#Hiyyummaan Namaa gadi nama #gooti!

πŸ‘‰βœ‹Akkam jirtu Hordoftoota Chaanalii keenyaa
#Beelli hirribarraa nama dammaqsa. Hiyyummaa irra aanuuf dura hirriba irra aanuu qabna. #Rakkinni namaa gadi nama taasifti, osoo beela'anuu waan barbaadan filatanii nyaachuu dadhabu, filatanii uffachuu dadhabu, maarree kun ulfaataa mitii? Kanaaf dammaquu qabna.
#Dammaquu qofa osoo hin taane, ka'uun, utaaluun barbaachisaadha.
#Mee kaanee abjuu keenya yaada keenya keessatti, gabatee abjuu keenyaa irratti haa ilaallu, waraqaa irrattis yoo barreessine, lafatti kufuun isaa waan hin oolle. Haala kanaan, abjuu keenyaa fi jireenya keenya walitti haa qabnu. Hanga dhugoomsinuttis abdii kutachuu hin qabnu.
#Ganama sa'aatii meeqatti hirribaa kaata? Galgalahoo saatii meeqatti rafta?

🌻Halkan gaariin isiiniif hawwa!

#Ganamaan Ka'aaπŸ™πŸ™πŸ™

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!πŸ™πŸ™πŸ™
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii