomina keetiti.

Obbolee/ttii koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

#Share godhaa #barattootta abdii kutannaa keessa jiran biraan nuuf gahaa adaraa🙏🙏🙏

@Bedadina
@Gaggeessummaa
@Saayikoloojii
#Adeemsa Kee Itti Fufi

#Ati Itti amannaan Ragaa ykn Mirkaneessa hin barbaadin.
Eeyyeen Kan sitti mul'atu nama hundatti hin mul'atu;
Kan sitti dhaga'amu nama biraatti hin dhaga'amu.
#Kanaafuu ofii kee amansiisi sana booda adeemsa kee Itti fufi

#Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga Ittiin isin Gahe!
#Ayyaana Gaarii isiniif haa ta'u !!!

@Saayikoloojii
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Dandeettii kee beeki!

#Waan dandeessu qofa hojjedhuutii waan hin dandeenye  hunda immoo uumaa keetti kenni!  Waantota hedduun yoo garmalee of dhiphiste dandeettii wantoota sasalphaa hojjechuu ni dhabda jechuufan jedhe malee hin danda'u jedhiitii  harka maradhuu taa'i jechuu koo miti. Siif gale  mitii yaanni koo?? Dandeettiin hunda keenyaa garagaradha.

#Kanaafuu lama dhabduu taatee hafuu keerra kan qabatte  qabadhuutii jabaadhu!

  #Yeroo bareedaa qabaadhaa🙏

      👇👇👇👇                          @Saayikoloojii
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "Hunduu ni Darba" dha.  Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufnis ni darba;  Kan biraa dhiisi anis atis ni darbina!  Kan hin dabarre uumaa addunyaa kanaa Waaqayyo ykn Rabbi qofaadha.

#Kanaafuu maaliif rakkoo darbaa jiruuf hamma kana yaadda'uun?  Guyyaa darbuuf maaliif of miidhuun?  Jireenya kee jiraadhu.  Waan  jaallattu hojjechuuf qophaa'i, Jireenya hafuuraa kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaatti gammadi.  #Osoo hin darbiin jiraadhu yaa qomoo koo!
👇👇👇👇
@Saayikoloojii