#Obboleessa koo Dubartoonni hunduu walqunnamtii saalaa dura waan ittiin qalbii ykn miira kee hataniin qabu:-

#Tarii harma [guntuta] ta'uu danda'a; hidhii ta'uu danda'a; ykn immoo daallee(teessoo) isaanii ta'uu mala. Qofa dubartoonni hunduu waan namatti tolu wayii qabu.

#Maarree ati haadha manaa kee mana keessee kana hunda nan barbaada yoo jette Hoteela seentee akka nyaata hundumaa ajajattee nyaachuuti. Nyaata hoteela tokko keessa jiru hunda yoo nyaatte dhukkubsachuun kee waan hin hafneedha. Dhandhama isaas kamtu akka caalu adda baasuu hin dandeessu. Dubartoota heddu hawwuunis akkuma kana dhukkuba ulfaataadha. Hundumaaf kan mo'amtu yoo taate nama ejjennoo qabu hin taatu.
#Waa'ee namoota hedduu yaadaa waa'ee kee yaaduu hin dandeessu.
#Argitee obboleessa koo dhugaatii wayinii ammuma irra deddeebitee dhugdu aradnisaa si qabaa fi jaalataa deemta malee hin jibbitu. Dubartiinis akkanuma dubartii tokko qofaaf jaalalaa fi yeroo yoo kennite irra caalaa jaalataa deemta malee hin jibbitu.

#Obboleessa koo Dubartoota miliyoona tokko jaalachuun faayidaa hin qabu sababnisaa namoonni baay'een waan gochuu danda'aniidha.
Dubartii tokko karaa Miliyoona tokkoon jaalachuun garuu Gootummaadha. Sababnisaa namoonni heddu gochuu hin danda'an.

#Kanaafuu obboleessa koo waan qabdu hundumaa haadha manaa ykn Jaalallee keef kenni.
Jaalala ishee Dubartoota biraa wajjin walitti hin makin yeroo sana gammadaa taatee lubbuu keefis boqonnaa kennitaa.
Dubartoota heddu wajjin ta'uun dhiphina dabala malee gammachuu hin dabalu.

#Miidiyaa hawaasaa beekamuuf osoo hin taane kan beekne beeksisuuf itti haa fayyadamnu.
Beekuun gaariidha kan beekan beeksisuun immoo tola ooltummaadha.

#Lafa kanarratti waanti nuti raawwannu hunduu samiirratti mindaa barabaraa ta'anii nuuf kaffalamu.

#Yoomiyyuu taanaan waan badaarra gaarii haa yaannu.
Gaariin abbumaafi mitiiree
#Kanaafuu Atis kan dubbiste kana barumsa dabarsa ta'ee sitti mul'annaan namoota biraan gahii barsiisi!!!

#Waan obsaan dubbisteef guddaa galatoomi

#join 👇👇👇👇👇👇


@Dujabewa
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaa🙏🙏🙏

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ofiif ta'i

#Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

#Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. #Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. #Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

#Yeroo Gaarii isiniif hawwina!
👇👇👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii