#Faayiadaa dhungoon (#Kissing ) fayyaa keenyaf qabu:-

Dhungoo/kissing booda Iccitii saayinsaawaa maaltu jira?
#Yeroo namoonni wal jaallatan lama wal dhungatan kemikaaloonniifi hormoononni madda gammachuu tahan hedduun gadi-dhiifamu. kannee keessaa Dooppaamiiniin (dopamine) tokkoofi isa hangafadha. Kemikaalli kun kutaa sammuu keessaa kan maddu yoo tahu miirri gammachuu guddaan akka nutti dhaga’amu taasisa. Wal dhungachuu malees kemikaalli kun baaloota sammuu hadoochan fayyadamuufi nyaachuuniis madduu danda’a.
#Dhungoon jaalalaafi bultii keessattiis murteessaa dha keessattuu Hariiroo namaa irra caalatti walitti guduunfa.kunis kan ta’u Hormoonii Indoorfiin (endorphin) jadhamu maddisiisuun guyya guyyaan gammachuu akka argannu nu taasisa.
Namoonni lameen haala wal dhungoo kana irratti kan hirmaatan yoo tahe qaamni isaanii Indorfiin (endorphin) kana maddisiisuun daran gammadoo tahanii daran akka walittiis dhihaatan isaan taasisa.
#Dabalataaniis, wal dhungachuun hormoonii oksitoosiin (Oxytocin) jadhamu maddisiisuuniis ni beekama. Hormooniin kun ‘hormoonii jaalalaa jedhaamee kan waamamu yoo ta’u Inniis jaalalleewwan giddutti qaanqee jaalalaa bobeessuun akka waliin turan
taasisuuf gargaara.
#Bara 2009’ti qorannoon waa’ee dhungoo irratti taasifame tokko akka addeessutti wal dhungachuun dubartoota vaayrasii hancufa namaa keessatti argamu kan ‘Cytomegalovirus’ jadhamu irraa dandeettii ittisuu kennaaf. Vaayirasichi kun uumamaan kan nama miidhu ta’uu baatullee garuu yeroo ulfaa daa’ima gadameessa keessa jiru ajjeessuufi rakkoolee sammuutiif saaxiluu ni mala.
#Wal dhungachuun daqiiqaa tokko keessatti kaaloorii 6 gubuu danda’a. Kana jechuun sa’aa tokkoon yoo herreegne kaaloorii fiigicha sa’aa 1 tokkoon gubamu caalaa guba jechuudha. Kanaaf ulfaatina qaamaa hir’isuu keessattillee gahee qaba jechuudha.
#dhungoon dhiphina ykn stress hir’isuu keessattillee ga’ee olaanaa qaba. kunis hormooniwwan dhiphinaa koortisol jedhamu hir’isuun dhiphina hir’isuu keessatti ga’ee qaba.
#Kanaaf yeroosaatti itti gargaaramaa!

Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Nafyad Getu
@Dujabewa

https://t.me/joinchat/WDQI2GoDP_te2plF
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaa🙏🙏🙏

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bara sitti bade Gumaa abbaa keetii dhiistee
Bara siif mijate garuu gumaa saree keetiiyyuu hin dhiistu!!
#Jechama Baay'ee ulfaataadha!

(T.B)
@Saayikoloojii