#Faayidaa Bishaan Dhuguu

Bishaan dhuguun Uumaama kamiifu faayidaa hedduu qaba, keessattu ilma namaatiif. Ulfaatinni ilma namaa harki baayyee guddaan jiddugalaan hanga 60% (Saala fi Umriin garaagaarumma qabaatule) dhangala’adha. Namni ga’eessi tokko guyyaatti bishaan Litira 2-3 akka dhuguus ni gorfama.
Bishaan dhuguun faayidaa heddu qabatuus isaan keessa muraasni isaanii:-

#Fayyummaa kalee keenyaaf
Dhukkuba garaachaaf ni gargaara

#Dhukkubbii yeroo marsaa Laguuf
#Gogiinsa garaa hir’isuun, alkallattidhan immoo dhibee Kintaarootti nurra fooyyessa.
#Gogaan keenya lallaafaa fi midhagaa akka ta’uuf ni gargaara
#Onneen keenya dalagaa ishee sirnaan akka raawwatu gargaara
#Dandeettii waa yaaduu keenyaa dabaluuf
#Mataa bowwoo hir’isuuf darbees fayyisuuf
#Furdina gar malee hir’isuuf
#Dadhabbii irraa dafnee akka boqonnuf
#Sosochii qaamaa haala gahumsa qabuun akka taasifnuuf
#Kulkula(inflammation) irraa bayyaannachuuf
#GANAMA GANAMA GARAA DUWWAATTI yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin bishaan Burcuqqoo tokko ykn liitira 1 dhuguun immoo dabalataan faayidaa heddu qaba isaaniis:-
#Dhukkuboota Sirna haargansu hubaan, fknf Biroonkaayitii, Asmii, fi kkf fa’af baayyee fayyaada.
#Dhibee gaggabdoof ni gargaara
#Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraaruu fi kkf fa’a..
Erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamu fi dhugamu biroo (bishaanin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiqaa 30 turuu qabna.

@Dujabewa
#Hiyyummaan Namaa gadi nama #gooti!

👉Akkam jirtu Hordoftoota Chaanalii keenyaa
#Beelli hirribarraa nama dammaqsa. Hiyyummaa irra aanuuf dura hirriba irra aanuu qabna. #Rakkinni namaa gadi nama taasifti, osoo beela'anuu waan barbaadan filatanii nyaachuu dadhabu, filatanii uffachuu dadhabu, maarree kun ulfaataa mitii? Kanaaf dammaquu qabna.
#Dammaquu qofa osoo hin taane, ka'uun, utaaluun barbaachisaadha.
#Mee kaanee abjuu keenya yaada keenya keessatti, gabatee abjuu keenyaa irratti haa ilaallu, waraqaa irrattis yoo barreessine, lafatti kufuun isaa waan hin oolle. Haala kanaan, abjuu keenyaa fi jireenya keenya walitti haa qabnu. Hanga dhugoomsinuttis abdii kutachuu hin qabnu.
#Ganama sa'aatii meeqatti hirribaa kaata? Galgalahoo saatii meeqatti rafta?

🌻Halkan gaariin isiiniif hawwa!

#Ganamaan Ka'aa🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ganama Kee #sumatu Bareechata!!!

#Kana ofitti himi hin gaddiin biyyeen waan facaaftu biqilcha.
#Guyyaan har'aa namatti tola, guyyaa addaati jedhi!!
1. Ani adda! Ani nama ajaa'ibaati!
2. Nan danda'a!
3. Sammuu waan gaarii yaadun qaba!
4. Jireenyaa fi imalan jalqabe injifannoonan xumura!
5. Milkaa’aa; gammadaa Ani nama hafuuraati!

#Kana ofitti dubbachuu ykn sagalee ol kaastee dubbisuun qofti miira kee ni jijjiira. Dadhabina kee, yaaddoo kee, rakkoo kee yaaddee #guyyaa kee hin jalqabin! Sababni isaas yoo yaaddoo fi rakkina facaafte yaaddoo fi rakkinuma haammatta. #Waan qabbanaa'aa fi tasgabba'aa sammuu kee keessa galchi yaa firaa koo!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!
@Bedadina
@Saayikoloojii